Check out the new design

ಪವಿತ್ರ ಕುರ್‌ಆನ್ ಅರ್ಥಾನುವಾದ - ಒರೋಮೋ ಅನುವಾದ - ಗಾಲಿ ಅಬಾಬೂರ್ * - ಅನುವಾದಗಳ ವಿಷಯಸೂಚಿ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ಅರ್ಥಗಳ ಅನುವಾದ ಅಧ್ಯಾಯ: ಅಲ್ -ಫುರ್ಕಾನ್   ಶ್ಲೋಕ:
وَٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ ءَالِهَةٗ لَّا يَخۡلُقُونَ شَيۡـٔٗا وَهُمۡ يُخۡلَقُونَ وَلَا يَمۡلِكُونَ لِأَنفُسِهِمۡ ضَرّٗا وَلَا نَفۡعٗا وَلَا يَمۡلِكُونَ مَوۡتٗا وَلَا حَيَوٰةٗ وَلَا نُشُورٗا
Isaa (Rabbii) gaditti gooftolee godhatan kan homaa hin uumne, kan isaanuu uumamanu, kan of irraa miidhaa deebisuu ta’ee bu’aa fiduu hin dandeenye, ajjeesuu, jiraachisuufi du’a irraa kaasuus hin dandeenye.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّآ إِفۡكٌ ٱفۡتَرَىٰهُ وَأَعَانَهُۥ عَلَيۡهِ قَوۡمٌ ءَاخَرُونَۖ فَقَدۡ جَآءُو ظُلۡمٗا وَزُورٗا
Warri kafaran nijedhan “kun soba inni (Muhammad) of irraa uumeefi namoonni biraa irratti isa gargaaran malee waan biraatii miti”. Dhugumatti isaan miidhaafi cubbuu rawwatanii jiru
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
وَقَالُوٓاْ أَسَٰطِيرُ ٱلۡأَوَّلِينَ ٱكۡتَتَبَهَا فَهِيَ تُمۡلَىٰ عَلَيۡهِ بُكۡرَةٗ وَأَصِيلٗا
“(Kun) hogbarruu warra durii ishee barreessisee isheen ganamaafi galgala isa irratti dubbifamtuudha” jedhan.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
قُلۡ أَنزَلَهُ ٱلَّذِي يَعۡلَمُ ٱلسِّرَّ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ إِنَّهُۥ كَانَ غَفُورٗا رَّحِيمٗا
”Isa samiileefi dachii keessatti iccitii [hunda] beekutu isa buuse” jedhi. Dhugumatti, Inni akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaa ta’eera.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
وَقَالُواْ مَالِ هَٰذَا ٱلرَّسُولِ يَأۡكُلُ ٱلطَّعَامَ وَيَمۡشِي فِي ٱلۡأَسۡوَاقِ لَوۡلَآ أُنزِلَ إِلَيۡهِ مَلَكٞ فَيَكُونَ مَعَهُۥ نَذِيرًا
Nijedhan “ergamaa kana maaltu isaaf tahe kan nyaata nyaatu kan magaalota keessa adeemu? Sila maaliif maleykaan gara isaa buufamee isaa wajjin dinniinaa hin taane”.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
أَوۡ يُلۡقَىٰٓ إِلَيۡهِ كَنزٌ أَوۡ تَكُونُ لَهُۥ جَنَّةٞ يَأۡكُلُ مِنۡهَاۚ وَقَالَ ٱلظَّٰلِمُونَ إِن تَتَّبِعُونَ إِلَّا رَجُلٗا مَّسۡحُورًا
”Yookiin immoo maaliif dilbiin (qabeenyi guddaan wahii) gara isaatti hin darbamne? Yookiin ashaakiltii ishee irraa nyaatu maaliif isaaf hin taane?” (jedhu). Miidhaa hojjatoonni “isin nama falfalli itti hojjatame malee [nama fayyaa] hordafaa hin jirtan” jedhan.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
ٱنظُرۡ كَيۡفَ ضَرَبُواْ لَكَ ٱلۡأَمۡثَٰلَ فَضَلُّواْ فَلَا يَسۡتَطِيعُونَ سَبِيلٗا
Laali Akka isaan fakkeenyota siif godhan. jallatan, karaa sirrii [qabachuu] hin dandayan.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
تَبَارَكَ ٱلَّذِيٓ إِن شَآءَ جَعَلَ لَكَ خَيۡرٗا مِّن ذَٰلِكَ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ وَيَجۡعَل لَّكَ قُصُورَۢا
Toltuun isaa baay’ate Isa (Rabbii) yoo fedhe waan san irra caalu, Jannatoota jala ishee laggeen yaatu siif godhee, gamoowwanis siif godhu.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
بَلۡ كَذَّبُواْ بِٱلسَّاعَةِۖ وَأَعۡتَدۡنَا لِمَن كَذَّبَ بِٱلسَّاعَةِ سَعِيرًا
Dhugumatti isaan Qiyaamaa sobsiisan. Nama Qiyaamaa sobsiiseefis ibidda boba’aa qopheessinee jirra.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
 
ಅರ್ಥಗಳ ಅನುವಾದ ಅಧ್ಯಾಯ: ಅಲ್ -ಫುರ್ಕಾನ್
ಅಧ್ಯಾಯಗಳ ವಿಷಯಸೂಚಿ ಪುಟ ಸಂಖ್ಯೆ
 
ಪವಿತ್ರ ಕುರ್‌ಆನ್ ಅರ್ಥಾನುವಾದ - ಒರೋಮೋ ಅನುವಾದ - ಗಾಲಿ ಅಬಾಬೂರ್ - ಅನುವಾದಗಳ ವಿಷಯಸೂಚಿ

ಅನುವಾದ - ಗಾಲಿ ಅಬಾಬೂರ್ ಅಬಾಗೋನಾ.

ಮುಚ್ಚಿ