કુરઆન મજીદના શબ્દોનું ભાષાંતર - ઓરોમાં ભાષાતર * - ભાષાંતરોની અનુક્રમણિકા

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

શબ્દોનું ભાષાંતર સૂરહ: અત્ તગાબુન   આયત:

Attaghaabun

يُسَبِّحُ لِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۖ لَهُ ٱلۡمُلۡكُ وَلَهُ ٱلۡحَمۡدُۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٌ
Wanti samiilee keessaafi wanti dachii keessaa hundi Rabbiin qulqulleessa. Mootummaan kan Isaati; faarunis kan Isaati. Inni waan hunda irratti danda'aadha.
અરબી તફસીરો:
هُوَ ٱلَّذِي خَلَقَكُمۡ فَمِنكُمۡ كَافِرٞ وَمِنكُم مُّؤۡمِنٞۚ وَٱللَّهُ بِمَا تَعۡمَلُونَ بَصِيرٌ
Inni Isa isin uume Isin irraa Kaafirris ni jira; isin irraa Mu'uminnis ni jira. Rabbiin waan isin dalagdan argaadha.
અરબી તફસીરો:
خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ بِٱلۡحَقِّ وَصَوَّرَكُمۡ فَأَحۡسَنَ صُوَرَكُمۡۖ وَإِلَيۡهِ ٱلۡمَصِيرُ
Samiileefi dachii dhugaan uume. Isinis bocee boca keessan bareeche, Deebiin garuma isaati.
અરબી તફસીરો:
يَعۡلَمُ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَيَعۡلَمُ مَا تُسِرُّونَ وَمَا تُعۡلِنُونَۚ وَٱللَّهُ عَلِيمُۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ
Wantoota samiileefi dachii keessa jiru hunda ni beeka; akkasumas waan isin dhoksitaniifi waan isin ifa gootan ni beeka. Rabbiin waan qomoowwan keessaa beekaadha.
અરબી તફસીરો:
أَلَمۡ يَأۡتِكُمۡ نَبَؤُاْ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن قَبۡلُ فَذَاقُواْ وَبَالَ أَمۡرِهِمۡ وَلَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ
Sila oduun warra duraan kafaranii isinitti hin dhufnee! adabbii kufrii isaanii dhandhaman, Isaaniif ibidda laalessaatu jira.
અરબી તફસીરો:
ذَٰلِكَ بِأَنَّهُۥ كَانَت تَّأۡتِيهِمۡ رُسُلُهُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِ فَقَالُوٓاْ أَبَشَرٞ يَهۡدُونَنَا فَكَفَرُواْ وَتَوَلَّواْۖ وَّٱسۡتَغۡنَى ٱللَّهُۚ وَٱللَّهُ غَنِيٌّ حَمِيدٞ
Kunis sababa ergamooleen isaanii ragaa iftuudhaan isaanitti dhufnaan "sila namatu nu qajeelchaa?" jedhanii kafaranii irraayis garagalaniifi. Rabbiinis of ga'e. Rabbiin dureessa faarfamaadha.
અરબી તફસીરો:
زَعَمَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ أَن لَّن يُبۡعَثُواْۚ قُلۡ بَلَىٰ وَرَبِّي لَتُبۡعَثُنَّ ثُمَّ لَتُنَبَّؤُنَّ بِمَا عَمِلۡتُمۡۚ وَذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٞ
Isaan kafaran (erga du'anii) hin kaafamanii dubbatan jedhiin "Lakkii! Gooftaa kiyyatti kakadhee ni kaafamtu; ergasii wanti dalagdan hunduu isinitti himama. Sun Rabbirratti laafaa dha".
અરબી તફસીરો:
فَـَٔامِنُواْ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ وَٱلنُّورِ ٱلَّذِيٓ أَنزَلۡنَاۚ وَٱللَّهُ بِمَا تَعۡمَلُونَ خَبِيرٞ
Rabbiifi Ergamaa Isaatti amanaa. akkasumas ifaa isa Nuti buufnetti (amanaa). Rabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha.
અરબી તફસીરો:
يَوۡمَ يَجۡمَعُكُمۡ لِيَوۡمِ ٱلۡجَمۡعِۖ ذَٰلِكَ يَوۡمُ ٱلتَّغَابُنِۗ وَمَن يُؤۡمِنۢ بِٱللَّهِ وَيَعۡمَلۡ صَٰلِحٗا يُكَفِّرۡ عَنۡهُ سَيِّـَٔاتِهِۦ وَيُدۡخِلۡهُ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدٗاۚ ذَٰلِكَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡعَظِيمُ
Guyyaa wal gahichaatiif guyyaa (Rabbiin) walitti isin qabu san [yaadadhaa]. Sun guyyaa wal gowwoomsuuti. Namni Rabbitti amanee toltuu dalage (Rabbiin) diliilee isaa isarraa harcaasa. Jannatoowwan jala ishee laggeen yaatu isa seensisa haala isii keessatti abaditti hafoo ta'aniin. Sun milkii guddaadha.
અરબી તફસીરો:
وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَكَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَآ أُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلنَّارِ خَٰلِدِينَ فِيهَاۖ وَبِئۡسَ ٱلۡمَصِيرُ
Isaan kafaranii keeyyattoota keenya sobsiisan, isaan warra ibiddaati ishee keessatti hafoodha. (Isheen) deebii ta'uun waa fokkatte!
અરબી તફસીરો:
مَآ أَصَابَ مِن مُّصِيبَةٍ إِلَّا بِإِذۡنِ ٱللَّهِۗ وَمَن يُؤۡمِنۢ بِٱللَّهِ يَهۡدِ قَلۡبَهُۥۚ وَٱللَّهُ بِكُلِّ شَيۡءٍ عَلِيمٞ
Hamtuu irraa wanti tokkollee eeyyama Rabbiitiin malee nama hin tuqu. Nama Rabbitti amane qalbii isaa ni qajeelcha. Rabbiin waan hunda beekaadha.
અરબી તફસીરો:
وَأَطِيعُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُواْ ٱلرَّسُولَۚ فَإِن تَوَلَّيۡتُمۡ فَإِنَّمَا عَلَىٰ رَسُولِنَا ٱلۡبَلَٰغُ ٱلۡمُبِينُ
Rabbiif ajajamaa; Ergamichaafis ajajamaa, Yoo gara galtan wanti Ergamaa Keenya irra jiru (ergaa itti kenname) dhaqqabsiisuu mul'ataa qofa.
અરબી તફસીરો:
ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۚ وَعَلَى ٱللَّهِ فَلۡيَتَوَكَّلِ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ
Rabbiin, dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiru. Mu'uminoonnis Rabbi irratti qofa haa hirkatanu.
અરબી તફસીરો:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِنَّ مِنۡ أَزۡوَٰجِكُمۡ وَأَوۡلَٰدِكُمۡ عَدُوّٗا لَّكُمۡ فَٱحۡذَرُوهُمۡۚ وَإِن تَعۡفُواْ وَتَصۡفَحُواْ وَتَغۡفِرُواْ فَإِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمٌ
  Yaa warra amantan! niitolii keessaniifi ilmaan keessan irraa warra isiniif diinaatu jira; kanaafuu, isaan eeggadhaa. Yoo dhiifama gootanii irra dabartaniifii araaramtan (sanatu isiniif caala). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
અરબી તફસીરો:
إِنَّمَآ أَمۡوَٰلُكُمۡ وَأَوۡلَٰدُكُمۡ فِتۡنَةٞۚ وَٱللَّهُ عِندَهُۥٓ أَجۡرٌ عَظِيمٞ
Qabeenyaaleen keessaniifi ilmaan keessan mokkoroodha. Rabbiin Isa bira mindaa guddaatu jira.
અરબી તફસીરો:
فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ مَا ٱسۡتَطَعۡتُمۡ وَٱسۡمَعُواْ وَأَطِيعُواْ وَأَنفِقُواْ خَيۡرٗا لِّأَنفُسِكُمۡۗ وَمَن يُوقَ شُحَّ نَفۡسِهِۦ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُفۡلِحُونَ
Hanga dandeessan Rabbiin sodaadhaa; dhagayaa; (Isaafis) ajajamaa; arjoomaas; sanatu lubbuulee teessaniif caala. Namni don'ummaa lubbuu isaa (irraa) tikfame, isaan isaanumatu milkaa'oodha.
અરબી તફસીરો:
إِن تُقۡرِضُواْ ٱللَّهَ قَرۡضًا حَسَنٗا يُضَٰعِفۡهُ لَكُمۡ وَيَغۡفِرۡ لَكُمۡۚ وَٱللَّهُ شَكُورٌ حَلِيمٌ
Yoo liqii gaarii Rabbiif liqeessitan, dachaa isiniif godha; isiniif araaramas. Rabbiin galateeffataa obsaadha.
અરબી તફસીરો:
عَٰلِمُ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ
(Rabbiin) beekaa fagoofi dhihoo injifataa, ogeessa.
અરબી તફસીરો:
 
શબ્દોનું ભાષાંતર સૂરહ: અત્ તગાબુન
સૂરહ માટે અનુક્રમણિકા પેજ નંબર
 
કુરઆન મજીદના શબ્દોનું ભાષાંતર - ઓરોમાં ભાષાતર - ભાષાંતરોની અનુક્રમણિકા

ઓરોમા ભાષામાં કુરઆન મજીદનું ભાષાતર, જેનું ભાષાતર ગાલી અબાબુર અબાગુનાએ વર્ષ ૨૦૦૯માં કર્યું.

બંધ કરો