Check out the new design

કુરઆન મજીદના શબ્દોનું ભાષાંતર - ઓરોમાં ભાષામાં અનુવાદ - ગાલી અબાબૂર * - ભાષાંતરોની અનુક્રમણિકા

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

શબ્દોનું ભાષાંતર સૂરહ: અલ્ કસસ   આયત:
وَلَمَّا تَوَجَّهَ تِلۡقَآءَ مَدۡيَنَ قَالَ عَسَىٰ رَبِّيٓ أَن يَهۡدِيَنِي سَوَآءَ ٱلسَّبِيلِ
Yeroma gara Madyan gara galu “gooftaan kiyya karaa sirrii akka na qajeelchun kajeela” jedhe.
અરબી તફસીરો:
وَلَمَّا وَرَدَ مَآءَ مَدۡيَنَ وَجَدَ عَلَيۡهِ أُمَّةٗ مِّنَ ٱلنَّاسِ يَسۡقُونَ وَوَجَدَ مِن دُونِهِمُ ٱمۡرَأَتَيۡنِ تَذُودَانِۖ قَالَ مَا خَطۡبُكُمَاۖ قَالَتَا لَا نَسۡقِي حَتَّىٰ يُصۡدِرَ ٱلرِّعَآءُۖ وَأَبُونَا شَيۡخٞ كَبِيرٞ
Yeroma bishaan Madyan bira ga’u garee namoota irraa ta’e kan [beyladoota isaanii] bishaan obaasan argee, isaan boodas dubartoota lama kan beyladoota isaanii ittisan argee “maali haalli keessan?” (isaaniin) jedhe. Isaanis “Nuti hanga tiksitoonni obaasanii geeffatanitti hin obaafnu, Abbaan keenya jaarsa guddaadha” jedhan.
અરબી તફસીરો:
فَسَقَىٰ لَهُمَا ثُمَّ تَوَلَّىٰٓ إِلَى ٱلظِّلِّ فَقَالَ رَبِّ إِنِّي لِمَآ أَنزَلۡتَ إِلَيَّ مِنۡ خَيۡرٖ فَقِيرٞ
Isaan lamaaniif obaasee sana booda gara gaaddisaa deebi’ee “yaa Gooftaa kiyya! ni toltuu irraa waan Ati narratti buufte (naaf murteessite)tti haajomaadha” jedhe.
અરબી તફસીરો:
فَجَآءَتۡهُ إِحۡدَىٰهُمَا تَمۡشِي عَلَى ٱسۡتِحۡيَآءٖ قَالَتۡ إِنَّ أَبِي يَدۡعُوكَ لِيَجۡزِيَكَ أَجۡرَ مَا سَقَيۡتَ لَنَاۚ فَلَمَّا جَآءَهُۥ وَقَصَّ عَلَيۡهِ ٱلۡقَصَصَ قَالَ لَا تَخَفۡۖ نَجَوۡتَ مِنَ ٱلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ
Ergasii tokkoon isaan lamaanii saalfachaa deemuun isatti dhuftee “abbaan kiyya mindaa waan nuuf obaaftee siif kafaluuf si waama” jette. Yeroma inni itti dhufee seenaa isatti himu “hin sodaatin; ummata miidhaa hojjattoota jalaa baatee jirtaa” jedheen.
અરબી તફસીરો:
قَالَتۡ إِحۡدَىٰهُمَا يَٰٓأَبَتِ ٱسۡتَـٔۡجِرۡهُۖ إِنَّ خَيۡرَ مَنِ ٱسۡتَـٔۡجَرۡتَ ٱلۡقَوِيُّ ٱلۡأَمِينُ
Tokkoon Isaan lamaanii “Yaa abbaa kiyya! Isa nuuf ramadi. Dhugumatti, irra caalaan namoota ati ramadduu isa jabaa, amanamaadha” jette
અરબી તફસીરો:
قَالَ إِنِّيٓ أُرِيدُ أَنۡ أُنكِحَكَ إِحۡدَى ٱبۡنَتَيَّ هَٰتَيۡنِ عَلَىٰٓ أَن تَأۡجُرَنِي ثَمَٰنِيَ حِجَجٖۖ فَإِنۡ أَتۡمَمۡتَ عَشۡرٗا فَمِنۡ عِندِكَۖ وَمَآ أُرِيدُ أَنۡ أَشُقَّ عَلَيۡكَۚ سَتَجِدُنِيٓ إِن شَآءَ ٱللَّهُ مِنَ ٱلصَّٰلِحِينَ
[Inni] ni jedhe: “Ani takkaa shamarree too tana lamaanii sitti heerumsiisuun fedha woggaa saddeet na tajaajiluu kee irratti Kudhan yoo guutte [sun tola] si biraa ta’e; sirratti jabeessuu hin fedhu. Yoo Rabbiin fedhe gaggaarii irraa ta’uu na arguuf jirta.”
અરબી તફસીરો:
قَالَ ذَٰلِكَ بَيۡنِي وَبَيۡنَكَۖ أَيَّمَا ٱلۡأَجَلَيۡنِ قَضَيۡتُ فَلَا عُدۡوَٰنَ عَلَيَّۖ وَٱللَّهُ عَلَىٰ مَا نَقُولُ وَكِيلٞ
[Muusaanis] ni jedhe: “kun [walii galtee] gidduu kiyyaafi keetiiti, Beellama lamaan irraa kamiyyuu yoon guute, daangaa narratti dabruun hin jiru. Rabbii waan nuti jennu irratti ragaadha.”
અરબી તફસીરો:
 
શબ્દોનું ભાષાંતર સૂરહ: અલ્ કસસ
સૂરહ માટે અનુક્રમણિકા પેજ નંબર
 
કુરઆન મજીદના શબ્દોનું ભાષાંતર - ઓરોમાં ભાષામાં અનુવાદ - ગાલી અબાબૂર - ભાષાંતરોની અનુક્રમણિકા

તેનું અનુવાદ ગાલી અબાબૂર અબાગૂના દ્વારા કરવામાં આવ્યું છે.

બંધ કરો