Check out the new design

ಪವಿತ್ರ ಕುರ್‌ಆನ್ ಅರ್ಥಾನುವಾದ - ಒರೋಮೋ ಅನುವಾದ - ಗಾಲಿ ಅಬಾಬೂರ್ * - ಅನುವಾದಗಳ ವಿಷಯಸೂಚಿ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ಅರ್ಥಗಳ ಅನುವಾದ ಅಧ್ಯಾಯ: ಅಲ್ -ಫತ್ ಹ್   ಶ್ಲೋಕ:
إِنَّ ٱلَّذِينَ يُبَايِعُونَكَ إِنَّمَا يُبَايِعُونَ ٱللَّهَ يَدُ ٱللَّهِ فَوۡقَ أَيۡدِيهِمۡۚ فَمَن نَّكَثَ فَإِنَّمَا يَنكُثُ عَلَىٰ نَفۡسِهِۦۖ وَمَنۡ أَوۡفَىٰ بِمَا عَٰهَدَ عَلَيۡهُ ٱللَّهَ فَسَيُؤۡتِيهِ أَجۡرًا عَظِيمٗا
Isaan ahdii siif seenan, kan isaan ahdii seenan Rabbiifi. Harki Rabbii harkoowwan isaanii gubbaadha. Namni waadaa diige, kan inni waadaa diige lubbuma isaa irratti. Nama waan irratti Rabbiif waadaa gale guute, Inni mindaa guddaa isaa kennuuf jira.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
سَيَقُولُ لَكَ ٱلۡمُخَلَّفُونَ مِنَ ٱلۡأَعۡرَابِ شَغَلَتۡنَآ أَمۡوَٰلُنَا وَأَهۡلُونَا فَٱسۡتَغۡفِرۡ لَنَاۚ يَقُولُونَ بِأَلۡسِنَتِهِم مَّا لَيۡسَ فِي قُلُوبِهِمۡۚ قُلۡ فَمَن يَمۡلِكُ لَكُم مِّنَ ٱللَّهِ شَيۡـًٔا إِنۡ أَرَادَ بِكُمۡ ضَرًّا أَوۡ أَرَادَ بِكُمۡ نَفۡعَۢاۚ بَلۡ كَانَ ٱللَّهُ بِمَا تَعۡمَلُونَ خَبِيرَۢا
Shanaanota irraa namoonni duubatti hafan “qabeenyalee keenyaafi maatiilee keenyatu nu qabe; Rabbiin araarama nuuf kadhu” siin jechuuf jiru. Waan onneewwan isaanii keessa hin jirre arraboota isaanitiin jedhu. (Yaa Muhammad) eenyutu waan Allaahn barbaade irraa isiniif waa gochuu dandaya? “yoo Inni miidhaa isin irra geessuu yookiin bu’aa isiniif kennuu fedhe, Rabbiin waan isin hojjattan beekaa ta’eera” jedhi.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
بَلۡ ظَنَنتُمۡ أَن لَّن يَنقَلِبَ ٱلرَّسُولُ وَٱلۡمُؤۡمِنُونَ إِلَىٰٓ أَهۡلِيهِمۡ أَبَدٗا وَزُيِّنَ ذَٰلِكَ فِي قُلُوبِكُمۡ وَظَنَنتُمۡ ظَنَّ ٱلسَّوۡءِ وَكُنتُمۡ قَوۡمَۢا بُورٗا
Dhugumatti, Ergamaan Rabbiitiifi mu’uminoonni gara maatii isaanii gonkumaa hindeebi'anii yaaddanii turtan. Sun onneewwan keessan keessatti miidhagfame, yaada hamtuu yaaddan, ummata mancaafamoo taatan.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
وَمَن لَّمۡ يُؤۡمِنۢ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ فَإِنَّآ أَعۡتَدۡنَا لِلۡكَٰفِرِينَ سَعِيرٗا
Namni Rabbiifi ergamaa Isaatti hin amanin (kaafira). Nuti kaafirootaaf ibidda boba’aa qopheessinee jirra.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
وَلِلَّهِ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ يَغۡفِرُ لِمَن يَشَآءُ وَيُعَذِّبُ مَن يَشَآءُۚ وَكَانَ ٱللَّهُ غَفُورٗا رَّحِيمٗا
Mootummaan samiileefi dachii kan Rabbiiti, Nama fedheef ni araarama; nama fedhes ni adaba. Rabbiin araaramaa, mararfataa ta’eera.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
سَيَقُولُ ٱلۡمُخَلَّفُونَ إِذَا ٱنطَلَقۡتُمۡ إِلَىٰ مَغَانِمَ لِتَأۡخُذُوهَا ذَرُونَا نَتَّبِعۡكُمۡۖ يُرِيدُونَ أَن يُبَدِّلُواْ كَلَٰمَ ٱللَّهِۚ قُل لَّن تَتَّبِعُونَا كَذَٰلِكُمۡ قَالَ ٱللَّهُ مِن قَبۡلُۖ فَسَيَقُولُونَ بَلۡ تَحۡسُدُونَنَاۚ بَلۡ كَانُواْ لَا يَفۡقَهُونَ إِلَّا قَلِيلٗا
Isaan duubatti hafan “yeroo gara boojuu, ishee fudhachuuf deemtan isin hordofnaa nu dhiisaa” jedhu. Jecha Rabbii jijjiiruu fedhu. “Nu hin hordoftan! Rabbiin duraanis akkasuma jedhe” jedhiin. “Isin nu waanyitu (hassaddu)” jechuuf jiru. Waa xiqqoo malee hin hubatanu.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
 
ಅರ್ಥಗಳ ಅನುವಾದ ಅಧ್ಯಾಯ: ಅಲ್ -ಫತ್ ಹ್
ಅಧ್ಯಾಯಗಳ ವಿಷಯಸೂಚಿ ಪುಟ ಸಂಖ್ಯೆ
 
ಪವಿತ್ರ ಕುರ್‌ಆನ್ ಅರ್ಥಾನುವಾದ - ಒರೋಮೋ ಅನುವಾದ - ಗಾಲಿ ಅಬಾಬೂರ್ - ಅನುವಾದಗಳ ವಿಷಯಸೂಚಿ

ಅನುವಾದ - ಗಾಲಿ ಅಬಾಬೂರ್ ಅಬಾಗೋನಾ.

ಮುಚ್ಚಿ