Check out the new design

કુરઆન મજીદના શબ્દોનું ભાષાંતર - ઓરોમાં ભાષામાં અનુવાદ - ગાલી અબાબૂર * - ભાષાંતરોની અનુક્રમણિકા

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

શબ્દોનું ભાષાંતર સૂરહ: આલિ ઇમરાન   આયત:
إِذۡ هَمَّت طَّآئِفَتَانِ مِنكُمۡ أَن تَفۡشَلَا وَٱللَّهُ وَلِيُّهُمَاۗ وَعَلَى ٱللَّهِ فَلۡيَتَوَكَّلِ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ
Yeroo gareen lamaan isin irraa ta'an lunnoomuu yaadan [yaadadhaa]. Rabbiin gargaaraa isaan lamaaniiti. Mu’uminoonni Rabbi qofarratti haa irkatanii.
અરબી તફસીરો:
وَلَقَدۡ نَصَرَكُمُ ٱللَّهُ بِبَدۡرٖ وَأَنتُمۡ أَذِلَّةٞۖ فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ لَعَلَّكُمۡ تَشۡكُرُونَ
Dugumatti haala isin xiqqoo taataniin, (dirree) Badriitti Rabbiin isinii tumseera. Akka galateeffattaniif jecha Rabbiin sodaadhaa.
અરબી તફસીરો:
إِذۡ تَقُولُ لِلۡمُؤۡمِنِينَ أَلَن يَكۡفِيَكُمۡ أَن يُمِدَّكُمۡ رَبُّكُم بِثَلَٰثَةِ ءَالَٰفٖ مِّنَ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةِ مُنزَلِينَ
Yeroo ati mu’uminootaan [yaadadhaa]. “sila Gooftaan keessan maleeykota kuma sadii (samii irraa) buufamoota ta'aniin isin gargaaruun isinii hin ga'uu?”
અરબી તફસીરો:
بَلَىٰٓۚ إِن تَصۡبِرُواْ وَتَتَّقُواْ وَيَأۡتُوكُم مِّن فَوۡرِهِمۡ هَٰذَا يُمۡدِدۡكُمۡ رَبُّكُم بِخَمۡسَةِ ءَالَٰفٖ مِّنَ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةِ مُسَوِّمِينَ
Eeyyeen; yoo obsitaniifi Rabbiin sodaattan, yoo (mushrikoonnis) battaluma isaanii kanatti isinitti dhufan; Gooftaan keessan maleeykota mallatteeffamoo ta’an kuma shaniin isin gargaara.
અરબી તફસીરો:
وَمَا جَعَلَهُ ٱللَّهُ إِلَّا بُشۡرَىٰ لَكُمۡ وَلِتَطۡمَئِنَّ قُلُوبُكُم بِهِۦۗ وَمَا ٱلنَّصۡرُ إِلَّا مِنۡ عِندِ ٱللَّهِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡحَكِيمِ
Isin gammachiisuufi onneewwan keessan ittiin haa tasgabbooftuuf malee Rabbiin (waan biraatiif) isa hin taasifne. Tumsi Rabbii injifataa, ogeessa ta’e irraa malee hin jiru.
અરબી તફસીરો:
لِيَقۡطَعَ طَرَفٗا مِّنَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ أَوۡ يَكۡبِتَهُمۡ فَيَنقَلِبُواْ خَآئِبِينَ
Isaan kafaran irraa garii muruuf (balleessuuf) yookiin isaan salphisuuf, Akka xiqqaatanii deebi’aniif (kana godhe).
અરબી તફસીરો:
لَيۡسَ لَكَ مِنَ ٱلۡأَمۡرِ شَيۡءٌ أَوۡ يَتُوبَ عَلَيۡهِمۡ أَوۡ يُعَذِّبَهُمۡ فَإِنَّهُمۡ ظَٰلِمُونَ
siif murtiin homaayyuu hin jiru, yooka Rabbiin toobaa isaanii qeebala yookiin isaan adaba, isaan miidhaa raawwattoota.
અરબી તફસીરો:
وَلِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۚ يَغۡفِرُ لِمَن يَشَآءُ وَيُعَذِّبُ مَن يَشَآءُۚ وَٱللَّهُ غَفُورٞ رَّحِيمٞ
Wantoonni samii keessa jiraniifi wantoonni dachii keessa jiran (hundi) kan Rabbiiti (Inni) nama fedheef ni araarama; nama fedhe immoo ni adaba Rabbiinis araaramaa, rahmata godhaadha.
અરબી તફસીરો:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تَأۡكُلُواْ ٱلرِّبَوٰٓاْ أَضۡعَٰفٗا مُّضَٰعَفَةٗۖ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ لَعَلَّكُمۡ تُفۡلِحُونَ
Yaa warra amantan! dhala dachaalee dachaafamaa ta'e hin nyaatinaa, Akka milkooftaniif jechas Rabbiin sodaadhaa.
અરબી તફસીરો:
وَٱتَّقُواْ ٱلنَّارَ ٱلَّتِيٓ أُعِدَّتۡ لِلۡكَٰفِرِينَ
Ibidda kaafirootaaf qopheeffamte san sodaadhaa.
અરબી તફસીરો:
وَأَطِيعُواْ ٱللَّهَ وَٱلرَّسُولَ لَعَلَّكُمۡ تُرۡحَمُونَ
Akka mararfatamtaniif jecha Rabbiifi ergamichaaf ajajamaa.
અરબી તફસીરો:
 
શબ્દોનું ભાષાંતર સૂરહ: આલિ ઇમરાન
સૂરહ માટે અનુક્રમણિકા પેજ નંબર
 
કુરઆન મજીદના શબ્દોનું ભાષાંતર - ઓરોમાં ભાષામાં અનુવાદ - ગાલી અબાબૂર - ભાષાંતરોની અનુક્રમણિકા

તેનું અનુવાદ ગાલી અબાબૂર અબાગૂના દ્વારા કરવામાં આવ્યું છે.

બંધ કરો