Check out the new design

クルアーンの対訳 - オロモ語対訳 - Ghaly Ababour * - 対訳の目次

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

対訳 章: 巡礼章   節:
ٱلۡمُلۡكُ يَوۡمَئِذٖ لِّلَّهِ يَحۡكُمُ بَيۡنَهُمۡۚ فَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ فِي جَنَّٰتِ ٱلنَّعِيمِ
Mootummaan guyyaa san kan Allaahti, Gidduu isaaniitti ni murteessa, Isaan amananii, gaggaarii hojjatan Jannata qananii keessa ta’u.
アラビア語 クルアーン注釈:
وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَكَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا فَأُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ عَذَابٞ مُّهِينٞ
Isaan kafaranii, keeyyattoota keenya sobsiisan, warri sun adabbii (jahannam kan) salphisaa ta’etu isaaniif jira.
アラビア語 クルアーン注釈:
وَٱلَّذِينَ هَاجَرُواْ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ ثُمَّ قُتِلُوٓاْ أَوۡ مَاتُواْ لَيَرۡزُقَنَّهُمُ ٱللَّهُ رِزۡقًا حَسَنٗاۚ وَإِنَّ ٱللَّهَ لَهُوَ خَيۡرُ ٱلرَّٰزِقِينَ
Isaan karaa Rabbii keessatti godaananii, ergasii ajjeefaman yookiin du’an, dhugumatti, Rabbiin kennaa gaarii isaanii kennuuf jira, Rabbiin Isatu irra caalaa kennitootaati.
アラビア語 クルアーン注釈:
لَيُدۡخِلَنَّهُم مُّدۡخَلٗا يَرۡضَوۡنَهُۥۚ وَإِنَّ ٱللَّهَ لَعَلِيمٌ حَلِيمٞ
Dhugumatti, Inni isaan seensa isa jaallatan seensisa, Dhugumatti, Rabbiin beekaa, obsaadha.
アラビア語 クルアーン注釈:
۞ ذَٰلِكَۖ وَمَنۡ عَاقَبَ بِمِثۡلِ مَا عُوقِبَ بِهِۦ ثُمَّ بُغِيَ عَلَيۡهِ لَيَنصُرَنَّهُ ٱللَّهُۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَعَفُوٌّ غَفُورٞ
(Dubbiin) akkana Namni fakkaataa waan ittiin miidhameetiin haaloo bahatee, ergasii isa irratti itti roorrifame, dhugumatti, Rabbiin isa tumsa, Rabbiin irra namaaf dabraa, araaramaadha.
アラビア語 クルアーン注釈:
ذَٰلِكَ بِأَنَّ ٱللَّهَ يُولِجُ ٱلَّيۡلَ فِي ٱلنَّهَارِ وَيُولِجُ ٱلنَّهَارَ فِي ٱلَّيۡلِ وَأَنَّ ٱللَّهَ سَمِيعُۢ بَصِيرٞ
Sun waan Rabbiin halkan guyyaa keessa seensisuufi guyyaas halkan keessa seensisuufi, Rabbiin dhaga’aa, argaadha.
アラビア語 クルアーン注釈:
ذَٰلِكَ بِأَنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلۡحَقُّ وَأَنَّ مَا يَدۡعُونَ مِن دُونِهِۦ هُوَ ٱلۡبَٰطِلُ وَأَنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلۡعَلِيُّ ٱلۡكَبِيرُ
Kun waan Rabbiin, Inni (gabbaramaa) dhugaa ta’ee, wantoonni isaan Isaa gaditti gabbaran immoo isa sobaa ta’ee, Rabbiin Isatu ol ta’aa, guddaa ta'eefi.
アラビア語 クルアーン注釈:
أَلَمۡ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ أَنزَلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ فَتُصۡبِحُ ٱلۡأَرۡضُ مُخۡضَرَّةًۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَطِيفٌ خَبِيرٞ
Sila akka Rabbiin samii irraa bishaan buusee, dachiin (isaan) magariisa taate hin arginee? Rabbiin rahmata godhaa, keessa beekaadha.
アラビア語 クルアーン注釈:
لَّهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۚ وَإِنَّ ٱللَّهَ لَهُوَ ٱلۡغَنِيُّ ٱلۡحَمِيدُ
Wantoonni samiilee keessa jiraniifi wantoonni dachii keessa jiran hundi kan Isaati, Rabbiin Isatu dureessa, faarfamaadha.
アラビア語 クルアーン注釈:
 
対訳 章: 巡礼章
章名の目次 ページ番号
 
クルアーンの対訳 - オロモ語対訳 - Ghaly Ababour - 対訳の目次

Ghaly Ababour Abaghunaによる翻訳。

閉じる