Check out the new design

ಪವಿತ್ರ ಕುರ್‌ಆನ್ ಅರ್ಥಾನುವಾದ - ಒರೋಮೋ ಅನುವಾದ - ಗಾಲಿ ಅಬಾಬೂರ್ * - ಅನುವಾದಗಳ ವಿಷಯಸೂಚಿ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ಅರ್ಥಗಳ ಅನುವಾದ ಅಧ್ಯಾಯ: ಅತ್ತೌಬ   ಶ್ಲೋಕ:
كَيۡفَ يَكُونُ لِلۡمُشۡرِكِينَ عَهۡدٌ عِندَ ٱللَّهِ وَعِندَ رَسُولِهِۦٓ إِلَّا ٱلَّذِينَ عَٰهَدتُّمۡ عِندَ ٱلۡمَسۡجِدِ ٱلۡحَرَامِۖ فَمَا ٱسۡتَقَٰمُواْ لَكُمۡ فَٱسۡتَقِيمُواْ لَهُمۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ يُحِبُّ ٱلۡمُتَّقِينَ
Qindeessitootaaf waadaan Rabbiin biraafi ergamaa Isaa bira akkamitti jiraataaf? isaan masjiida kabajamaa biratti waadaa walii seentan malee, hanga isaan (waadaadhaan) isiniif dhaabbatanitti isinis isaaniif dhaabbadhaa, Dhugumatti Rabbiin warra Isa sodaatan jaalata.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
كَيۡفَ وَإِن يَظۡهَرُواْ عَلَيۡكُمۡ لَا يَرۡقُبُواْ فِيكُمۡ إِلّٗا وَلَا ذِمَّةٗۚ يُرۡضُونَكُم بِأَفۡوَٰهِهِمۡ وَتَأۡبَىٰ قُلُوبُهُمۡ وَأَكۡثَرُهُمۡ فَٰسِقُونَ
Odoo isin irratti injifannoo argatanii, firummaafi waadaas isin keessatti kan hin eegganne ta’anii, akkamitti (waadaan isaaniif ta’a)? Afaanoowwan isaaniitiin isin jaallachiisu; Onneewwan isaanii immoo ni diddi. Irra hedduun isaaniis finciltoota.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
ٱشۡتَرَوۡاْ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ ثَمَنٗا قَلِيلٗا فَصَدُّواْ عَن سَبِيلِهِۦٓۚ إِنَّهُمۡ سَآءَ مَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Keeyyattoota Rabbiitiin bu’aa xiqqaa bitatanii karaa Isaa irraas (namoota) dhorgan, Dhugumatti isaan wanti isaan dalagaa turan waa fokkate.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
لَا يَرۡقُبُونَ فِي مُؤۡمِنٍ إِلّٗا وَلَا ذِمَّةٗۚ وَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُعۡتَدُونَ
Mu’umina keessatti, firummaas ta’ee waadaa hin eeggatanu, Warri sun isaanumatu daangaa dabritoota.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
فَإِن تَابُواْ وَأَقَامُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتَوُاْ ٱلزَّكَوٰةَ فَإِخۡوَٰنُكُمۡ فِي ٱلدِّينِۗ وَنُفَصِّلُ ٱلۡأٓيَٰتِ لِقَوۡمٖ يَعۡلَمُونَ
Yoo tawbatanii, salaata gadi dhaabanii, zakaa kennan (isaan) amantii keessatti obboleeyyan keessani, keeyyattoota keenya ni addeessina Ummata xiinxalaniif .
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
وَإِن نَّكَثُوٓاْ أَيۡمَٰنَهُم مِّنۢ بَعۡدِ عَهۡدِهِمۡ وَطَعَنُواْ فِي دِينِكُمۡ فَقَٰتِلُوٓاْ أَئِمَّةَ ٱلۡكُفۡرِ إِنَّهُمۡ لَآ أَيۡمَٰنَ لَهُمۡ لَعَلَّهُمۡ يَنتَهُونَ
Yoo erga waadaa seenanii booda waadaa isaanii diiganii amantii keessan xiqqeesan,hoggantoota kufriitin lolaa isaan waadaan isaaniif hin jiruu, akka dhorgamaniif.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
أَلَا تُقَٰتِلُونَ قَوۡمٗا نَّكَثُوٓاْ أَيۡمَٰنَهُمۡ وَهَمُّواْ بِإِخۡرَاجِ ٱلرَّسُولِ وَهُم بَدَءُوكُمۡ أَوَّلَ مَرَّةٍۚ أَتَخۡشَوۡنَهُمۡۚ فَٱللَّهُ أَحَقُّ أَن تَخۡشَوۡهُ إِن كُنتُم مُّؤۡمِنِينَ
Sila ummata waadaa isaanii diiganii, ergamaa (Rabbii) biyya irraa baasuuf barbaadan, isaan dursanii kan isin (miidhuu) jalqaban odoo ta’anii jiranuu maaliif isaaniin hin lolle? Sila isaan sodaattuu?Rabbitu isin Isa sodaachuu irra haqa godhata Yoo mu’uminoota taatan.
ಅರಬ್ಬಿ ವ್ಯಾಖ್ಯಾನಗಳು:
 
ಅರ್ಥಗಳ ಅನುವಾದ ಅಧ್ಯಾಯ: ಅತ್ತೌಬ
ಅಧ್ಯಾಯಗಳ ವಿಷಯಸೂಚಿ ಪುಟ ಸಂಖ್ಯೆ
 
ಪವಿತ್ರ ಕುರ್‌ಆನ್ ಅರ್ಥಾನುವಾದ - ಒರೋಮೋ ಅನುವಾದ - ಗಾಲಿ ಅಬಾಬೂರ್ - ಅನುವಾದಗಳ ವಿಷಯಸೂಚಿ

ಅನುವಾದ - ಗಾಲಿ ಅಬಾಬೂರ್ ಅಬಾಗೋನಾ.

ಮುಚ್ಚಿ