Check out the new design

ಪವಿತ್ರ ಕುರ್‌ಆನ್ ಅರ್ಥಾನುವಾದ - ಒರೋಮೋ ಅನುವಾದ - ಗಾಲಿ ಅಬಾಬೂರ್ * - ಅನುವಾದಗಳ ವಿಷಯಸೂಚಿ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ಅರ್ಥಗಳ ಅನುವಾದ ಅಧ್ಯಾಯ: ಅಲ್ -ಜಾಸಿಯ   ಶ್ಲೋಕ:

Aljaasiyaat

حمٓ
Haa Miim.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
تَنزِيلُ ٱلۡكِتَٰبِ مِنَ ٱللَّهِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡحَكِيمِ
Buufamiinsi kitaabaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, ogeessa ta’e irraayi.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
إِنَّ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ لَأٓيَٰتٖ لِّلۡمُؤۡمِنِينَ
Samiileefi dachii keessa Dhugumatti mu’uminootaaf mallattooleetu jira.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
وَفِي خَلۡقِكُمۡ وَمَا يَبُثُّ مِن دَآبَّةٍ ءَايَٰتٞ لِّقَوۡمٖ يُوقِنُونَ
Uumama keessaniifi lubbu qabeeyyii irraa waan Inni (Rabbiin dachii keessa) facaasu keessas namoota dhugaan amananiif raajiiwwantu jiru.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
وَٱخۡتِلَٰفِ ٱلَّيۡلِ وَٱلنَّهَارِ وَمَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مِن رِّزۡقٖ فَأَحۡيَا بِهِ ٱلۡأَرۡضَ بَعۡدَ مَوۡتِهَا وَتَصۡرِيفِ ٱلرِّيَٰحِ ءَايَٰتٞ لِّقَوۡمٖ يَعۡقِلُونَ
Wal dhabuu halkanii, guyyaatiifi اhiree (rooba) irraa waan Rabbiin samirraa (duumeessarraa) buusee, dachii eega du'uu (goggogina) isheetii ittiin jiraachise (magarseefi) qilleensa gara gaggalchuu keessa warra xinxalaniif mallattooleen taatuudha.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱللَّهِ نَتۡلُوهَا عَلَيۡكَ بِٱلۡحَقِّۖ فَبِأَيِّ حَدِيثِۭ بَعۡدَ ٱللَّهِ وَءَايَٰتِهِۦ يُؤۡمِنُونَ
(Yaa Muhammad!) tunniin keeyyattoota Rabbiitii, dhugaan sirratti ishee dubbifna. Sila erga Rabbiifi keeyyattoota Isaatii oduu akkamii amanu?
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
وَيۡلٞ لِّكُلِّ أَفَّاكٍ أَثِيمٖ
Cufa nama akkaan kijibaa, dilaawaa ta’eetiif laga ibiddaatu jira.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
يَسۡمَعُ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِ ثُمَّ يُصِرُّ مُسۡتَكۡبِرٗا كَأَن لَّمۡ يَسۡمَعۡهَاۖ فَبَشِّرۡهُ بِعَذَابٍ أَلِيمٖ
Keeyyattoota Rabbii kan isa irratti dubbifaman dhaga’aa; ergasii akka waan ishee hin dhaga’iniitti boona isaa itti fufa. adabbii laalessaan isa gammachiisi.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
وَإِذَا عَلِمَ مِنۡ ءَايَٰتِنَا شَيۡـًٔا ٱتَّخَذَهَا هُزُوًاۚ أُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ عَذَابٞ مُّهِينٞ
Yeroo keeyyattoota keenya irraa waa beeke qishina (qoosaa) ishee godhata. Warra san adabbii xiqqeessaa ta’etu isaaniif jira.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
مِّن وَرَآئِهِمۡ جَهَنَّمُۖ وَلَا يُغۡنِي عَنۡهُم مَّا كَسَبُواْ شَيۡـٔٗا وَلَا مَا ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِ ٱللَّهِ أَوۡلِيَآءَۖ وَلَهُمۡ عَذَابٌ عَظِيمٌ
Fuuldura isaanii jahannamtu jira. Wanti isaan horatanis ta’ee wanti isaan Rabbiin ala jaalalleewwan godhatanis homaa isaan irraa hin deebisanu. Isaaniif adabbii guddaatu jira.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
هَٰذَا هُدٗىۖ وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِمۡ لَهُمۡ عَذَابٞ مِّن رِّجۡزٍ أَلِيمٌ
(Qur’aanni) kun qajeelfama. Isaan keeyyattoota Gooftaa isaaniitti kafaran, adabbii gubaa laalessaa irraa ta’etu isaaniif jira.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
۞ ٱللَّهُ ٱلَّذِي سَخَّرَ لَكُمُ ٱلۡبَحۡرَ لِتَجۡرِيَ ٱلۡفُلۡكُ فِيهِ بِأَمۡرِهِۦ وَلِتَبۡتَغُواْ مِن فَضۡلِهِۦ وَلَعَلَّكُمۡ تَشۡكُرُونَ
Rabbiin Isa galaana isiniif laaffise sani akka dooniwwan ajaja Isaatiin isa keessa deemtu, akka tola Isaa irraa barbaaddattaniif, akka Isa galateeffattaniif.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
وَسَخَّرَ لَكُم مَّا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِ جَمِيعٗا مِّنۡهُۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يَتَفَكَّرُونَ
Waan samiilee keessa jiruufi waan dachii keessa jiru hunda (laaffisuu) Isa irraa ta’e isiniif laaffise. Kana keessa ummattoota xiinxalaniif mallattooleetu jira.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
 
ಅರ್ಥಗಳ ಅನುವಾದ ಅಧ್ಯಾಯ: ಅಲ್ -ಜಾಸಿಯ
ಅಧ್ಯಾಯಗಳ ವಿಷಯಸೂಚಿ ಪುಟ ಸಂಖ್ಯೆ
 
ಪವಿತ್ರ ಕುರ್‌ಆನ್ ಅರ್ಥಾನುವಾದ - ಒರೋಮೋ ಅನುವಾದ - ಗಾಲಿ ಅಬಾಬೂರ್ - ಅನುವಾದಗಳ ವಿಷಯಸೂಚಿ

ಅನುವಾದ - ಗಾಲಿ ಅಬಾಬೂರ್ ಅಬಾಗೋನಾ.

ಮುಚ್ಚಿ