Check out the new design

Prijevod značenja časnog Kur'ana - Prijevod na oromo jezik - Gali Ababur * - Sadržaj prijevodā

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Prijevod značenja Sura: El-A'araf   Ajet:
وَإِذۡ قَالَتۡ أُمَّةٞ مِّنۡهُمۡ لِمَ تَعِظُونَ قَوۡمًا ٱللَّهُ مُهۡلِكُهُمۡ أَوۡ مُعَذِّبُهُمۡ عَذَابٗا شَدِيدٗاۖ قَالُواْ مَعۡذِرَةً إِلَىٰ رَبِّكُمۡ وَلَعَلَّهُمۡ يَتَّقُونَ
(yaadadhu) Yeroo ummanni isaan irraa taate jette "ummata Rabbiin isaan balleessuuf yookiin adabbii cimaa isaan adabuuf jiru maaliif gorsitu?" (Gorsitoonn) nijedhan "Gooftaa keessan biratti sababa nuuf haa ta'uufi akka isaan Rabbiin sodaataniifi" jedhan. [1]
[1] kuni wanni ibsu namni gorsu yoo ummanni irratti dides gorsa isaa hindhaabuu ittuma fufa jechuudha.
Tefsiri na arapskom jeziku:
فَلَمَّا نَسُواْ مَا ذُكِّرُواْ بِهِۦٓ أَنجَيۡنَا ٱلَّذِينَ يَنۡهَوۡنَ عَنِ ٱلسُّوٓءِ وَأَخَذۡنَا ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ بِعَذَابِۭ بَـِٔيسِۭ بِمَا كَانُواْ يَفۡسُقُونَ
Yeroma isaan waan ittiin gorfaman dagatan, isaan hamtuu irraa (namoota) dhorgan nagaa baafnee, isaan miidhaa hojjatan immoo adabbii hamaan isaan qabne waan isaan fincilaa turaniif jecha. [1]
[1] hubadhaa daiwaan (ummata islaamummatti yaamuun) azaaba jalaa nagaya nama baafti.
Tefsiri na arapskom jeziku:
فَلَمَّا عَتَوۡاْ عَن مَّا نُهُواْ عَنۡهُ قُلۡنَا لَهُمۡ كُونُواْ قِرَدَةً خَٰسِـِٔينَ
Yeroma isaan daangaa wantoota irraa dhorgamanii dabran isaanin jenne "jaldeessa salphattoota ta’aa".
Tefsiri na arapskom jeziku:
وَإِذۡ تَأَذَّنَ رَبُّكَ لَيَبۡعَثَنَّ عَلَيۡهِمۡ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ مَن يَسُومُهُمۡ سُوٓءَ ٱلۡعَذَابِۗ إِنَّ رَبَّكَ لَسَرِيعُ ٱلۡعِقَابِ وَإِنَّهُۥ لَغَفُورٞ رَّحِيمٞ
Yeroo Gooftaan kee hanga Guyyaa Qiyaamatti isaan irratti nama adabbii laalessaa isaan dhandhamsiisu akka isaan irratti ergu beeksise (yaadadhu.) Dhugumatti, Gooftaan kee adabbiin isaa arifataadha; Inni akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaadha.
Tefsiri na arapskom jeziku:
وَقَطَّعۡنَٰهُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ أُمَمٗاۖ مِّنۡهُمُ ٱلصَّٰلِحُونَ وَمِنۡهُمۡ دُونَ ذَٰلِكَۖ وَبَلَوۡنَٰهُم بِٱلۡحَسَنَٰتِ وَٱلسَّيِّـَٔاتِ لَعَلَّهُمۡ يَرۡجِعُونَ
Nuti (Ilmaan Isaraa’iil) dachii keessatti ummatoota adda addaa taasifnee isaan kukkunnee jirra, Isaan irraas gaggaariitu jira, Isaan irraa sanaan alatu jira, toltuuwwaniifi hamtuuwwaniin isaan qormaannee jirra Akka isaan deebi’aniif jecha.
Tefsiri na arapskom jeziku:
فَخَلَفَ مِنۢ بَعۡدِهِمۡ خَلۡفٞ وَرِثُواْ ٱلۡكِتَٰبَ يَأۡخُذُونَ عَرَضَ هَٰذَا ٱلۡأَدۡنَىٰ وَيَقُولُونَ سَيُغۡفَرُ لَنَا وَإِن يَأۡتِهِمۡ عَرَضٞ مِّثۡلُهُۥ يَأۡخُذُوهُۚ أَلَمۡ يُؤۡخَذۡ عَلَيۡهِم مِّيثَٰقُ ٱلۡكِتَٰبِ أَن لَّا يَقُولُواْ عَلَى ٱللَّهِ إِلَّا ٱلۡحَقَّ وَدَرَسُواْ مَا فِيهِۗ وَٱلدَّارُ ٱلۡأٓخِرَةُ خَيۡرٞ لِّلَّذِينَ يَتَّقُونَۚ أَفَلَا تَعۡقِلُونَ
bakka bu’an booda isaaniitii bakka bu’oonni badaan kitaaba dhaalan. Meeshaa dhihoo (hoosa) kana fudhataa, "fuulduratti nuuf dhiifama" jedhu, Yoo meeshaan san fakkaatu isaanitti dhufe ni fudhatu, Sila waadaan kitaabaa akka isaan Rabbiin irratti dhugaa malee hin dubbanne isaan irraa hin fuudhamnee? Waan isa keessa jirus hin dubbifnee? Manni Aakhiraa isaan Rabbiin sodaataniif caalaadha, Sila isin hin xiinxaltanuu?
Tefsiri na arapskom jeziku:
وَٱلَّذِينَ يُمَسِّكُونَ بِٱلۡكِتَٰبِ وَأَقَامُواْ ٱلصَّلَوٰةَ إِنَّا لَا نُضِيعُ أَجۡرَ ٱلۡمُصۡلِحِينَ
Isaannan kitaabicha qabatanii, salaata sirnaan dhaaban, Dhugumatti, Nuti mindaa tolchitoota hin balleessinu.
Tefsiri na arapskom jeziku:
 
Prijevod značenja Sura: El-A'araf
Indeks sura Broj stranice
 
Prijevod značenja časnog Kur'ana - Prijevod na oromo jezik - Gali Ababur - Sadržaj prijevodā

Preveo je Gali Ababur Abaguna.

Zatvaranje