Check out the new design

કુરઆન મજીદના શબ્દોનું ભાષાંતર - ઓરોમાં ભાષામાં અનુવાદ - ગાલી અબાબૂર * - ભાષાંતરોની અનુક્રમણિકા

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

શબ્દોનું ભાષાંતર સૂરહ: ગાફિર   આયત:
ٱلۡيَوۡمَ تُجۡزَىٰ كُلُّ نَفۡسِۭ بِمَا كَسَبَتۡۚ لَا ظُلۡمَ ٱلۡيَوۡمَۚ إِنَّ ٱللَّهَ سَرِيعُ ٱلۡحِسَابِ
Har’a (Guyyaa Qiyaamaa) lubbuun hundi waan hojjatte mindeeffamti. Har’a miidhaan hin jiru. Dhugumatti Rabbiin saffisaa herregaati.
અરબી તફસીરો:
وَأَنذِرۡهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡأٓزِفَةِ إِذِ ٱلۡقُلُوبُ لَدَى ٱلۡحَنَاجِرِ كَٰظِمِينَۚ مَا لِلظَّٰلِمِينَ مِنۡ حَمِيمٖ وَلَا شَفِيعٖ يُطَاعُ
Guyyaa dhihaattuu (Qiyaamaa),isaan akeekkachiisi. yeroo onneewwan kokkeewwan bira geessu, yaada guutaman san. Miidhaa raawwattootaaf firri yookiin manguddoon fudhatama qabu tokkolleen hin jiru.
અરબી તફસીરો:
يَعۡلَمُ خَآئِنَةَ ٱلۡأَعۡيُنِ وَمَا تُخۡفِي ٱلصُّدُورُ
(Rabbiin) gantuu ijootaa ni beeka. waan qomoowwan dhoksitus.
અરબી તફસીરો:
وَٱللَّهُ يَقۡضِي بِٱلۡحَقِّۖ وَٱلَّذِينَ يَدۡعُونَ مِن دُونِهِۦ لَا يَقۡضُونَ بِشَيۡءٍۗ إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡبَصِيرُ
Rabbiin dhugaan murteessa. Warri Isaa gaditti isaan gabbaran homaa hin murteessanu. Rabbiin Isumatu dhagayaa, argaadha.
અરબી તફસીરો:
۞ أَوَلَمۡ يَسِيرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَيَنظُرُواْ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلَّذِينَ كَانُواْ مِن قَبۡلِهِمۡۚ كَانُواْ هُمۡ أَشَدَّ مِنۡهُمۡ قُوَّةٗ وَءَاثَارٗا فِي ٱلۡأَرۡضِ فَأَخَذَهُمُ ٱللَّهُ بِذُنُوبِهِمۡ وَمَا كَانَ لَهُم مِّنَ ٱللَّهِ مِن وَاقٖ
Sila dachii keessa deemanii booddeen warra isaan dura turanii akkam akka taate hin ilaalanuu? Humnaafi dachii keessatti faana dhiisuun isaan irra ciccimoo turan, Rabbiin badiilee isaaniitif isaan qabe (adabbii) Rabbii irraa wanti isaan tiksu tokkollee isaaniif hin jiru.
અરબી તફસીરો:
ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ كَانَت تَّأۡتِيهِمۡ رُسُلُهُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِ فَكَفَرُواْ فَأَخَذَهُمُ ٱللَّهُۚ إِنَّهُۥ قَوِيّٞ شَدِيدُ ٱلۡعِقَابِ
Kun waan isaan, ergamtoonni isaanii ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhufnaan, isaan (itti) kafaraniifi. Rabbiin isaan ni qabe. Inni jabaa, adabbii cimaati.
અરબી તફસીરો:
وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا مُوسَىٰ بِـَٔايَٰتِنَا وَسُلۡطَٰنٖ مُّبِينٍ
Dhugumatti, Muusaa keeyyattoota keenyaafi ragaa mul'ataan ergineerra.
અરબી તફસીરો:
إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ وَهَٰمَٰنَ وَقَٰرُونَ فَقَالُواْ سَٰحِرٞ كَذَّابٞ
Gara Fir’awn, Haamaaniifi Qaaruunitti (erginee) “falfalaa, akkaan sobaadha” jedhan.
અરબી તફસીરો:
فَلَمَّا جَآءَهُم بِٱلۡحَقِّ مِنۡ عِندِنَا قَالُواْ ٱقۡتُلُوٓاْ أَبۡنَآءَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ مَعَهُۥ وَٱسۡتَحۡيُواْ نِسَآءَهُمۡۚ وَمَا كَيۡدُ ٱلۡكَٰفِرِينَ إِلَّا فِي ضَلَٰلٖ
Yeroo inni dhugaa Nu biraa ta’een isaanitti dhufe, ni jedhan: “ilmaan dhiiraa warra isaa waliin amananii ajjeesaa; dubartoota isaanii dhiisaa.” shirri kaafirootaa dhabama keessatti malee hin taane.
અરબી તફસીરો:
 
શબ્દોનું ભાષાંતર સૂરહ: ગાફિર
સૂરહ માટે અનુક્રમણિકા પેજ નંબર
 
કુરઆન મજીદના શબ્દોનું ભાષાંતર - ઓરોમાં ભાષામાં અનુવાદ - ગાલી અબાબૂર - ભાષાંતરોની અનુક્રમણિકા

તેનું અનુવાદ ગાલી અબાબૂર અબાગૂના દ્વારા કરવામાં આવ્યું છે.

બંધ કરો