Check out the new design

クルアーンの対訳 - オロモ語対訳 - Ghaly Ababour * - 対訳の目次

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

対訳 章: 洞窟章   節:
مَّا لَهُم بِهِۦ مِنۡ عِلۡمٖ وَلَا لِأٓبَآئِهِمۡۚ كَبُرَتۡ كَلِمَةٗ تَخۡرُجُ مِنۡ أَفۡوَٰهِهِمۡۚ إِن يَقُولُونَ إِلَّا كَذِبٗا
Isaaniifi abbootii isaaniitiifis isa irratti beekumsi hin jiru. Jechi afaan isaanii irraa baatu waa guddatte! Soba malee homaa hin haasa’anu.[1]
[1] Wanti aayanni kun itti fedhe yeroo Rabbiin ilmoo qaba jedhanu beekumsas ta’ee ragaa homaatuu hin qabanu; yaaduma isaaniitiin dubbatan jechuudha.
アラビア語 クルアーン注釈:
فَلَعَلَّكَ بَٰخِعٞ نَّفۡسَكَ عَلَىٰٓ ءَاثَٰرِهِمۡ إِن لَّمۡ يُؤۡمِنُواْ بِهَٰذَا ٱلۡحَدِيثِ أَسَفًا
Yoo isaan haasa’a kanatti amanuu baatan gaddaan faana isaanii irratti lubbuu kee balleessuutu siif sodaatama.
アラビア語 クルアーン注釈:
إِنَّا جَعَلۡنَا مَا عَلَى ٱلۡأَرۡضِ زِينَةٗ لَّهَا لِنَبۡلُوَهُمۡ أَيُّهُمۡ أَحۡسَنُ عَمَلٗا
Dhugumatti, Nuti waan dachii irra jiru (hunda) isheef miidhagina taasifne, isaan irraa eenyu akka irra tolchee hojjatu mul’isuuf.
アラビア語 クルアーン注釈:
وَإِنَّا لَجَٰعِلُونَ مَا عَلَيۡهَا صَعِيدٗا جُرُزًا
Dhugumatti, Nuti wantoota ishee (dachii) irra jiran hunda dirree duwwaa biqilaa hin qabne taasisoodha.
アラビア語 クルアーン注釈:
أَمۡ حَسِبۡتَ أَنَّ أَصۡحَٰبَ ٱلۡكَهۡفِ وَٱلرَّقِيمِ كَانُواْ مِنۡ ءَايَٰتِنَا عَجَبًا
Sila (seenaan) warra holqaafi gabatee mallattoolee keenya irraa dinqisiisaa ta’uu yaaddee?
アラビア語 クルアーン注釈:
إِذۡ أَوَى ٱلۡفِتۡيَةُ إِلَى ٱلۡكَهۡفِ فَقَالُواْ رَبَّنَآ ءَاتِنَا مِن لَّدُنكَ رَحۡمَةٗ وَهَيِّئۡ لَنَا مِنۡ أَمۡرِنَا رَشَدٗا
Yeroo dargaggoonni gara godaa galanii “(yaa) Gooftaa keenya! Si biraa rahmata nuuf kenni; dhimma keenya irraas karaa qajeelaa nuuf mijeessi” jedhan (waan ta’e yaadadhu).
アラビア語 クルアーン注釈:
فَضَرَبۡنَا عَلَىٰٓ ءَاذَانِهِمۡ فِي ٱلۡكَهۡفِ سِنِينَ عَدَدٗا
Holqa keessatti waggoota lakkaa’amaniif dhageettii isaanii irratti (hirriba) darbine.
アラビア語 クルアーン注釈:
ثُمَّ بَعَثۡنَٰهُمۡ لِنَعۡلَمَ أَيُّ ٱلۡحِزۡبَيۡنِ أَحۡصَىٰ لِمَا لَبِثُوٓاْ أَمَدٗا
Ergasii Nuti isaan dammaqsine, kamii gareewwan lamaaniitu dheerina yeroo turanii irra hubataa beekuuf jecha.
アラビア語 クルアーン注釈:
نَّحۡنُ نَقُصُّ عَلَيۡكَ نَبَأَهُم بِٱلۡحَقِّۚ إِنَّهُمۡ فِتۡيَةٌ ءَامَنُواْ بِرَبِّهِمۡ وَزِدۡنَٰهُمۡ هُدٗى
Nuti oduu isaanii dhugaan siif odeessina, Dhugumatti, isaan dargaggoota Gooftaa isaaniitti amananii, qajeeluma isaaniif daballeedha.
アラビア語 クルアーン注釈:
وَرَبَطۡنَا عَلَىٰ قُلُوبِهِمۡ إِذۡ قَامُواْ فَقَالُواْ رَبُّنَا رَبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ لَن نَّدۡعُوَاْ مِن دُونِهِۦٓ إِلَٰهٗاۖ لَّقَدۡ قُلۡنَآ إِذٗا شَطَطًا
Nuti onneewwan isaanii irratti (iimaana) jabeessinee jirra. yeroo isaan dhaabbatanii “Gooftaan keenya Gooftaa samiileefi dachiiti Nuti Isa malee gabbaramaa biraa hin waammannu. Dhugumatti, (yoo kana raawwanne), haasa’a (kufrii keessa) daangaa dabre dubbanne jirra” jedhan.
アラビア語 クルアーン注釈:
هَٰٓؤُلَآءِ قَوۡمُنَا ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ ءَالِهَةٗۖ لَّوۡلَا يَأۡتُونَ عَلَيۡهِم بِسُلۡطَٰنِۭ بَيِّنٖۖ فَمَنۡ أَظۡلَمُ مِمَّنِ ٱفۡتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبٗا
“Ummanni keenya kun Isaa gaditti gabbaramoota biraa taasifataniiru, Sila Maaliif ragaa ifa ta’e isaan irratti hin fidanne? Nama Rabbi irratti soba uume caalaa namni miidhaa hojjate eenyu?
アラビア語 クルアーン注釈:
 
対訳 章: 洞窟章
章名の目次 ページ番号
 
クルアーンの対訳 - オロモ語対訳 - Ghaly Ababour - 対訳の目次

Ghaly Ababour Abaghunaによる翻訳。

閉じる