Check out the new design

ការបកប្រែអត្ថន័យគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ * - សន្ទស្សន៍នៃការបកប្រែ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: សាហ្ពាក   អាយ៉ាត់:
قَالَ ٱلَّذِينَ ٱسۡتَكۡبَرُواْ لِلَّذِينَ ٱسۡتُضۡعِفُوٓاْ أَنَحۡنُ صَدَدۡنَٰكُمۡ عَنِ ٱلۡهُدَىٰ بَعۡدَ إِذۡ جَآءَكُمۖ بَلۡ كُنتُم مُّجۡرِمِينَ
Isaan boonaa turanis isaan dadhaboo turaniin “sila nutu karaa qajeelaa irraa isin deebisee erga inni isinitti dhufee booda? Lakkisaa! Isinumatu yakkamtoota taatan” jedhuun.
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
وَقَالَ ٱلَّذِينَ ٱسۡتُضۡعِفُواْ لِلَّذِينَ ٱسۡتَكۡبَرُواْ بَلۡ مَكۡرُ ٱلَّيۡلِ وَٱلنَّهَارِ إِذۡ تَأۡمُرُونَنَآ أَن نَّكۡفُرَ بِٱللَّهِ وَنَجۡعَلَ لَهُۥٓ أَندَادٗاۚ وَأَسَرُّواْ ٱلنَّدَامَةَ لَمَّا رَأَوُاْ ٱلۡعَذَابَۚ وَجَعَلۡنَا ٱلۡأَغۡلَٰلَ فِيٓ أَعۡنَاقِ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْۖ هَلۡ يُجۡزَوۡنَ إِلَّا مَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Isaan dadhaboo turan isaan boonaa turaniin “Lakkisaa; mala keessan kan halkaniifi guyyaatu; yeroo akka Rabbitti kafarruufi hiriyootaas akka Isaaf taasifnu nu ajajjan santu (badii keessa nu buuse).” jedhan. (Hundi isaaniituu) yeroo adabicha argan gaabbii (sheenaa) isaanii ni dhokfatan. Mormaawwan warra kafaranii keessa dirii (sansalata) goone. Sila waan dalagaa turan malee ni mindeeffamuu?
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
وَمَآ أَرۡسَلۡنَا فِي قَرۡيَةٖ مِّن نَّذِيرٍ إِلَّا قَالَ مُتۡرَفُوهَآ إِنَّا بِمَآ أُرۡسِلۡتُم بِهِۦ كَٰفِرُونَ
Magaalaa kamillee keessatti akeekkachiisaa tokkoyuu erginee badhaadhoon ishee “nuti waan isin ittiin ergamatan kanatti kafaroodha” jedhan malee hin hafanu.
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
وَقَالُواْ نَحۡنُ أَكۡثَرُ أَمۡوَٰلٗا وَأَوۡلَٰدٗا وَمَا نَحۡنُ بِمُعَذَّبِينَ
“Nuti qabeenyaaleefi ilmaanis isin caalaa baay’ee qabna. Nuti kan adabamnu hin taane” jedhan.
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
قُلۡ إِنَّ رَبِّي يَبۡسُطُ ٱلرِّزۡقَ لِمَن يَشَآءُ وَيَقۡدِرُ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ
“Dhugumatti, Gooftaan kiyya soorata nama fedheef bal’isa; (kan fedhe irratti immoo) ni dhiphisa. Garuu irra hedduun namaa (kana) hin beekanu” jedhiin.
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
وَمَآ أَمۡوَٰلُكُمۡ وَلَآ أَوۡلَٰدُكُم بِٱلَّتِي تُقَرِّبُكُمۡ عِندَنَا زُلۡفَىٰٓ إِلَّا مَنۡ ءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحٗا فَأُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ جَزَآءُ ٱلضِّعۡفِ بِمَا عَمِلُواْ وَهُمۡ فِي ٱلۡغُرُفَٰتِ ءَامِنُونَ
Qabeenyi keessaniifi ilmaan keessan kan dhiheenya gara keenyatti isin dhiheessu hin taane. Haa ta’u malee namoonni amananii, gaggaarii dalagan isaan sun sababa waan isaan dalaganiitiin mindaa dachaa ta’etu isaaniif jira. Isaanis gamoowwan ol fuudhamoo keessa nageenyaan jiraatu.
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
وَٱلَّذِينَ يَسۡعَوۡنَ فِيٓ ءَايَٰتِنَا مُعَٰجِزِينَ أُوْلَٰٓئِكَ فِي ٱلۡعَذَابِ مُحۡضَرُونَ
Warri dadhabsiisoo ta’anii keeyyattoota keenya keessatti sochii godhan, jarri sun adabbii (ibiddaa) keessa fidamoodha
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
قُلۡ إِنَّ رَبِّي يَبۡسُطُ ٱلرِّزۡقَ لِمَن يَشَآءُ مِنۡ عِبَادِهِۦ وَيَقۡدِرُ لَهُۥۚ وَمَآ أَنفَقۡتُم مِّن شَيۡءٖ فَهُوَ يُخۡلِفُهُۥۖ وَهُوَ خَيۡرُ ٱلرَّٰزِقِينَ
“Dhugumatti, Rabbiin kiyya gabroota Isaa irraa nama fedheef soorata bal’isa; (nama fedhes) isatti dhiphisa.Wanta kamirraayyuu waan isin kennattan Inni bakka isa buusa. Inni irra caalaa warra soorata kennaniiti.
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
 
ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: សាហ្ពាក
សន្ទស្សន៍នៃជំពូក លេខ​ទំព័រ
 
ការបកប្រែអត្ថន័យគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ - សន្ទស្សន៍នៃការបកប្រែ

បកប្រែដោយលោកហ្គាលី អាពេីពួរ អាពេីហ្គូណា។

បិទ