Check out the new design

クルアーンの対訳 - オロモ語対訳 - Ghaly Ababour * - 対訳の目次

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

対訳 章: 赦し深いお方章   節:
إِنَّ ٱلسَّاعَةَ لَأٓتِيَةٞ لَّا رَيۡبَ فِيهَا وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يُؤۡمِنُونَ
Qiyaamaan dhuftuudha; ishee keessa mamiin hin jiru. Garuu irra hedduun namootaa hin amananu.
アラビア語 クルアーン注釈:
وَقَالَ رَبُّكُمُ ٱدۡعُونِيٓ أَسۡتَجِبۡ لَكُمۡۚ إِنَّ ٱلَّذِينَ يَسۡتَكۡبِرُونَ عَنۡ عِبَادَتِي سَيَدۡخُلُونَ جَهَنَّمَ دَاخِرِينَ
Gooftaan keessan ni jedhe: “Na kadhaa; isiniifiin awwaadhaa. Dhugumatti, isaan gabbartii tiyya irraa boonan, salphattoota ta’anii, jahannam seenuuf jiru.”
アラビア語 クルアーン注釈:
ٱللَّهُ ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلَّيۡلَ لِتَسۡكُنُواْ فِيهِ وَٱلنَّهَارَ مُبۡصِرًاۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَذُو فَضۡلٍ عَلَى ٱلنَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَشۡكُرُونَ
Rabbiin Isa halkan akka ishee keessa boqattaniif, guyyaa immoo garsiisaa (ibsaa) kan isiniif godhe. Dhugumatti, Rabbiin namoota irratti abbaa tolaati. Garuu irra hedduun namootaa hin galatoomfatanu.
アラビア語 クルアーン注釈:
ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمۡ خَٰلِقُ كُلِّ شَيۡءٖ لَّآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ فَأَنَّىٰ تُؤۡفَكُونَ
(Inni kana isiniif godhe) kun Allaah, Gooftaa keessani; Uumoo waan hundaati. Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru. Akkamitti irraa gara galfamtan?
アラビア語 クルアーン注釈:
كَذَٰلِكَ يُؤۡفَكُ ٱلَّذِينَ كَانُواْ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ يَجۡحَدُونَ
Akkanatti warri keeyyattoota Rabbii morman irraa gara galfamu.
アラビア語 クルアーン注釈:
ٱللَّهُ ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلۡأَرۡضَ قَرَارٗا وَٱلسَّمَآءَ بِنَآءٗ وَصَوَّرَكُمۡ فَأَحۡسَنَ صُوَرَكُمۡ وَرَزَقَكُم مِّنَ ٱلطَّيِّبَٰتِۚ ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمۡۖ فَتَبَارَكَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Rabbiin Isa dachii (jireenyaaf) mijooftuu, samiilee immoo ijaarsa (gubbaa) isiniif godhee, isin uumee, suuraa keessan bareeche, wantoota gaggaarii irraa isiniif kenne (Inni kana godhe) kun Allaah, Gooftaa keessani. Allaahn Gooftaa aalama hundaa ta’e barakaan Isaa guddate.
アラビア語 クルアーン注釈:
هُوَ ٱلۡحَيُّ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ فَٱدۡعُوهُ مُخۡلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَۗ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Inni jiraataadha. Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Amantii Isaaf qulqulleessaa Isa kadhaa. Faaruun kan Rabbii, Gooftaa aalama hundaa ta’eeti.
アラビア語 クルアーン注釈:
۞ قُلۡ إِنِّي نُهِيتُ أَنۡ أَعۡبُدَ ٱلَّذِينَ تَدۡعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ لَمَّا جَآءَنِيَ ٱلۡبَيِّنَٰتُ مِن رَّبِّي وَأُمِرۡتُ أَنۡ أُسۡلِمَ لِرَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Jedhi “Ani wantoota isin Rabbii gaditti waamtan (gabbartan) gabbaruu iraa dhorgameera erga ragaawwan ifa ta’an Gooftaa kiyya irraa natti dhufanii booda. Gooftaa aalama hundaatiif harka kennuttiis ajajameera” (jedhi).
アラビア語 クルアーン注釈:
 
対訳 章: 赦し深いお方章
章名の目次 ページ番号
 
クルアーンの対訳 - オロモ語対訳 - Ghaly Ababour - 対訳の目次

Ghaly Ababour Abaghunaによる翻訳。

閉じる