क़ुरआन के अर्थों का अनुवाद - ओरोमो अनुवाद * - अनुवादों की सूची

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

अर्थों का अनुवाद सूरा: सूरा अल्-अम्बिया   आयत:

Al-Anbiyaa’i

ٱقۡتَرَبَ لِلنَّاسِ حِسَابُهُمۡ وَهُمۡ فِي غَفۡلَةٖ مُّعۡرِضُونَ
Namootaaf,qormaanni isaanii isaaniif dhihaatee jira, odoo isaan daguu keessatti gara galanii.
अरबी तफ़सीरें:
مَا يَأۡتِيهِم مِّن ذِكۡرٖ مِّن رَّبِّهِم مُّحۡدَثٍ إِلَّا ٱسۡتَمَعُوهُ وَهُمۡ يَلۡعَبُونَ
Gorsi haaraan Rabbii isaanii irraa isaanitti hin dhufu, kan isaan taphachaatuma isa dhaggeeffatan ta’an malee.
अरबी तफ़सीरें:
لَاهِيَةٗ قُلُوبُهُمۡۗ وَأَسَرُّواْ ٱلنَّجۡوَى ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ هَلۡ هَٰذَآ إِلَّا بَشَرٞ مِّثۡلُكُمۡۖ أَفَتَأۡتُونَ ٱلسِّحۡرَ وَأَنتُمۡ تُبۡصِرُونَ
Onneewwan isaanii dagattuu taatee malee (hin dhaggeeffattu), Miidhaa hojjattoonnis marii dhooyfatan,“Sila kun namuma akka keessaniitii mitii? Sila isin odoo argitan falfalatti dhaqxuu?" (waliin jedhu).
अरबी तफ़सीरें:
قَالَ رَبِّي يَعۡلَمُ ٱلۡقَوۡلَ فِي ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِۖ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ
(Muhammad-SAW) ni jedhe: “Gooftaan kiyya jecha samiifi dachii keessatti (dubbatamu hunda) ni beeka. Innis dhaga’aa, beekaadha.
अरबी तफ़सीरें:
بَلۡ قَالُوٓاْ أَضۡغَٰثُ أَحۡلَٰمِۭ بَلِ ٱفۡتَرَىٰهُ بَلۡ هُوَ شَاعِرٞ فَلۡيَأۡتِنَا بِـَٔايَةٖ كَمَآ أُرۡسِلَ ٱلۡأَوَّلُونَ
Isaan ni jedhan: “(Qur’aanni) kun abjuu laaqamaadha, Lakkii! Soba inni of irraa uumee, Lakkii! Inni weellisaadha, (Yoo dhugaa ta’e) raajii akka warri durii ittiin ergameen nutti haa dhufu”
अरबी तफ़सीरें:
مَآ ءَامَنَتۡ قَبۡلَهُم مِّن قَرۡيَةٍ أَهۡلَكۡنَٰهَآۖ أَفَهُمۡ يُؤۡمِنُونَ
Gandi Nuti ishee balleessine tokkolleen isaaniin duratti hin amanne; sila isaan ni amanuu?
अरबी तफ़सीरें:
وَمَآ أَرۡسَلۡنَا قَبۡلَكَ إِلَّا رِجَالٗا نُّوحِيٓ إِلَيۡهِمۡۖ فَسۡـَٔلُوٓاْ أَهۡلَ ٱلذِّكۡرِ إِن كُنتُمۡ لَا تَعۡلَمُونَ
Si dura dhiirota wahyii gara isaanii goonu malee hin ergine, Yoo kan hin beekne taatan warra beekumsaa gaafadhaa.
अरबी तफ़सीरें:
وَمَا جَعَلۡنَٰهُمۡ جَسَدٗا لَّا يَأۡكُلُونَ ٱلطَّعَامَ وَمَا كَانُواْ خَٰلِدِينَ
Nuti isaan (ergamoota Rabbii) qaamota nyaata hin nyaanne hin taasifnes; kan (addunyaa keessa) zalaalam jiraatanis hin taane
अरबी तफ़सीरें:
ثُمَّ صَدَقۡنَٰهُمُ ٱلۡوَعۡدَ فَأَنجَيۡنَٰهُمۡ وَمَن نَّشَآءُ وَأَهۡلَكۡنَا ٱلۡمُسۡرِفِينَ
Eegasii waadicha isaaniif dhugaa goonee, isaaniifi nama feenes ni baraarsinee; daanga dabartoota immoo ni balleessine.
अरबी तफ़सीरें:
لَقَدۡ أَنزَلۡنَآ إِلَيۡكُمۡ كِتَٰبٗا فِيهِ ذِكۡرُكُمۡۚ أَفَلَا تَعۡقِلُونَ
Dhugumatti, Nuti kitaaba yaadannoon (gorsi) keessan isa keessa jiru gara keessanitti buufnee jirra, Sila hin xiinxaltanuu?
अरबी तफ़सीरें:
وَكَمۡ قَصَمۡنَا مِن قَرۡيَةٖ كَانَتۡ ظَالِمَةٗ وَأَنشَأۡنَا بَعۡدَهَا قَوۡمًا ءَاخَرِينَ
(Warra) gandaa miidhaa hojjattu taatee baay'ee balleessine; erga isheetii ummata biraa uumne.
अरबी तफ़सीरें:
فَلَمَّآ أَحَسُّواْ بَأۡسَنَآ إِذَا هُم مِّنۡهَا يَرۡكُضُونَ
Yeroo adabbii keenya argan, yeroma san isaan ishee irraa gulufu.
अरबी तफ़सीरें:
لَا تَرۡكُضُواْ وَٱرۡجِعُوٓاْ إِلَىٰ مَآ أُتۡرِفۡتُمۡ فِيهِ وَمَسَٰكِنِكُمۡ لَعَلَّكُمۡ تُسۡـَٔلُونَ
Hin gulufinaa, gara waan isa keessatti qanansiifamtaniifi (gara) manneen keessanii deebi’aa akka gaafatamtaniif jecha.
अरबी तफ़सीरें:
قَالُواْ يَٰوَيۡلَنَآ إِنَّا كُنَّا ظَٰلِمِينَ
(Isaan) ni jedhan: “Yaa badii keenya! nuti miidhaa hojjattoota turre.
अरबी तफ़सीरें:
فَمَا زَالَت تِّلۡكَ دَعۡوَىٰهُمۡ حَتَّىٰ جَعَلۡنَٰهُمۡ حَصِيدًا خَٰمِدِينَ
(Jechi nuti miidhaa raawwattoota taane jedhu) sun watwaata isaanii ta’uu irraa hin deemne Hanga haamamoo, dhaamoo isaan taasifnutti .
अरबी तफ़सीरें:
وَمَا خَلَقۡنَا ٱلسَّمَآءَ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَا لَٰعِبِينَ
Nuti samii, dachiifi wantoota isaan lamaan gidduu jiran taphattoota taanee hin uumne.
अरबी तफ़सीरें:
لَوۡ أَرَدۡنَآ أَن نَّتَّخِذَ لَهۡوٗا لَّٱتَّخَذۡنَٰهُ مِن لَّدُنَّآ إِن كُنَّا فَٰعِلِينَ
Odoo tapha godhachuu feenee silaa of biraa isa taasifanna; kana hojjatoo hin taane.
अरबी तफ़सीरें:
بَلۡ نَقۡذِفُ بِٱلۡحَقِّ عَلَى ٱلۡبَٰطِلِ فَيَدۡمَغُهُۥ فَإِذَا هُوَ زَاهِقٞۚ وَلَكُمُ ٱلۡوَيۡلُ مِمَّا تَصِفُونَ
Lakkii; dhugaa soba irratti darbina (ol taasifna)Sammuu isa dhoosee (isa balleessa); yoosuu inni (sobni) dhabamaadha. Isiniif waan (Rabbi) irratti uumtaniif badiitu (mirkanaa’ee) jira.
अरबी तफ़सीरें:
وَلَهُۥ مَن فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ وَمَنۡ عِندَهُۥ لَا يَسۡتَكۡبِرُونَ عَنۡ عِبَادَتِهِۦ وَلَا يَسۡتَحۡسِرُونَ
Wantoonni samiileefi dachii keessa jiran hundi kan Isaati. Isaan Isa (Allaah) bira jiranis (maleykonnis) Isa gabbaruu irraa hin boonan; hin hifatanis.
अरबी तफ़सीरें:
يُسَبِّحُونَ ٱلَّيۡلَ وَٱلنَّهَارَ لَا يَفۡتُرُونَ
Halkaniifi guyyaa (Rabbiin) qulqulleessu; hin boqatan.
अरबी तफ़सीरें:
أَمِ ٱتَّخَذُوٓاْ ءَالِهَةٗ مِّنَ ٱلۡأَرۡضِ هُمۡ يُنشِرُونَ
Sila gabbaramtoota (gabbaran), dachii irraa godhatuu? kanneen (namoota) du’aa kaasan,
अरबी तफ़सीरें:
لَوۡ كَانَ فِيهِمَآ ءَالِهَةٌ إِلَّا ٱللَّهُ لَفَسَدَتَاۚ فَسُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ رَبِّ ٱلۡعَرۡشِ عَمَّا يَصِفُونَ
Odoo isaan lamaan (samiifi dachii) keessa Rabbiin malee gabbaramtoonni biraa jiraatanii lamaan isaaniituu ni badu ture, Rabbiin Gooftaa Arshii ta’e waan kaafiroonni (Isaan) jedhan irraa qulqullaa’e!
अरबी तफ़सीरें:
لَا يُسۡـَٔلُ عَمَّا يَفۡعَلُ وَهُمۡ يُسۡـَٔلُونَ
Inni waan dalagu irraa hin gaafatamu; isaan immoo ni gaafatamu.
अरबी तफ़सीरें:
أَمِ ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ ءَالِهَةٗۖ قُلۡ هَاتُواْ بُرۡهَٰنَكُمۡۖ هَٰذَا ذِكۡرُ مَن مَّعِيَ وَذِكۡرُ مَن قَبۡلِيۚ بَلۡ أَكۡثَرُهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ ٱلۡحَقَّۖ فَهُم مُّعۡرِضُونَ
Sila isaan Rabbiin ala gabbaramtoota taasifatuu? “Ragaa keessan fidadhaa” jedhiin, Kun gorsa namoota ana waliin jiraniifi gorsa namoota ana dura turaniiti, Garuu irra hedduun isaanii dhugaa hin beekanu, Kanaafuu (isa) irraa garagalu.
अरबी तफ़सीरें:
وَمَآ أَرۡسَلۡنَا مِن قَبۡلِكَ مِن رَّسُولٍ إِلَّا نُوحِيٓ إِلَيۡهِ أَنَّهُۥ لَآ إِلَٰهَ إِلَّآ أَنَا۠ فَٱعۡبُدُونِ
(Yaa Muhammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ana (qofa) gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine.
अरबी तफ़सीरें:
وَقَالُواْ ٱتَّخَذَ ٱلرَّحۡمَٰنُ وَلَدٗاۗ سُبۡحَٰنَهُۥۚ بَلۡ عِبَادٞ مُّكۡرَمُونَ
Isaan “Rahmaan ilma godhate” jedhu, Inni qulqullaa’eera, Lakkii isaan (maleykoonni) gabroota (Rabbii) kabajamoodha.
अरबी तफ़सीरें:
لَا يَسۡبِقُونَهُۥ بِٱلۡقَوۡلِ وَهُم بِأَمۡرِهِۦ يَعۡمَلُونَ
Jechaan Isa hin dursanu; isaan ajaja Isaatiin hojjatu.
अरबी तफ़सीरें:
يَعۡلَمُ مَا بَيۡنَ أَيۡدِيهِمۡ وَمَا خَلۡفَهُمۡ وَلَا يَشۡفَعُونَ إِلَّا لِمَنِ ٱرۡتَضَىٰ وَهُم مِّنۡ خَشۡيَتِهِۦ مُشۡفِقُونَ
Inni waan isaaniin duraatiifi waan isaaniin duubaas ni beeka, Nama Inni jaalateef malee isaan hin manguddoomanu, Isaan (ofiifuu) sodaa Isaa (Allaah) irraa rifatoodha.
अरबी तफ़सीरें:
۞ وَمَن يَقُلۡ مِنۡهُمۡ إِنِّيٓ إِلَٰهٞ مِّن دُونِهِۦ فَذَٰلِكَ نَجۡزِيهِ جَهَنَّمَۚ كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلظَّٰلِمِينَ
Isaan irraa nama “Isaan alatti anatu gabbaramaadha” jedhe, isa sana jahannam isaaf galata galchina, Akkasitti miidhaa hojjattoota galata galchina.
अरबी तफ़सीरें:
أَوَلَمۡ يَرَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ أَنَّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ كَانَتَا رَتۡقٗا فَفَتَقۡنَٰهُمَاۖ وَجَعَلۡنَا مِنَ ٱلۡمَآءِ كُلَّ شَيۡءٍ حَيٍّۚ أَفَلَا يُؤۡمِنُونَ
Sila isaan kafaran akka samiifi dachiin walitti maxxantuu turanii, ergasii addaan isaan baafne hin beekanuu? Bishaan irraa lubbu qabeeyyii hunda ni uumne, Sila hin amananuu?
अरबी तफ़सीरें:
وَجَعَلۡنَا فِي ٱلۡأَرۡضِ رَوَٰسِيَ أَن تَمِيدَ بِهِمۡ وَجَعَلۡنَا فِيهَا فِجَاجٗا سُبُلٗا لَّعَلَّهُمۡ يَهۡتَدُونَ
Dachii keessatti akka isheen isaaniin hin sochoone gaarreen (lafa qabataa) taasifneerra, Ishee keessatti daandiwwan gugurdaa akka ittiin qajeelaniif isaaniif taasifneerra.
अरबी तफ़सीरें:
وَجَعَلۡنَا ٱلسَّمَآءَ سَقۡفٗا مَّحۡفُوظٗاۖ وَهُمۡ عَنۡ ءَايَٰتِهَا مُعۡرِضُونَ
Samiilee qaaxee (jaarmaya kan gubbaa) eegamaa isa taasifnee jirra, Garuu isaan mallattoolee ishee irraa garagaloodha.
अरबी तफ़सीरें:
وَهُوَ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلَّيۡلَ وَٱلنَّهَارَ وَٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَۖ كُلّٞ فِي فَلَكٖ يَسۡبَحُونَ
Inni Isa halkaniifi guyyaa, aduufi baatii uumeedha; hunduu orbitii (isaanii) keessa daaku (deemu).
अरबी तफ़सीरें:
وَمَا جَعَلۡنَا لِبَشَرٖ مِّن قَبۡلِكَ ٱلۡخُلۡدَۖ أَفَإِيْن مِّتَّ فَهُمُ ٱلۡخَٰلِدُونَ
(Yaa Muhammad!) Si dura ilma namaatiif jireenya waaru (zalaalam) hin taasifne, Sila yoo ati duute, isaan ni waaruu?
अरबी तफ़सीरें:
كُلُّ نَفۡسٖ ذَآئِقَةُ ٱلۡمَوۡتِۗ وَنَبۡلُوكُم بِٱلشَّرِّ وَٱلۡخَيۡرِ فِتۡنَةٗۖ وَإِلَيۡنَا تُرۡجَعُونَ
Lubbuun hundi du’a dhandhamtuudha. Isin qormaatuuf hamtuufi gaariin isin mokkorra, Garuma keenyatti deebifamtu.
अरबी तफ़सीरें:
وَإِذَا رَءَاكَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ إِن يَتَّخِذُونَكَ إِلَّا هُزُوًا أَهَٰذَا ٱلَّذِي يَذۡكُرُ ءَالِهَتَكُمۡ وَهُم بِذِكۡرِ ٱلرَّحۡمَٰنِ هُمۡ كَٰفِرُونَ
Isaan kafaran yeroo si argan “sila kun isa gabbaramtoota keessan (hamtuun) maqaa dhahu sani mitii?” (jechuun) qishnaa qofa si taasifatu, isaan faaruu Rahmaanitti isaanumaatu kafaroodha.
अरबी तफ़सीरें:
خُلِقَ ٱلۡإِنسَٰنُ مِنۡ عَجَلٖۚ سَأُوْرِيكُمۡ ءَايَٰتِي فَلَا تَسۡتَعۡجِلُونِ
Namni jarjara irraa uumame, Ani mallattoolee tiyya isinittin agarsiisaa, nan jerjersiifatinaa.
अरबी तफ़सीरें:
وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا ٱلۡوَعۡدُ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
“Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, waadaan kun yoom? jedhu.
अरबी तफ़सीरें:
لَوۡ يَعۡلَمُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ حِينَ لَا يَكُفُّونَ عَن وُجُوهِهِمُ ٱلنَّارَ وَلَا عَن ظُهُورِهِمۡ وَلَا هُمۡ يُنصَرُونَ
Isaan kafaran odoo yeroo ibidda fuulleen isaanii irraafi dugdawwan isaanii irraa qabuu hin dandeenyeefi tumsas hin arganne san beekanii (hin jerjerfatanu ture).
अरबी तफ़सीरें:
بَلۡ تَأۡتِيهِم بَغۡتَةٗ فَتَبۡهَتُهُمۡ فَلَا يَسۡتَطِيعُونَ رَدَّهَا وَلَا هُمۡ يُنظَرُونَ
Dhugumaatti, isheen (Qiyaaman) tasuma isaanitti dhuftee, isaan dhamaafti, Ishee (of irraa) deebisuu hin danda’anu; yeroonis isaaniif hin kennamu.
अरबी तफ़सीरें:
وَلَقَدِ ٱسۡتُهۡزِئَ بِرُسُلٖ مِّن قَبۡلِكَ فَحَاقَ بِٱلَّذِينَ سَخِرُواْ مِنۡهُم مَّا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ
Dhugumatti, ergamtoota si duraatti qishnamee (baacamee). isaan irraa warri baacan wanti isaan itti qishnaa turan isaan marse.
अरबी तफ़सीरें:
قُلۡ مَن يَكۡلَؤُكُم بِٱلَّيۡلِ وَٱلنَّهَارِ مِنَ ٱلرَّحۡمَٰنِۚ بَلۡ هُمۡ عَن ذِكۡرِ رَبِّهِم مُّعۡرِضُونَ
Jedhi: “Eenyutu halkaniifi guyyaa (adabbii) Rahmaan irraa isin eega?” Dhugumatti, isaan yaadannoo Rabbii isaanii irraa garagaloodha.
अरबी तफ़सीरें:
أَمۡ لَهُمۡ ءَالِهَةٞ تَمۡنَعُهُم مِّن دُونِنَاۚ لَا يَسۡتَطِيعُونَ نَصۡرَ أَنفُسِهِمۡ وَلَا هُم مِّنَّا يُصۡحَبُونَ
Moo isaaniif gabbaramtoota Nu irraa isaan tiksantu tahee? Lubbuulee isaaniitiifuu tumsuu hin danda’anu, Isaan Nu irraa tikfamoo hintaane.
अरबी तफ़सीरें:
بَلۡ مَتَّعۡنَا هَٰٓؤُلَآءِ وَءَابَآءَهُمۡ حَتَّىٰ طَالَ عَلَيۡهِمُ ٱلۡعُمُرُۗ أَفَلَا يَرَوۡنَ أَنَّا نَأۡتِي ٱلۡأَرۡضَ نَنقُصُهَا مِنۡ أَطۡرَافِهَآۚ أَفَهُمُ ٱلۡغَٰلِبُونَ
Dhugumatti, Nuti isaan kanaafi abbootii isaaniis hanga yeroon isaan irratti dheeratutti qanansiifne, Sila Nuti dachii moggaalee ishee irraa (suuta suutaan) hirdhisaa akka deemnu hin arganuu? Moo isaantu injifatoodhaa?
अरबी तफ़सीरें:
قُلۡ إِنَّمَآ أُنذِرُكُم بِٱلۡوَحۡيِۚ وَلَا يَسۡمَعُ ٱلصُّمُّ ٱلدُّعَآءَ إِذَا مَا يُنذَرُونَ
(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Kan ani isin sodaachisuun wahyii qofaani. duudaan yaamicha hindhagayu, yeroo dinniinaman.
अरबी तफ़सीरें:
وَلَئِن مَّسَّتۡهُمۡ نَفۡحَةٞ مِّنۡ عَذَابِ رَبِّكَ لَيَقُولُنَّ يَٰوَيۡلَنَآ إِنَّا كُنَّا ظَٰلِمِينَ
Qoonni adabbii Gooftaa kee irraa ta’e yoo isaan tuqe ni jedhu: “Yaa badii keenya! nuti miidhaa raawwattoota turreerra.”
अरबी तफ़सीरें:
وَنَضَعُ ٱلۡمَوَٰزِينَ ٱلۡقِسۡطَ لِيَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ فَلَا تُظۡلَمُ نَفۡسٞ شَيۡـٔٗاۖ وَإِن كَانَ مِثۡقَالَ حَبَّةٖ مِّنۡ خَرۡدَلٍ أَتَيۡنَا بِهَاۗ وَكَفَىٰ بِنَا حَٰسِبِينَ
Nuti Guyyaa Qiyaamatiif miizaana haqaa lafa keenya. Lubbuun takkas homaa hin miidhamtu. Yoo (waan) ulfina (hanga) firii (ija) raafuu (takka)(qabu) ta’es Nuti ishee ni fidna. Qormaataaf Nuti ga’oodha.
अरबी तफ़सीरें:
وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا مُوسَىٰ وَهَٰرُونَ ٱلۡفُرۡقَانَ وَضِيَآءٗ وَذِكۡرٗا لِّلۡمُتَّقِينَ
Dhugumatti, Nuti Muusaafi Haaruuniif (kitaaba) adda baasaa, ifnanaafi yaadannoo warra Rabbiin sodaataniif ta’e kenninee jirra.
अरबी तफ़सीरें:
ٱلَّذِينَ يَخۡشَوۡنَ رَبَّهُم بِٱلۡغَيۡبِ وَهُم مِّنَ ٱلسَّاعَةِ مُشۡفِقُونَ
(Isaan) warra Gooftaa isaanii fageenyatti sodaataniifi isaan Qiyaamaa irraa sodaataniidha.
अरबी तफ़सीरें:
وَهَٰذَا ذِكۡرٞ مُّبَارَكٌ أَنزَلۡنَٰهُۚ أَفَأَنتُمۡ لَهُۥ مُنكِرُونَ
Kun (Qur’aanni) gorsa barakeeffamaa Nuti buufneedha, Sila isin isaaf mormitootaa?
अरबी तफ़सीरें:
۞ وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَآ إِبۡرَٰهِيمَ رُشۡدَهُۥ مِن قَبۡلُ وَكُنَّا بِهِۦ عَٰلِمِينَ
Dhugumatti, Nuti kana dura qajeelfama isaa Ibraahiimiif kenninee jirra. Nuti isa beekoo taanee.
अरबी तफ़सीरें:
إِذۡ قَالَ لِأَبِيهِ وَقَوۡمِهِۦ مَا هَٰذِهِ ٱلتَّمَاثِيلُ ٱلَّتِيٓ أَنتُمۡ لَهَا عَٰكِفُونَ
Yeroo inni abbaafi ummata isaatiin “Siidaawwan isin (Ibaadaaf) ishee irra teessan tun maali?” jedhe (kennineef).
अरबी तफ़सीरें:
قَالُواْ وَجَدۡنَآ ءَابَآءَنَا لَهَا عَٰبِدِينَ
[Isaan] ni jedhan: “Abbootii keenya kan ishee gabbaran agarre.”
अरबी तफ़सीरें:
قَالَ لَقَدۡ كُنتُمۡ أَنتُمۡ وَءَابَآؤُكُمۡ فِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٖ
[Inni] ni jedhe: “Dhugumatti, isiniifi abbootiin keessanis jallina ifa bahaa keessa jirtan.”
अरबी तफ़सीरें:
قَالُوٓاْ أَجِئۡتَنَا بِٱلۡحَقِّ أَمۡ أَنتَ مِنَ ٱللَّٰعِبِينَ
[Isaan] ni jedhaniin: “Sila dhugaan nutti dhufte moo ati warra taphatan irraayi?”
अरबी तफ़सीरें:
قَالَ بَل رَّبُّكُمۡ رَبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ ٱلَّذِي فَطَرَهُنَّ وَأَنَا۠ عَلَىٰ ذَٰلِكُم مِّنَ ٱلشَّٰهِدِينَ
Ni jedhe: “Baraa, Rabbiin keessan Gooftaa samiileefi dachiiti, kan isaan uume sani, Ani kana irratti ragaa bahootarraayi.”
अरबी तफ़सीरें:
وَتَٱللَّهِ لَأَكِيدَنَّ أَصۡنَٰمَكُم بَعۡدَ أَن تُوَلُّواْ مُدۡبِرِينَ
“Allaah’n kakadhee! Ani erga isin dugda gara galtanii deemtan booda dhugumatti, tooftaan ittiin taabotoota keessan (mancaasun) qopheeffadha” (of keessatti jedhe).
अरबी तफ़सीरें:
فَجَعَلَهُمۡ جُذَٰذًا إِلَّا كَبِيرٗا لَّهُمۡ لَعَلَّهُمۡ إِلَيۡهِ يَرۡجِعُونَ
caccabaa isaan godhe. guddaa isaaniif ta’e malee (isa nihanbise) Akka isaan gara isaa (taabota guddichaa) deebi'aniif jecha.
अरबी तफ़सीरें:
قَالُواْ مَن فَعَلَ هَٰذَا بِـَٔالِهَتِنَآ إِنَّهُۥ لَمِنَ ٱلظَّٰلِمِينَ
(Isaan) ni jedhan: “Namni gabbaramtoota keenyatti kana hojjate dhugumatti, inni miidhaa raawwattoota irraayi.”
अरबी तफ़सीरें:
قَالُواْ سَمِعۡنَا فَتٗى يَذۡكُرُهُمۡ يُقَالُ لَهُۥٓ إِبۡرَٰهِيمُ
Nijedhan “Dargaggeessa Ibraahiim isaan jedhamu (tokko) kan (hamtuun) isaan dubbatu dhageenyeerra”.
अरबी तफ़सीरें:
قَالُواْ فَأۡتُواْ بِهِۦ عَلَىٰٓ أَعۡيُنِ ٱلنَّاسِ لَعَلَّهُمۡ يَشۡهَدُونَ
Ni jedhan: “ijoowwan namootaa dura isa fidaa, Akka isaan ragaa (irratti) bahaniif jecha.”
अरबी तफ़सीरें:
قَالُوٓاْ ءَأَنتَ فَعَلۡتَ هَٰذَا بِـَٔالِهَتِنَا يَٰٓإِبۡرَٰهِيمُ
“Sila situ gabbaramtoota keenya irratti (yakka) kana raawwatee Yaa Ibraahiim?” jedhan.
अरबी तफ़सीरें:
قَالَ بَلۡ فَعَلَهُۥ كَبِيرُهُمۡ هَٰذَا فَسۡـَٔلُوهُمۡ إِن كَانُواْ يَنطِقُونَ
(Ibraahiimis) “Lakkii, guddaa isaaniitu kana hojjate, Yoo kan dubbatan ta’aniif isaan gaafadhaa” jedhe.
अरबी तफ़सीरें:
فَرَجَعُوٓاْ إِلَىٰٓ أَنفُسِهِمۡ فَقَالُوٓاْ إِنَّكُمۡ أَنتُمُ ٱلظَّٰلِمُونَ
Gara lubbuulee isaanii deebi’anii “isin isinumatu miidhaa raawwattoota” jedhan.
अरबी तफ़सीरें:
ثُمَّ نُكِسُواْ عَلَىٰ رُءُوسِهِمۡ لَقَدۡ عَلِمۡتَ مَا هَٰٓؤُلَآءِ يَنطِقُونَ
Eegasii mataalee isaanii lafatti gadi deebisanii “ati dhugumatti, isaan kun hin dubbatanuu beektee jirta (maaliif kana jetta?)” jedhan.
अरबी तफ़सीरें:
قَالَ أَفَتَعۡبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَا لَا يَنفَعُكُمۡ شَيۡـٔٗا وَلَا يَضُرُّكُمۡ
(Ibraahiim) ni jedhe: “Sila Rabbii achitti waan homaa isin hin fayyadneefi isin hin miine gabbartuu?
अरबी तफ़सीरें:
أُفّٖ لَّكُمۡ وَلِمَا تَعۡبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِۚ أَفَلَا تَعۡقِلُونَ
Isiniifi wantoota isin Allaah’n ala gabbartaniinis ‘uffi’ (jedheera)! Sila hin xiinxaltanuu?”
अरबी तफ़सीरें:
قَالُواْ حَرِّقُوهُ وَٱنصُرُوٓاْ ءَالِهَتَكُمۡ إِن كُنتُمۡ فَٰعِلِينَ
Ni jedhan: “ isa gubaa; gabbaramtoota keessaniif tumsaa. Yoo kan hojjattan taataniif”
अरबी तफ़सीरें:
قُلۡنَا يَٰنَارُ كُونِي بَرۡدٗا وَسَلَٰمًا عَلَىٰٓ إِبۡرَٰهِيمَ
Nijenne “Yaa ibiddaa! Ibraahiim irratti qabbanaafi nagaa ta’i".
अरबी तफ़सीरें:
وَأَرَادُواْ بِهِۦ كَيۡدٗا فَجَعَلۡنَٰهُمُ ٱلۡأَخۡسَرِينَ
Hamtuu isatti fedhan, irra hoonga’oo isaan goone.
अरबी तफ़सीरें:
وَنَجَّيۡنَٰهُ وَلُوطًا إِلَى ٱلۡأَرۡضِ ٱلَّتِي بَٰرَكۡنَا فِيهَا لِلۡعَٰلَمِينَ
Isaafi Luuxiin gara dachii ishee keessa aalama hundaaf barakaa gooneetti nagaya baafne.
अरबी तफ़सीरें:
وَوَهَبۡنَا لَهُۥٓ إِسۡحَٰقَ وَيَعۡقُوبَ نَافِلَةٗۖ وَكُلّٗا جَعَلۡنَا صَٰلِحِينَ
Isihaaqiin isaaf kenninee, Ya’aquubis dabalataan (isaaf kennine) Hundaayyuu gaggaarii goone.
अरबी तफ़सीरें:
وَجَعَلۡنَٰهُمۡ أَئِمَّةٗ يَهۡدُونَ بِأَمۡرِنَا وَأَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡهِمۡ فِعۡلَ ٱلۡخَيۡرَٰتِ وَإِقَامَ ٱلصَّلَوٰةِ وَإِيتَآءَ ٱلزَّكَوٰةِۖ وَكَانُواْ لَنَا عَٰبِدِينَ
Imaamota ajaja keenyaan qajeelchan isaan taasifnee jirra. toltuuwwan hojjachuu, salaata dhaabuufi zakaa baafachuu gara isaanitti wahyii goone. nuuf gabbartoota turan.
अरबी तफ़सीरें:
وَلُوطًا ءَاتَيۡنَٰهُ حُكۡمٗا وَعِلۡمٗا وَنَجَّيۡنَٰهُ مِنَ ٱلۡقَرۡيَةِ ٱلَّتِي كَانَت تَّعۡمَلُ ٱلۡخَبَٰٓئِثَۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَوۡمَ سَوۡءٖ فَٰسِقِينَ
Luuxiin murtii haqaafi beekumsa (amantii) isaaf kenninee jirra. (Ummata) ganda badii fokkatoo hojjattu irraa isa baraarsinee jirra. isaan ummata badoo, finciltoota turan.
अरबी तफ़सीरें:
وَأَدۡخَلۡنَٰهُ فِي رَحۡمَتِنَآۖ إِنَّهُۥ مِنَ ٱلصَّٰلِحِينَ
Rahmata keenya keessas isa seensifne. inni warra gaggaarii irraayi.
अरबी तफ़सीरें:
وَنُوحًا إِذۡ نَادَىٰ مِن قَبۡلُ فَٱسۡتَجَبۡنَا لَهُۥ فَنَجَّيۡنَٰهُ وَأَهۡلَهُۥ مِنَ ٱلۡكَرۡبِ ٱلۡعَظِيمِ
Nuuhiinis ‘yeroo inni sana dura (Nutti) lallabee isaaf owwaannee, isaafi maatii isaas cinqaa guddaa irraa baraarsine’ [yaadadhu]
अरबी तफ़सीरें:
وَنَصَرۡنَٰهُ مِنَ ٱلۡقَوۡمِ ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَآۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَوۡمَ سَوۡءٖ فَأَغۡرَقۡنَٰهُمۡ أَجۡمَعِينَ
Namoota keeyyattoota keenya sobsiisan irraas nagaya isa baafne, isaan warra hamtuu turan. hunda isaanii bishaaniin dhidhimsiifne.
अरबी तफ़सीरें:
وَدَاوُۥدَ وَسُلَيۡمَٰنَ إِذۡ يَحۡكُمَانِ فِي ٱلۡحَرۡثِ إِذۡ نَفَشَتۡ فِيهِ غَنَمُ ٱلۡقَوۡمِ وَكُنَّا لِحُكۡمِهِمۡ شَٰهِدِينَ
Daawuudiifi Suleeymaaniinis ‘yeroo isaan lamaan lafa qonnaa (oyruu) re’oonni ummataa (halkan) dheedan keessatti murtii kennan” [yaadadhu], Nuti murtii isaanii ni beekna turre.
अरबी तफ़सीरें:
فَفَهَّمۡنَٰهَا سُلَيۡمَٰنَۚ وَكُلًّا ءَاتَيۡنَا حُكۡمٗا وَعِلۡمٗاۚ وَسَخَّرۡنَا مَعَ دَاوُۥدَ ٱلۡجِبَالَ يُسَبِّحۡنَ وَٱلطَّيۡرَۚ وَكُنَّا فَٰعِلِينَ
Ishee (murtittii) Suleeymaaniin hubachiifne, Hundaafuu (beekumsa murtii) haqaafi beekumsa (amantiis) kennineerra. Gaarreen Daawuudii waliin akka na qulqulleessan laaffifne, allaattis. Nuti hojjatoo taane
अरबी तफ़सीरें:
وَعَلَّمۡنَٰهُ صَنۡعَةَ لَبُوسٖ لَّكُمۡ لِتُحۡصِنَكُم مِّنۢ بَأۡسِكُمۡۖ فَهَلۡ أَنتُمۡ شَٰكِرُونَ
Uffata sibiilaa kan isiniif tahe isa barsiifne. lola keessanirraa akka isin tiiysituuf jecha, Sila isin (Nu) galatoomfattootaa?
अरबी तफ़सीरें:
وَلِسُلَيۡمَٰنَ ٱلرِّيحَ عَاصِفَةٗ تَجۡرِي بِأَمۡرِهِۦٓ إِلَى ٱلۡأَرۡضِ ٱلَّتِي بَٰرَكۡنَا فِيهَاۚ وَكُنَّا بِكُلِّ شَيۡءٍ عَٰلِمِينَ
Suleeymaanifis qilleensa bubbisaa, kan ajaja isaatiin gara dachii ishee keessatti barakaa goonee yaatu (laaffifnee jirra). Nuti waan hunda beekoo taaneerra.
अरबी तफ़सीरें:
وَمِنَ ٱلشَّيَٰطِينِ مَن يَغُوصُونَ لَهُۥ وَيَعۡمَلُونَ عَمَلٗا دُونَ ذَٰلِكَۖ وَكُنَّا لَهُمۡ حَٰفِظِينَ
Sheyxaanota irraa isaan (faaya baasuuf garba keessa) isaaf lixaniifi sana malees hojii biraa hojjatantu jira. Nuti tiksoo isaanii taaneerra.
अरबी तफ़सीरें:
۞ وَأَيُّوبَ إِذۡ نَادَىٰ رَبَّهُۥٓ أَنِّي مَسَّنِيَ ٱلضُّرُّ وَأَنتَ أَرۡحَمُ ٱلرَّٰحِمِينَ
Ayyuubiinis ‘yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “ani rakkoon na tuqeera; Ati irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti” (jedhu yaadadhu)
अरबी तफ़सीरें:
فَٱسۡتَجَبۡنَا لَهُۥ فَكَشَفۡنَا مَا بِهِۦ مِن ضُرّٖۖ وَءَاتَيۡنَٰهُ أَهۡلَهُۥ وَمِثۡلَهُم مَّعَهُمۡ رَحۡمَةٗ مِّنۡ عِندِنَا وَذِكۡرَىٰ لِلۡعَٰبِدِينَ
Isaaf owwaannee cinqaa irraa waan isarra jiru irraa furre. maatii isaatiifi fakkaataa isaaniis isaanii wajjin isaaf kennine, Rahmata Nu biraa ta'eefi warra Rabbiin gabbaran yaadachisuuf jecha.
अरबी तफ़सीरें:
وَإِسۡمَٰعِيلَ وَإِدۡرِيسَ وَذَا ٱلۡكِفۡلِۖ كُلّٞ مِّنَ ٱلصَّٰبِرِينَ
Ismaa’iil, Idriisiifi Zalkifliis (yaadadhu); hunduu obsitoota irraayi.
अरबी तफ़सीरें:
وَأَدۡخَلۡنَٰهُمۡ فِي رَحۡمَتِنَآۖ إِنَّهُم مِّنَ ٱلصَّٰلِحِينَ
Rahmata keenya keessas isaan seensifne, isaan warra gaggaarii irraayi.
अरबी तफ़सीरें:
وَذَا ٱلنُّونِ إِذ ذَّهَبَ مُغَٰضِبٗا فَظَنَّ أَن لَّن نَّقۡدِرَ عَلَيۡهِ فَنَادَىٰ فِي ٱلظُّلُمَٰتِ أَن لَّآ إِلَٰهَ إِلَّآ أَنتَ سُبۡحَٰنَكَ إِنِّي كُنتُ مِنَ ٱلظَّٰلِمِينَ
Zannuuniinis (Yuunusiinis yaadadhu); yeroo inni dallanaa deemee, Nuti isa irratti dhiphisuu dhabuu yaade. Dukkana keessaa “Si malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ati qulqulloofte, Dhugumatti, ani miidhaa hojjataa irraa ta’een jira” (jechuun) lallabe
अरबी तफ़सीरें:
فَٱسۡتَجَبۡنَا لَهُۥ وَنَجَّيۡنَٰهُ مِنَ ٱلۡغَمِّۚ وَكَذَٰلِكَ نُـۨجِي ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Isaaf owwaanne; cinqaa irraas isa baraarsine, Akka kanatti mu’uminoota nagaa baafna.
अरबी तफ़सीरें:
وَزَكَرِيَّآ إِذۡ نَادَىٰ رَبَّهُۥ رَبِّ لَا تَذَرۡنِي فَرۡدٗا وَأَنتَ خَيۡرُ ٱلۡوَٰرِثِينَ
Zakariyyaas (yaadadhu); yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “Gooftaa kiyya! Kophaa (ilma malee) nan dhiisin; Ati irra caalaa dhaaltotaati” (jedhe).
अरबी तफ़सीरें:
فَٱسۡتَجَبۡنَا لَهُۥ وَوَهَبۡنَا لَهُۥ يَحۡيَىٰ وَأَصۡلَحۡنَا لَهُۥ زَوۡجَهُۥٓۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ يُسَٰرِعُونَ فِي ٱلۡخَيۡرَٰتِ وَيَدۡعُونَنَا رَغَبٗا وَرَهَبٗاۖ وَكَانُواْ لَنَا خَٰشِعِينَ
Isaaf owwaannee Yahyaa isaaf kennine, Niitii isaas (akka deessu) isaaf tolchine, Isaan (nabiyy-oonni) toltuu keessatti kan daddafan ta'an, kajeellaafi sodaan (guutamanii) kan Nu kadhatan turan, Nuuf sodaatoo turan.
अरबी तफ़सीरें:
وَٱلَّتِيٓ أَحۡصَنَتۡ فَرۡجَهَا فَنَفَخۡنَا فِيهَا مِن رُّوحِنَا وَجَعَلۡنَٰهَا وَٱبۡنَهَآ ءَايَةٗ لِّلۡعَٰلَمِينَ
Ishee qaama saalaa ishee tikfattes (Maryamiinis yaadadhu). Ruuhii (uumama) keenya irraa ta’e ishee keessatti afuufne, Isheefi ilma ishees aalamootaaf mallattoo taasifne.
अरबी तफ़सीरें:
إِنَّ هَٰذِهِۦٓ أُمَّتُكُمۡ أُمَّةٗ وَٰحِدَةٗ وَأَنَا۠ رَبُّكُمۡ فَٱعۡبُدُونِ
Isheen tun amantii keessan amantii tokkittiidha, Ani Gooftaa keessanii Ana (qofa) gabbaraa.
अरबी तफ़सीरें:
وَتَقَطَّعُوٓاْ أَمۡرَهُم بَيۡنَهُمۡۖ كُلٌّ إِلَيۡنَا رَٰجِعُونَ
Amantii isaanii keessatti jidduu isaaniitti adda qoodaman, Hunduu gara keenya deebi’oodha.
अरबी तफ़सीरें:
فَمَن يَعۡمَلۡ مِنَ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَهُوَ مُؤۡمِنٞ فَلَا كُفۡرَانَ لِسَعۡيِهِۦ وَإِنَّا لَهُۥ كَٰتِبُونَ
Namni mu’umina ta’ee gaggaarii irraa hojjate, hojii isaa hoonga’uun hin jiru, Nuti isaaf galmeessaadha.
अरबी तफ़सीरें:
وَحَرَٰمٌ عَلَىٰ قَرۡيَةٍ أَهۡلَكۡنَٰهَآ أَنَّهُمۡ لَا يَرۡجِعُونَ
Ganda ishee balleessine irratti (duniyatti deebi'uun) dhorgaadha; isaan hin deebi'an.
अरबी तफ़सीरें:
حَتَّىٰٓ إِذَا فُتِحَتۡ يَأۡجُوجُ وَمَأۡجُوجُ وَهُم مِّن كُلِّ حَدَبٖ يَنسِلُونَ
Hanga yeroo (hidhaan) Ya’ajuujiifi Ma’ajuuj banamtee isaan tabba hunda irraan dhangala’anuutti (hin deebi'anu).
अरबी तफ़सीरें:
وَٱقۡتَرَبَ ٱلۡوَعۡدُ ٱلۡحَقُّ فَإِذَا هِيَ شَٰخِصَةٌ أَبۡصَٰرُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ يَٰوَيۡلَنَا قَدۡ كُنَّا فِي غَفۡلَةٖ مِّنۡ هَٰذَا بَلۡ كُنَّا ظَٰلِمِينَ
Waadaan dhugaa dhihaatee jira, Yeroo san ijjoowwan warra kafaree akkuma banamtetti haftuudha, “Yaa badii keenya! Dhugumatti, nuti kana irraa daguu keessa turre (Yoom kana qofa) inumaa miidhaa raawwattoota taane" (jedhu).
अरबी तफ़सीरें:
إِنَّكُمۡ وَمَا تَعۡبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ حَصَبُ جَهَنَّمَ أَنتُمۡ لَهَا وَٰرِدُونَ
Isiniifi wantoonni isin Rabbiin ala gabbartanis qoraan (ibidda) jahannami; isin ishee (Jahannam) seenoodha.
अरबी तफ़सीरें:
لَوۡ كَانَ هَٰٓؤُلَآءِ ءَالِهَةٗ مَّا وَرَدُوهَاۖ وَكُلّٞ فِيهَا خَٰلِدُونَ
Isaan (taabotoonni) kunniin odoo gabbaramtoota ta’anii silaa ishee hin seenan ture, Hundi isaanii ishee keessatti waaru (hafu).
अरबी तफ़सीरें:
لَهُمۡ فِيهَا زَفِيرٞ وَهُمۡ فِيهَا لَا يَسۡمَعُونَ
Isaaniif ishee keessatti halaaka (iyyaansa) harreetu jira; isaan ishee keessatti hin dhaga’an.
अरबी तफ़सीरें:
إِنَّ ٱلَّذِينَ سَبَقَتۡ لَهُم مِّنَّا ٱلۡحُسۡنَىٰٓ أُوْلَٰٓئِكَ عَنۡهَا مُبۡعَدُونَ
Warra Nurraa milkiin isaaniif dabarte, isaan sun ishee irraa fageeffamoodha.
अरबी तफ़सीरें:
لَا يَسۡمَعُونَ حَسِيسَهَاۖ وَهُمۡ فِي مَا ٱشۡتَهَتۡ أَنفُسُهُمۡ خَٰلِدُونَ
Sagalee (didichaa) ishee hin dhaga’anu, Isaan waan lubbuun isaanii jaallattu keessatti hafoodha.
अरबी तफ़सीरें:
لَا يَحۡزُنُهُمُ ٱلۡفَزَعُ ٱلۡأَكۡبَرُ وَتَتَلَقَّىٰهُمُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ هَٰذَا يَوۡمُكُمُ ٱلَّذِي كُنتُمۡ تُوعَدُونَ
(Guyyaa Qiyaamaa) naasuun guddaan isaan hin gaddisiisu, Maleykonni isaan simatu. “Kun guyyaa keessan kan baallamamoo taataniidha.” (jedhaniin)
अरबी तफ़सीरें:
يَوۡمَ نَطۡوِي ٱلسَّمَآءَ كَطَيِّ ٱلسِّجِلِّ لِلۡكُتُبِۚ كَمَا بَدَأۡنَآ أَوَّلَ خَلۡقٖ نُّعِيدُهُۥۚ وَعۡدًا عَلَيۡنَآۚ إِنَّا كُنَّا فَٰعِلِينَ
Guyyaa samii marru akka mariinsa barreessan xalayaalee (galmeewwan) marutti [yaadadhu]. Akkuma uumaa duraa jalqabnetti isa deebifna. (Kun) waadaa Nu irra jiruudha. Dhugumatti, Nuti raawwattoota taanee jirra.
अरबी तफ़सीरें:
وَلَقَدۡ كَتَبۡنَا فِي ٱلزَّبُورِ مِنۢ بَعۡدِ ٱلذِّكۡرِ أَنَّ ٱلۡأَرۡضَ يَرِثُهَا عِبَادِيَ ٱلصَّٰلِحُونَ
Dhugumatti, Nuti kitaabota keessatti barreessine, erga ‘Lawhal Mahfuuz’ (keessatti barreessinee) booda. “dachii gabroota kiyya gaggaariitu dhaalaa” (jechuu).
अरबी तफ़सीरें:
إِنَّ فِي هَٰذَا لَبَلَٰغٗا لِّقَوۡمٍ عَٰبِدِينَ
Dhugumatti, (Qur’aana) kana keessa ergaa ga'aa ta’etu orma (Rabbiin) gabbaraniif jira.
अरबी तफ़सीरें:
وَمَآ أَرۡسَلۡنَٰكَ إِلَّا رَحۡمَةٗ لِّلۡعَٰلَمِينَ
Aalama (hundaaf) rahmata taasifnee malee (waan) si hin ergine.
अरबी तफ़सीरें:
قُلۡ إِنَّمَا يُوحَىٰٓ إِلَيَّ أَنَّمَآ إِلَٰهُكُمۡ إِلَٰهٞ وَٰحِدٞۖ فَهَلۡ أَنتُم مُّسۡلِمُونَ
(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Ani wanti gara kiyyatti wahyii godhamu ‘dhugaan gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha’ (kan jedhuu dha)Sila isin Muslimoota hin taatanuu ree?”
अरबी तफ़सीरें:
فَإِن تَوَلَّوۡاْ فَقُلۡ ءَاذَنتُكُمۡ عَلَىٰ سَوَآءٖۖ وَإِنۡ أَدۡرِيٓ أَقَرِيبٌ أَم بَعِيدٞ مَّا تُوعَدُونَ
Yoo gara galan “Ani ifaan ifatti isin beeksise, Ani wanti waadaa isiniif galame dhihoo moo, fagoo ta’aa isaa hin beeku” jedhi.
अरबी तफ़सीरें:
إِنَّهُۥ يَعۡلَمُ ٱلۡجَهۡرَ مِنَ ٱلۡقَوۡلِ وَيَعۡلَمُ مَا تَكۡتُمُونَ
Dhugumatti, Inni jecha ol fuudhamaa ni beeka, Waan isin dhoksitanis ni beeka.
अरबी तफ़सीरें:
وَإِنۡ أَدۡرِي لَعَلَّهُۥ فِتۡنَةٞ لَّكُمۡ وَمَتَٰعٌ إِلَىٰ حِينٖ
Ani inni (an isinitti himu kun) mokkoroo isiniif ta’uufi qananii yeroo gabaabaa (isiniif) ta’aa hin beeku.
अरबी तफ़सीरें:
قَٰلَ رَبِّ ٱحۡكُم بِٱلۡحَقِّۗ وَرَبُّنَا ٱلرَّحۡمَٰنُ ٱلۡمُسۡتَعَانُ عَلَىٰ مَا تَصِفُونَ
(Muhammad) ni jedhe: “(Yaa) Rabbi! (Anaafi warra ana sobsiisan giddutti) dhugaan murtii godhi, Gooftaan keenya Rahmaani, waan isin jettan irratti gargaarsifatamaadha.
अरबी तफ़सीरें:
 
अर्थों का अनुवाद सूरा: सूरा अल्-अम्बिया
सूरों की सूची पृष्ठ संख्या
 
क़ुरआन के अर्थों का अनुवाद - ओरोमो अनुवाद - अनुवादों की सूची

पवित्र क़ुरआन के अर्थों का ओरोमो अनुवाद। अनुवाद गाली अबाबोर अबागूना ने किया है। प्रकाशन वर्ष 2009 ईसवी।

बंद करें