Check out the new design

કુરઆન મજીદના શબ્દોનું ભાષાંતર - ઓરોમાં ભાષામાં અનુવાદ - ગાલી અબાબૂર * - ભાષાંતરોની અનુક્રમણિકા

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

શબ્દોનું ભાષાંતર સૂરહ: અલ્ અન્આમ   આયત:
ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمۡۖ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ خَٰلِقُ كُلِّ شَيۡءٖ فَٱعۡبُدُوهُۚ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ وَكِيلٞ
(Kan akkana hojjate) kun Rabbii keessani, Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, (Inni) uumaa waan hundaatii, Isa (qofa) gabbaraa, Inni waan hunda tiksaadha.
અરબી તફસીરો:
لَّا تُدۡرِكُهُ ٱلۡأَبۡصَٰرُ وَهُوَ يُدۡرِكُ ٱلۡأَبۡصَٰرَۖ وَهُوَ ٱللَّطِيفُ ٱلۡخَبِيرُ
(Addunyaatti) agartuun (ijji) Isa hin agartu, Inni immoo agartuu hunda ni arga, Inni mararfataa, beekaadha. {1}
{1} adduniyatti Rabbiin arguun hindandayamu. aakhiratti ammoo mu'imintoonni isa ni argu, kuni qur'aanaafii hadiisaanis mirkanaayee jira.
અરબી તફસીરો:
قَدۡ جَآءَكُم بَصَآئِرُ مِن رَّبِّكُمۡۖ فَمَنۡ أَبۡصَرَ فَلِنَفۡسِهِۦۖ وَمَنۡ عَمِيَ فَعَلَيۡهَاۚ وَمَآ أَنَا۠ عَلَيۡكُم بِحَفِيظٖ
Dhugumatti, Gooftaa keessan irraa ragaawwan ifa ta’an isinitti dhufeera. Namni (ragaawwan kanniin) arge lubbuma isaatiif (itti fayyadama). Namni jaame isheedhuma irratti (miidhaa geessisa). Anii isin irratti tiksaa miti.
અરબી તફસીરો:
وَكَذَٰلِكَ نُصَرِّفُ ٱلۡأٓيَٰتِ وَلِيَقُولُواْ دَرَسۡتَ وَلِنُبَيِّنَهُۥ لِقَوۡمٖ يَعۡلَمُونَ
Akkanatti keeyyattoota addeessina, qu'ate akka jedhaniifi, ummata beekaniif isa ibsuuf.
અરબી તફસીરો:
ٱتَّبِعۡ مَآ أُوحِيَ إِلَيۡكَ مِن رَّبِّكَۖ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ وَأَعۡرِضۡ عَنِ ٱلۡمُشۡرِكِينَ
Waan Gooftaa kee irraa sitti beeksifame hordofi. Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; mushrikoota irraas garagali.
અરબી તફસીરો:
وَلَوۡ شَآءَ ٱللَّهُ مَآ أَشۡرَكُواْۗ وَمَا جَعَلۡنَٰكَ عَلَيۡهِمۡ حَفِيظٗاۖ وَمَآ أَنتَ عَلَيۡهِم بِوَكِيلٖ
Odoo Rabbiin fedhee, silaa (isatti) hin qindeessanu ture, Isaan irratti tiksaa si hin goone, Ati isaan irratti moosifamaa miti.
અરબી તફસીરો:
وَلَا تَسُبُّواْ ٱلَّذِينَ يَدۡعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ فَيَسُبُّواْ ٱللَّهَ عَدۡوَۢا بِغَيۡرِ عِلۡمٖۗ كَذَٰلِكَ زَيَّنَّا لِكُلِّ أُمَّةٍ عَمَلَهُمۡ ثُمَّ إِلَىٰ رَبِّهِم مَّرۡجِعُهُمۡ فَيُنَبِّئُهُم بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Warra isaan Rabbii gaditti gabbaran hin arrabsinaa, Beekumsa maleetti jibbaadhaan Rabbiin arrabsuu, Akka kanatti ummata hundaaf dalagaa isaanii miidhagsine. Ergasii deebiin isaanii gara Gooftaa isaaniiti; waan isaan dalagaa turan isaanitti hima.
અરબી તફસીરો:
وَأَقۡسَمُواْ بِٱللَّهِ جَهۡدَ أَيۡمَٰنِهِمۡ لَئِن جَآءَتۡهُمۡ ءَايَةٞ لَّيُؤۡمِنُنَّ بِهَاۚ قُلۡ إِنَّمَا ٱلۡأٓيَٰتُ عِندَ ٱللَّهِۖ وَمَا يُشۡعِرُكُمۡ أَنَّهَآ إِذَا جَآءَتۡ لَا يُؤۡمِنُونَ
kakuulee isaanii cimaa Rabbitti kakatan "Odoo mallattoon wahii isaanitti dhuftee, silaa isitti amanna" jedhanii, "Mallattoowwan Rabbuma biraayi" jedhi. Yeroo isheen (raajiwwan) dhufte isaan hin amananuu maaltu isin beeksise? (Rabbitu beeka malee isin hin beektanu).
અરબી તફસીરો:
وَنُقَلِّبُ أَفۡـِٔدَتَهُمۡ وَأَبۡصَٰرَهُمۡ كَمَا لَمۡ يُؤۡمِنُواْ بِهِۦٓ أَوَّلَ مَرَّةٖ وَنَذَرُهُمۡ فِي طُغۡيَٰنِهِمۡ يَعۡمَهُونَ
Onneewwan isaaniitiifi agartuuwwan isaanii gara gaggalchina, Akkuma isaan yeroo jalqabaa isatti hin amanin. Kan dhama'an ta'anii jallina isaanii keessatti isaan dhiifna.
અરબી તફસીરો:
 
શબ્દોનું ભાષાંતર સૂરહ: અલ્ અન્આમ
સૂરહ માટે અનુક્રમણિકા પેજ નંબર
 
કુરઆન મજીદના શબ્દોનું ભાષાંતર - ઓરોમાં ભાષામાં અનુવાદ - ગાલી અબાબૂર - ભાષાંતરોની અનુક્રમણિકા

તેનું અનુવાદ ગાલી અબાબૂર અબાગૂના દ્વારા કરવામાં આવ્યું છે.

બંધ કરો