Check out the new design

ការបកប្រែអត្ថន័យគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ * - សន្ទស្សន៍នៃការបកប្រែ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: អាល់អាក់រ៉ហ្វ   អាយ៉ាត់:
وَإِذۡ قَالَتۡ أُمَّةٞ مِّنۡهُمۡ لِمَ تَعِظُونَ قَوۡمًا ٱللَّهُ مُهۡلِكُهُمۡ أَوۡ مُعَذِّبُهُمۡ عَذَابٗا شَدِيدٗاۖ قَالُواْ مَعۡذِرَةً إِلَىٰ رَبِّكُمۡ وَلَعَلَّهُمۡ يَتَّقُونَ
(yaadadhu) Yeroo ummanni isaan irraa taate jette "ummata Rabbiin isaan balleessuuf yookiin adabbii cimaa isaan adabuuf jiru maaliif gorsitu?" (Gorsitoonn) nijedhan "Gooftaa keessan biratti sababa nuuf haa ta'uufi akka isaan Rabbiin sodaataniifi" jedhan. [1]
[1] kuni wanni ibsu namni gorsu yoo ummanni irratti dides gorsa isaa hindhaabuu ittuma fufa jechuudha.
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
فَلَمَّا نَسُواْ مَا ذُكِّرُواْ بِهِۦٓ أَنجَيۡنَا ٱلَّذِينَ يَنۡهَوۡنَ عَنِ ٱلسُّوٓءِ وَأَخَذۡنَا ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ بِعَذَابِۭ بَـِٔيسِۭ بِمَا كَانُواْ يَفۡسُقُونَ
Yeroma isaan waan ittiin gorfaman dagatan, isaan hamtuu irraa (namoota) dhorgan nagaa baafnee, isaan miidhaa hojjatan immoo adabbii hamaan isaan qabne waan isaan fincilaa turaniif jecha. [1]
[1] hubadhaa daiwaan (ummata islaamummatti yaamuun) azaaba jalaa nagaya nama baafti.
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
فَلَمَّا عَتَوۡاْ عَن مَّا نُهُواْ عَنۡهُ قُلۡنَا لَهُمۡ كُونُواْ قِرَدَةً خَٰسِـِٔينَ
Yeroma isaan daangaa wantoota irraa dhorgamanii dabran isaanin jenne "jaldeessa salphattoota ta’aa".
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
وَإِذۡ تَأَذَّنَ رَبُّكَ لَيَبۡعَثَنَّ عَلَيۡهِمۡ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ مَن يَسُومُهُمۡ سُوٓءَ ٱلۡعَذَابِۗ إِنَّ رَبَّكَ لَسَرِيعُ ٱلۡعِقَابِ وَإِنَّهُۥ لَغَفُورٞ رَّحِيمٞ
Yeroo Gooftaan kee hanga Guyyaa Qiyaamatti isaan irratti nama adabbii laalessaa isaan dhandhamsiisu akka isaan irratti ergu beeksise (yaadadhu.) Dhugumatti, Gooftaan kee adabbiin isaa arifataadha; Inni akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaadha.
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
وَقَطَّعۡنَٰهُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ أُمَمٗاۖ مِّنۡهُمُ ٱلصَّٰلِحُونَ وَمِنۡهُمۡ دُونَ ذَٰلِكَۖ وَبَلَوۡنَٰهُم بِٱلۡحَسَنَٰتِ وَٱلسَّيِّـَٔاتِ لَعَلَّهُمۡ يَرۡجِعُونَ
Nuti (Ilmaan Isaraa’iil) dachii keessatti ummatoota adda addaa taasifnee isaan kukkunnee jirra, Isaan irraas gaggaariitu jira, Isaan irraa sanaan alatu jira, toltuuwwaniifi hamtuuwwaniin isaan qormaannee jirra Akka isaan deebi’aniif jecha.
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
فَخَلَفَ مِنۢ بَعۡدِهِمۡ خَلۡفٞ وَرِثُواْ ٱلۡكِتَٰبَ يَأۡخُذُونَ عَرَضَ هَٰذَا ٱلۡأَدۡنَىٰ وَيَقُولُونَ سَيُغۡفَرُ لَنَا وَإِن يَأۡتِهِمۡ عَرَضٞ مِّثۡلُهُۥ يَأۡخُذُوهُۚ أَلَمۡ يُؤۡخَذۡ عَلَيۡهِم مِّيثَٰقُ ٱلۡكِتَٰبِ أَن لَّا يَقُولُواْ عَلَى ٱللَّهِ إِلَّا ٱلۡحَقَّ وَدَرَسُواْ مَا فِيهِۗ وَٱلدَّارُ ٱلۡأٓخِرَةُ خَيۡرٞ لِّلَّذِينَ يَتَّقُونَۚ أَفَلَا تَعۡقِلُونَ
bakka bu’an booda isaaniitii bakka bu’oonni badaan kitaaba dhaalan. Meeshaa dhihoo (hoosa) kana fudhataa, "fuulduratti nuuf dhiifama" jedhu, Yoo meeshaan san fakkaatu isaanitti dhufe ni fudhatu, Sila waadaan kitaabaa akka isaan Rabbiin irratti dhugaa malee hin dubbanne isaan irraa hin fuudhamnee? Waan isa keessa jirus hin dubbifnee? Manni Aakhiraa isaan Rabbiin sodaataniif caalaadha, Sila isin hin xiinxaltanuu?
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
وَٱلَّذِينَ يُمَسِّكُونَ بِٱلۡكِتَٰبِ وَأَقَامُواْ ٱلصَّلَوٰةَ إِنَّا لَا نُضِيعُ أَجۡرَ ٱلۡمُصۡلِحِينَ
Isaannan kitaabicha qabatanii, salaata sirnaan dhaaban, Dhugumatti, Nuti mindaa tolchitoota hin balleessinu.
តាហ្វសៀរជាភាសា​អារ៉ាប់ជាច្រេីន:
 
ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: អាល់អាក់រ៉ហ្វ
សន្ទស្សន៍នៃជំពូក លេខ​ទំព័រ
 
ការបកប្រែអត្ថន័យគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ - សន្ទស្សន៍នៃការបកប្រែ

បកប្រែដោយលោកហ្គាលី អាពេីពួរ អាពេីហ្គូណា។

បិទ