Check out the new design

クルアーンの対訳 - オロモ語対訳 - Ghaly Ababour * - 対訳の目次

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

対訳 章: 家畜章   節:
بَلۡ بَدَا لَهُم مَّا كَانُواْ يُخۡفُونَ مِن قَبۡلُۖ وَلَوۡ رُدُّواْ لَعَادُواْ لِمَا نُهُواْ عَنۡهُ وَإِنَّهُمۡ لَكَٰذِبُونَ
Dhugumatti wanti isaan kana dura dhoksaa turan isaaniif mul’ate. silaa Odoo deebifamanii waan irraa dhorgamanitti deebi’u. Isaan kijibdoota.
アラビア語 クルアーン注釈:
وَقَالُوٓاْ إِنۡ هِيَ إِلَّا حَيَاتُنَا ٱلدُّنۡيَا وَمَا نَحۡنُ بِمَبۡعُوثِينَ
Ni jedhan."Isheen jireenya keenya kan addunyaati malee waan biraa miti, nuti (du’a booda) hin kaafamnu"
アラビア語 クルアーン注釈:
وَلَوۡ تَرَىٰٓ إِذۡ وُقِفُواْ عَلَىٰ رَبِّهِمۡۚ قَالَ أَلَيۡسَ هَٰذَا بِٱلۡحَقِّۚ قَالُواْ بَلَىٰ وَرَبِّنَاۚ قَالَ فَذُوقُواْ ٱلۡعَذَابَ بِمَا كُنتُمۡ تَكۡفُرُونَ
Yeroo isaan Gooftaa isaanii fuulduratti dhaabaman odoo argitee (waan rifachiisaa argita ture) "Sila inni kun dhugaa mitii?" jedhe. "Eeyyeen; Gooftaa keenyaan kakannee! dhugaa dha" jedhan. "Waan kafaraa turtaniif (amma) adabicha dhandhamaa!" jedhe.
アラビア語 クルアーン注釈:
قَدۡ خَسِرَ ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِلِقَآءِ ٱللَّهِۖ حَتَّىٰٓ إِذَا جَآءَتۡهُمُ ٱلسَّاعَةُ بَغۡتَةٗ قَالُواْ يَٰحَسۡرَتَنَا عَلَىٰ مَا فَرَّطۡنَا فِيهَا وَهُمۡ يَحۡمِلُونَ أَوۡزَارَهُمۡ عَلَىٰ ظُهُورِهِمۡۚ أَلَا سَآءَ مَا يَزِرُونَ
Isaan wal qunnamtii Rabbii kijibsiisan dhugumatti hoonga’aniiru. hanga Qiyaamattiin tasa isaanitti dhuftetti nijedhan "Waan ishee (addunyaa) keessatti hanqifneef yaa gaabbii keenya!" isaan badiilee isaanii dugdoowwan isaanii irratti baatan. Dhagayaa! Ba’aan isaanii waa fokkate!
アラビア語 クルアーン注釈:
وَمَا ٱلۡحَيَوٰةُ ٱلدُّنۡيَآ إِلَّا لَعِبٞ وَلَهۡوٞۖ وَلَلدَّارُ ٱلۡأٓخِرَةُ خَيۡرٞ لِّلَّذِينَ يَتَّقُونَۚ أَفَلَا تَعۡقِلُونَ
Jireenyi addunyaa taphaafi qoosaa malee waan biraa miti. Dhugumatti ganda Aakhiraatu caala warra (Rabbiin) sodaataniif. Sila isin hin xiinxaltanuu?
アラビア語 クルアーン注釈:
قَدۡ نَعۡلَمُ إِنَّهُۥ لَيَحۡزُنُكَ ٱلَّذِي يَقُولُونَۖ فَإِنَّهُمۡ لَا يُكَذِّبُونَكَ وَلَٰكِنَّ ٱلظَّٰلِمِينَ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ يَجۡحَدُونَ
Dhugumatti wanti isaan jedhan si gaddisiisuu ni beekna. Isaan (onnee isaatiin) si hin kijibsiisanu. Garuu miidhaa raawwattoonni keeyyattoota Rabbii mormu.
アラビア語 クルアーン注釈:
وَلَقَدۡ كُذِّبَتۡ رُسُلٞ مِّن قَبۡلِكَ فَصَبَرُواْ عَلَىٰ مَا كُذِّبُواْ وَأُوذُواْ حَتَّىٰٓ أَتَىٰهُمۡ نَصۡرُنَاۚ وَلَا مُبَدِّلَ لِكَلِمَٰتِ ٱللَّهِۚ وَلَقَدۡ جَآءَكَ مِن نَّبَإِيْ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Dhugumatti, ergamoonni si duraas kijibsiifamaniiru. Waan kijibsiifaman irrattis ni obsan. Hanga tumsi keenya isaaniif dhufuttis ni rakkifaman. Jechoota Rabbiitiif jijjiiraan hin jiru. Dhugumatti, oduu ergamootaa irraa (hangi tokko) sitti dhufeera.
アラビア語 クルアーン注釈:
وَإِن كَانَ كَبُرَ عَلَيۡكَ إِعۡرَاضُهُمۡ فَإِنِ ٱسۡتَطَعۡتَ أَن تَبۡتَغِيَ نَفَقٗا فِي ٱلۡأَرۡضِ أَوۡ سُلَّمٗا فِي ٱلسَّمَآءِ فَتَأۡتِيَهُم بِـَٔايَةٖۚ وَلَوۡ شَآءَ ٱللَّهُ لَجَمَعَهُمۡ عَلَى ٱلۡهُدَىٰۚ فَلَا تَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡجَٰهِلِينَ
Yoo (sirraa) garagaluun isaanii sitti ulfaate, mallattoon isaanitti dhufuuf yoo qaawwa dachii keessa barbaaduu yookiin kortoo samii keessaa dandeesse (raawwadhu). Rabbiin odoo fedhee, (hunda isaanii) qajeeluma irratti walitti isaan qaba. Wallaalaa irraa hin ta’in.
アラビア語 クルアーン注釈:
 
対訳 章: 家畜章
章名の目次 ページ番号
 
クルアーンの対訳 - オロモ語対訳 - Ghaly Ababour - 対訳の目次

Ghaly Ababour Abaghunaによる翻訳。

閉じる