Check out the new design

クルアーンの対訳 - オロモ語対訳 - Ghaly Ababour * - 対訳の目次

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

対訳 章: サード章   節:
وَقَالُواْ مَا لَنَا لَا نَرَىٰ رِجَالٗا كُنَّا نَعُدُّهُم مِّنَ ٱلۡأَشۡرَارِ
(Matootiin warra ibiddaa) Ni jedhu: “Maaliif namoota (duniyatti) warra baay’ee badii hojjatan irraa lakkaa’aa turre (asitti) hin argine?
アラビア語 クルアーン注釈:
أَتَّخَذۡنَٰهُمۡ سِخۡرِيًّا أَمۡ زَاغَتۡ عَنۡهُمُ ٱلۡأَبۡصَٰرُ
(Nutu) qishnaa isaan godhate moo, ijoowantu isaan irraa nu dabe?”
アラビア語 クルアーン注釈:
إِنَّ ذَٰلِكَ لَحَقّٞ تَخَاصُمُ أَهۡلِ ٱلنَّارِ
Dhugumatti, sun dhugaadha; (inni) wal mormii warra ibiddaati.
アラビア語 クルアーン注釈:
قُلۡ إِنَّمَآ أَنَا۠ مُنذِرٞۖ وَمَا مِنۡ إِلَٰهٍ إِلَّا ٱللَّهُ ٱلۡوَٰحِدُ ٱلۡقَهَّارُ
“Ani akeekkachiisaadha; Rabbii tokkicha injifataa ta’e malee dhugaan gabbaramaan hin jiru” jedhi.
アラビア語 クルアーン注釈:
رَبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَا ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡغَفَّٰرُ
Gooftaa samiilee, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii jiruu, injifataa, araaramaa ta’e malee.
アラビア語 クルアーン注釈:
قُلۡ هُوَ نَبَؤٌاْ عَظِيمٌ
Jedhi: “inni (Qur’aanni ) oduu guddaadha.
アラビア語 クルアーン注釈:
أَنتُمۡ عَنۡهُ مُعۡرِضُونَ
Isin isa irraa garagaltani.
アラビア語 クルアーン注釈:
مَا كَانَ لِيَ مِنۡ عِلۡمِۭ بِٱلۡمَلَإِ ٱلۡأَعۡلَىٰٓ إِذۡ يَخۡتَصِمُونَ
Yeroo isaan (waa’ee Aadam keessatti) falman ani waa’ee jiraattoota olii (maleykotaa) irraa beekumsa hin qabu.
アラビア語 クルアーン注釈:
إِن يُوحَىٰٓ إِلَيَّ إِلَّآ أَنَّمَآ أَنَا۠ نَذِيرٞ مُّبِينٌ
Ani sodaachisaa ifa galaa ta’uu malee beeksifni (biraa) gara kiyya hin godhamu.”
アラビア語 クルアーン注釈:
إِذۡ قَالَ رَبُّكَ لِلۡمَلَٰٓئِكَةِ إِنِّي خَٰلِقُۢ بَشَرٗا مِّن طِينٖ
Yeroo Gooftaan kee malaykotaan “Ani nama dhoqqee irraa uumuufan jira” jedhe [yaadadhu].
アラビア語 クルアーン注釈:
فَإِذَا سَوَّيۡتُهُۥ وَنَفَخۡتُ فِيهِ مِن رُّوحِي فَقَعُواْ لَهُۥ سَٰجِدِينَ
“yeroo isa sirreessee, ruuhii kiyya (kan Ani uume) irraa isa keessatti afuufe isaaf sujuuda bu’aa” (jedheen).
アラビア語 クルアーン注釈:
فَسَجَدَ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ كُلُّهُمۡ أَجۡمَعُونَ
Malaykonni hundi isaanii sujuuda bu’an.
アラビア語 クルアーン注釈:
إِلَّآ إِبۡلِيسَ ٱسۡتَكۡبَرَ وَكَانَ مِنَ ٱلۡكَٰفِرِينَ
Ibliis malee (sujuuda dide) boonee, kaafiroota irraa ta’e.
アラビア語 クルアーン注釈:
قَالَ يَٰٓإِبۡلِيسُ مَا مَنَعَكَ أَن تَسۡجُدَ لِمَا خَلَقۡتُ بِيَدَيَّۖ أَسۡتَكۡبَرۡتَ أَمۡ كُنتَ مِنَ ٱلۡعَالِينَ
(Rabbiin) ni jedhe: “Yaa Ibliis! Waan Ani harka kiyyaan uumeef sujuuduu maaltu si dhorge? Ni boonte moo, of tuultota irraa taate?”
アラビア語 クルアーン注釈:
قَالَ أَنَا۠ خَيۡرٞ مِّنۡهُ خَلَقۡتَنِي مِن نَّارٖ وَخَلَقۡتَهُۥ مِن طِينٖ
(Ibliis) ni jedhe: “Anatu isarra caala; ana ibidda irraa na uumte, isa immoo suphee (horofa) irraa isa uumte.”
アラビア語 クルアーン注釈:
قَالَ فَٱخۡرُجۡ مِنۡهَا فَإِنَّكَ رَجِيمٞ
(Rabbiin) ni jedhe: “ishee irraa ba’i; ati (rahmata irraa) fageeffamaadha.
アラビア語 クルアーン注釈:
وَإِنَّ عَلَيۡكَ لَعۡنَتِيٓ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلدِّينِ
Hanga guyyaa murtiitti abaarsi kiyya sirra haa jiraatu.”
アラビア語 クルアーン注釈:
قَالَ رَبِّ فَأَنظِرۡنِيٓ إِلَىٰ يَوۡمِ يُبۡعَثُونَ
(Ibliis) ni jedhe: “hanga guyyaa (du’a irraa) kaafamaniitti na tursiisi.”
アラビア語 クルアーン注釈:
قَالَ فَإِنَّكَ مِنَ ٱلۡمُنظَرِينَ
(Rabbiinis) “dhugumatti, ati warra tursiifaman irraayi” jedheen.
アラビア語 クルアーン注釈:
إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡوَقۡتِ ٱلۡمَعۡلُومِ
“Hanga guyyaa yeroo beekamaatti.”
アラビア語 クルアーン注釈:
قَالَ فَبِعِزَّتِكَ لَأُغۡوِيَنَّهُمۡ أَجۡمَعِينَ
(Ibliis) ni jedhe: “jabeenya keetiin kakadhee! Isaan hunda nan jallisa.
アラビア語 クルアーン注釈:
إِلَّا عِبَادَكَ مِنۡهُمُ ٱلۡمُخۡلَصِينَ
Gabroota kee irraa isaan qulqulleefamoo malee.”
アラビア語 クルアーン注釈:
 
対訳 章: サード章
章名の目次 ページ番号
 
クルアーンの対訳 - オロモ語対訳 - Ghaly Ababour - 対訳の目次

Ghaly Ababour Abaghunaによる翻訳。

閉じる