Check out the new design

क़ुरआन के अर्थों का अनुवाद - ओरोमो अनुवाद - गाली अबाबोर * - अनुवादों की सूची

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

अर्थों का अनुवाद सूरा: यूनुस   आयत:
وَقَالَ فِرۡعَوۡنُ ٱئۡتُونِي بِكُلِّ سَٰحِرٍ عَلِيمٖ
Fir’awna ni jedhe: “Cufa falfalaa beekaatiin natti koottaa.”
अरबी तफ़सीरें:
فَلَمَّا جَآءَ ٱلسَّحَرَةُ قَالَ لَهُم مُّوسَىٰٓ أَلۡقُواْ مَآ أَنتُم مُّلۡقُونَ
Yeroo falfaltoonni dhufan, Muusaan isaaniin ni jedhe: “isin Waan darbitan darbaa.”
अरबी तफ़सीरें:
فَلَمَّآ أَلۡقَوۡاْ قَالَ مُوسَىٰ مَا جِئۡتُم بِهِ ٱلسِّحۡرُۖ إِنَّ ٱللَّهَ سَيُبۡطِلُهُۥٓ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُصۡلِحُ عَمَلَ ٱلۡمُفۡسِدِينَ
Yeroo isaan darban Muusaan ni jedhe: “Wanti isin isaan dhuftan falfalaa, dhugumatti, Rabbiin isa balleessuuf jira. Dhugumatti, Rabbiin dalagaa badii hojjattootaa hin tolchu.
अरबी तफ़सीरें:
وَيُحِقُّ ٱللَّهُ ٱلۡحَقَّ بِكَلِمَٰتِهِۦ وَلَوۡ كَرِهَ ٱلۡمُجۡرِمُونَ
Odoo badii raawwattoonni jibbanillee, Rabbiin dhugaa jechoota Isaatiin mirkaneessa.”
अरबी तफ़सीरें:
فَمَآ ءَامَنَ لِمُوسَىٰٓ إِلَّا ذُرِّيَّةٞ مِّن قَوۡمِهِۦ عَلَىٰ خَوۡفٖ مِّن فِرۡعَوۡنَ وَمَلَإِيْهِمۡ أَن يَفۡتِنَهُمۡۚ وَإِنَّ فِرۡعَوۡنَ لَعَالٖ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَإِنَّهُۥ لَمِنَ ٱلۡمُسۡرِفِينَ
Muusaaf hin amanne, Dhaloota ummata isaa irraa ta’e malee, Fir’awnaafi qondaaltonni isaa isaan jallisuu sodaachuun wajji, Dhugumatti, Fir’awn dachii keessatti of tuulaadha. Ammas inni daanga dabritoota irraayi.
अरबी तफ़सीरें:
وَقَالَ مُوسَىٰ يَٰقَوۡمِ إِن كُنتُمۡ ءَامَنتُم بِٱللَّهِ فَعَلَيۡهِ تَوَكَّلُوٓاْ إِن كُنتُم مُّسۡلِمِينَ
Muusaanis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Yoo kan Rabbitti amantan taatan, Isuma irratti hirkadhaa; yoo Muslimoota taatan.”
अरबी तफ़सीरें:
فَقَالُواْ عَلَى ٱللَّهِ تَوَكَّلۡنَا رَبَّنَا لَا تَجۡعَلۡنَا فِتۡنَةٗ لِّلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ
Isaanis ni jedhan: “Nuti Rabbi irratti hirkannee jirra. Yaa Gooftaa keenya! Ummata miidhaa raawwattootaaf sababaa jallinnaa nu hin taasisin.
अरबी तफ़सीरें:
وَنَجِّنَا بِرَحۡمَتِكَ مِنَ ٱلۡقَوۡمِ ٱلۡكَٰفِرِينَ
Namoota kaafirootaa jalaas Rahmata keetiin nagaa nu baasi.”
अरबी तफ़सीरें:
وَأَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰ وَأَخِيهِ أَن تَبَوَّءَا لِقَوۡمِكُمَا بِمِصۡرَ بُيُوتٗا وَٱجۡعَلُواْ بُيُوتَكُمۡ قِبۡلَةٗ وَأَقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَۗ وَبَشِّرِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Muusaafi obboleessa isaatti wahyii goone: “Isin lachanuu ummata keessaniif Misratti manneen qopheessaa; manneen keessan iddoo ibaadaa taasisaa; salaata dhaabaa; mu’uminoota gammachiisi” jechuun .
अरबी तफ़सीरें:
وَقَالَ مُوسَىٰ رَبَّنَآ إِنَّكَ ءَاتَيۡتَ فِرۡعَوۡنَ وَمَلَأَهُۥ زِينَةٗ وَأَمۡوَٰلٗا فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا رَبَّنَا لِيُضِلُّواْ عَن سَبِيلِكَۖ رَبَّنَا ٱطۡمِسۡ عَلَىٰٓ أَمۡوَٰلِهِمۡ وَٱشۡدُدۡ عَلَىٰ قُلُوبِهِمۡ فَلَا يُؤۡمِنُواْ حَتَّىٰ يَرَوُاْ ٱلۡعَذَابَ ٱلۡأَلِيمَ
Muusaanis ni jedhe: “Gooftaa keenya! Ati dhugumatti Fir’awniifi qondaalota isaatiif jireenya addunyaa keessatti miidhaginaafi qabeenya kennitee jirta, (yaa) Gooftaa keenya! Karaa kee irraa akka (namoota) jallisaniif jecha. Gooftaa keenya! Qabeenya isaanii mancaasi; onneewwan isaanii irratti jabeesi. Isaan hanga adabbii laalessaa arganitti hin amanan.”
अरबी तफ़सीरें:
 
अर्थों का अनुवाद सूरा: यूनुस
सूरों की सूची पृष्ठ संख्या
 
क़ुरआन के अर्थों का अनुवाद - ओरोमो अनुवाद - गाली अबाबोर - अनुवादों की सूची

अनुवाद गाली अबाबोर अबागोना ने किया है।

बंद करें