Kilniojo Korano reikšmių vertimas - Oromų k. vertimas * - Vertimų turinys

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Reikšmių vertimas Sūra: Sūra Az-Zukhruf   Aja (Korano eilutė):

Azzukhruf

حمٓ
Haa Miim.
Tafsyrai arabų kalba:
وَٱلۡكِتَٰبِ ٱلۡمُبِينِ
Kitaaba addeessaa ta’eenin kakadha.
Tafsyrai arabų kalba:
إِنَّا جَعَلۡنَٰهُ قُرۡءَٰنًا عَرَبِيّٗا لَّعَلَّكُمۡ تَعۡقِلُونَ
Nuti Qur’aana Arabiffaa isa taasifne Akka isin hubattaniif.
Tafsyrai arabų kalba:
وَإِنَّهُۥ فِيٓ أُمِّ ٱلۡكِتَٰبِ لَدَيۡنَا لَعَلِيٌّ حَكِيمٌ
Inni haadha kitaabaa Nu bira jiru keessatti tahaadha, ol aanaa ogummaan guutameedha.
Tafsyrai arabų kalba:
أَفَنَضۡرِبُ عَنكُمُ ٱلذِّكۡرَ صَفۡحًا أَن كُنتُمۡ قَوۡمٗا مُّسۡرِفِينَ
Sila gorsa isin irraa dabsinaa Ummata daangaa dabritoota waan taataniif?
Tafsyrai arabų kalba:
وَكَمۡ أَرۡسَلۡنَا مِن نَّبِيّٖ فِي ٱلۡأَوَّلِينَ
Nabiyyoota meeqaatama erginee jirra Warra duraa keessatti.
Tafsyrai arabų kalba:
وَمَا يَأۡتِيهِم مِّن نَّبِيٍّ إِلَّا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ
Nabiyyiin tokkollee isaanitti dhufee yoo isatti qishinan (baacan) malee hin hafne.
Tafsyrai arabų kalba:
فَأَهۡلَكۡنَآ أَشَدَّ مِنۡهُم بَطۡشٗا وَمَضَىٰ مَثَلُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Humnaan isaan irra cimoo warra ta’an balleessinee jirra. Fakkeenyi warra jalqabaa dabreera.
Tafsyrai arabų kalba:
وَلَئِن سَأَلۡتَهُم مَّنۡ خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ لَيَقُولُنَّ خَلَقَهُنَّ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡعَلِيمُ
Odoo samiileefi dachii eenyutu uume jettee isaan gaafattee “Isa injifataa beekaa ta’etu isaan uume” jedhu.
Tafsyrai arabų kalba:
ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلۡأَرۡضَ مَهۡدٗا وَجَعَلَ لَكُمۡ فِيهَا سُبُلٗا لَّعَلَّكُمۡ تَهۡتَدُونَ
(Rabbiin) Isa dachii afaa isiniif godhee, ishee keessattis akka qajeeltaniif karaalee isiniif godhe.
Tafsyrai arabų kalba:
وَٱلَّذِي نَزَّلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءَۢ بِقَدَرٖ فَأَنشَرۡنَا بِهِۦ بَلۡدَةٗ مَّيۡتٗاۚ كَذَٰلِكَ تُخۡرَجُونَ
Ammas (Rabbiin) Isa samii irraa bishaan madaalaan buusee, dachii duutuu isaan jiraachifne. Akkuma kana baafamtu.
Tafsyrai arabų kalba:
وَٱلَّذِي خَلَقَ ٱلۡأَزۡوَٰجَ كُلَّهَا وَجَعَلَ لَكُم مِّنَ ٱلۡفُلۡكِ وَٱلۡأَنۡعَٰمِ مَا تَرۡكَبُونَ
Isa cimdii hunda uumee, dooniileefi beyladoota irraa waan yaabbattan isiniif godhe.
Tafsyrai arabų kalba:
لِتَسۡتَوُۥاْ عَلَىٰ ظُهُورِهِۦ ثُمَّ تَذۡكُرُواْ نِعۡمَةَ رَبِّكُمۡ إِذَا ٱسۡتَوَيۡتُمۡ عَلَيۡهِ وَتَقُولُواْ سُبۡحَٰنَ ٱلَّذِي سَخَّرَ لَنَا هَٰذَا وَمَا كُنَّا لَهُۥ مُقۡرِنِينَ
Akka dugda isaanii irratti baatanii, ergasii ni’imaa Gooftaa keessanii yeroo (duuyda) isaarratti (geejjibaarratti) ol baatan yaadattanii “Inni kana nuuf laaffise qulqullaa’e; nuti isa danda’oo hin turre” jettaniif.
Tafsyrai arabų kalba:
وَإِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا لَمُنقَلِبُونَ
Nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha.
Tafsyrai arabų kalba:
وَجَعَلُواْ لَهُۥ مِنۡ عِبَادِهِۦ جُزۡءًاۚ إِنَّ ٱلۡإِنسَٰنَ لَكَفُورٞ مُّبِينٌ
Gabroota Isaa irraa qooda Isaaf taasisani. Namni dhugumatti kafraa ifa bahaadha.
Tafsyrai arabų kalba:
أَمِ ٱتَّخَذَ مِمَّا يَخۡلُقُ بَنَاتٖ وَأَصۡفَىٰكُم بِٱلۡبَنِينَ
Sila waan uumu irraa ilmaan dubaraa (ofiif) taasifatee, isin immoo ilmaan dhiiraatiin isin filee?
Tafsyrai arabų kalba:
وَإِذَا بُشِّرَ أَحَدُهُم بِمَا ضَرَبَ لِلرَّحۡمَٰنِ مَثَلٗا ظَلَّ وَجۡهُهُۥ مُسۡوَدّٗا وَهُوَ كَظِيمٌ
Yeroo tokkoon isaanii waan “Rahmaaniif” fakkeenya taasiseen gammachiifame, fuulli isaa gurraacha ta’a dallansuun guutamaa tahee.
Tafsyrai arabų kalba:
أَوَمَن يُنَشَّؤُاْ فِي ٱلۡحِلۡيَةِ وَهُوَ فِي ٱلۡخِصَامِ غَيۡرُ مُبِينٖ
Nama faaya (miidhaginaa) keessatti guddifamu, kan falmii keessatti hinibsine (godhatee)?
Tafsyrai arabų kalba:
وَجَعَلُواْ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةَ ٱلَّذِينَ هُمۡ عِبَٰدُ ٱلرَّحۡمَٰنِ إِنَٰثًاۚ أَشَهِدُواْ خَلۡقَهُمۡۚ سَتُكۡتَبُ شَهَٰدَتُهُمۡ وَيُسۡـَٔلُونَ
Maleeykota isaan gabroota Rahmaan ta’an dubara taasisan. uumama isaanii bira jiran moo? Ragaan isaanii fuuldura nibarreeffamti, nigaafataman.
Tafsyrai arabų kalba:
وَقَالُواْ لَوۡ شَآءَ ٱلرَّحۡمَٰنُ مَا عَبَدۡنَٰهُمۗ مَّا لَهُم بِذَٰلِكَ مِنۡ عِلۡمٍۖ إِنۡ هُمۡ إِلَّا يَخۡرُصُونَ
“Odoo Rahmaan fedhee isaan hin gabbarru turre” jedhan. sana irratti beekumsa homaatuu hin qaban isaan kijiboo malee hintaane.
Tafsyrai arabų kalba:
أَمۡ ءَاتَيۡنَٰهُمۡ كِتَٰبٗا مِّن قَبۡلِهِۦ فَهُم بِهِۦ مُسۡتَمۡسِكُونَ
Moo (Qur’aana) kana dura kitaaba isaaniif kennine, kan isaan isa qabatoo tahan?
Tafsyrai arabų kalba:
بَلۡ قَالُوٓاْ إِنَّا وَجَدۡنَآ ءَابَآءَنَا عَلَىٰٓ أُمَّةٖ وَإِنَّا عَلَىٰٓ ءَاثَٰرِهِم مُّهۡتَدُونَ
Lakkii! Isaan “nuti abboota keenya amantii wahii irratti argine, nutis faanoowwan isaanii irra qajeeloodha” jedhan.
Tafsyrai arabų kalba:
وَكَذَٰلِكَ مَآ أَرۡسَلۡنَا مِن قَبۡلِكَ فِي قَرۡيَةٖ مِّن نَّذِيرٍ إِلَّا قَالَ مُتۡرَفُوهَآ إِنَّا وَجَدۡنَآ ءَابَآءَنَا عَلَىٰٓ أُمَّةٖ وَإِنَّا عَلَىٰٓ ءَاثَٰرِهِم مُّقۡتَدُونَ
Akkasumas (Yaa Muhammad!) siin dura magaalaa kam keessattuu sodaachisaa erginee, qanani’oon ishee “Nuti abbootii keenya amantii wahii irratti argine; nuti faanuma isaanii irra hordoftoota” jedhan malee hin hafne.
Tafsyrai arabų kalba:
۞ قَٰلَ أَوَلَوۡ جِئۡتُكُم بِأَهۡدَىٰ مِمَّا وَجَدتُّمۡ عَلَيۡهِ ءَابَآءَكُمۡۖ قَالُوٓاْ إِنَّا بِمَآ أُرۡسِلۡتُم بِهِۦ كَٰفِرُونَ
(Ergamichis) “odoo ani waan abbootii keessan irratti argitan irra qajeelaatiin isinitti dhufeelleemoo (isaanuma hordoftuu)?” jedhe. (Mushrikoonnis) “nuti waan isin ittiin ergamtanitti kafaroodha” jedhan.
Tafsyrai arabų kalba:
فَٱنتَقَمۡنَا مِنۡهُمۡۖ فَٱنظُرۡ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلۡمُكَذِّبِينَ
Kanaafuu isaan irraa haaloo ba’anne. Booddeen sobsiiftotaa akkam akka ta’e ilaali.
Tafsyrai arabų kalba:
وَإِذۡ قَالَ إِبۡرَٰهِيمُ لِأَبِيهِ وَقَوۡمِهِۦٓ إِنَّنِي بَرَآءٞ مِّمَّا تَعۡبُدُونَ
Yeroo Ibraahiim abbaa isaatiifi ummata isaatiin jedhe [yaadadhu] :“Dhugumatti ani waan isin gabbartan irraa qulqulluudha.
Tafsyrai arabų kalba:
إِلَّا ٱلَّذِي فَطَرَنِي فَإِنَّهُۥ سَيَهۡدِينِ
Isa na uume malee. Inni na qajeelcha.”
Tafsyrai arabų kalba:
وَجَعَلَهَا كَلِمَةَۢ بَاقِيَةٗ فِي عَقِبِهِۦ لَعَلَّهُمۡ يَرۡجِعُونَ
Jechattii isa booda haftuu ishee godhe Akka isaan deebi’aniif.
Tafsyrai arabų kalba:
بَلۡ مَتَّعۡتُ هَٰٓؤُلَآءِ وَءَابَآءَهُمۡ حَتَّىٰ جَآءَهُمُ ٱلۡحَقُّ وَرَسُولٞ مُّبِينٞ
Dhugumatti, isaan kanaafi abbootii isaaniis qanansiise hanga dhugaafi ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufutti.
Tafsyrai arabų kalba:
وَلَمَّا جَآءَهُمُ ٱلۡحَقُّ قَالُواْ هَٰذَا سِحۡرٞ وَإِنَّا بِهِۦ كَٰفِرُونَ
Dhugaan isaanitti dhufnaan immoo “kuni falfala; nuti isatti kafaroodha” jedhan.
Tafsyrai arabų kalba:
وَقَالُواْ لَوۡلَا نُزِّلَ هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانُ عَلَىٰ رَجُلٖ مِّنَ ٱلۡقَرۡيَتَيۡنِ عَظِيمٍ
Ni jedhan: “Qur’aanni kun nama guddaa ganda lamaan irraa ta’etti maaliif buufamuu dhabe?”
Tafsyrai arabų kalba:
أَهُمۡ يَقۡسِمُونَ رَحۡمَتَ رَبِّكَۚ نَحۡنُ قَسَمۡنَا بَيۡنَهُم مَّعِيشَتَهُمۡ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۚ وَرَفَعۡنَا بَعۡضَهُمۡ فَوۡقَ بَعۡضٖ دَرَجَٰتٖ لِّيَتَّخِذَ بَعۡضُهُم بَعۡضٗا سُخۡرِيّٗاۗ وَرَحۡمَتُ رَبِّكَ خَيۡرٞ مِّمَّا يَجۡمَعُونَ
Sila isaantu Rahmata Gooftaa keetii qoodaa? Nutu jiruu addunyaa keessatti waan ittiin jiraatan gidduu isaaniitti qoode.garii isaanii garii irra sadarkaaleen ol fuune Akka gariin isaanii garii tajaajilaa godhatuuf jecha. Rahmata Gooftaa keetiitu waan isaan walitti qaban irra caala.
Tafsyrai arabų kalba:
وَلَوۡلَآ أَن يَكُونَ ٱلنَّاسُ أُمَّةٗ وَٰحِدَةٗ لَّجَعَلۡنَا لِمَن يَكۡفُرُ بِٱلرَّحۡمَٰنِ لِبُيُوتِهِمۡ سُقُفٗا مِّن فِضَّةٖ وَمَعَارِجَ عَلَيۡهَا يَظۡهَرُونَ
Odoo namni (gara addunyaa jallachuun) ummata tokko ta’uu baatee, silaa namoota Rahmaanitti kafaraniif ijoo manneen isaanii meeta irraa taasifna turre. sadarkaawwan irrattii ol ba’anis.
Tafsyrai arabų kalba:
وَلِبُيُوتِهِمۡ أَبۡوَٰبٗا وَسُرُرًا عَلَيۡهَا يَتَّكِـُٔونَ
Manneen isaaniitiifis hulaaleefi sireewwan irratti hirkatanis (meeta irraa isaaniif goona turre).
Tafsyrai arabų kalba:
وَزُخۡرُفٗاۚ وَإِن كُلُّ ذَٰلِكَ لَمَّا مَتَٰعُ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۚ وَٱلۡأٓخِرَةُ عِندَ رَبِّكَ لِلۡمُتَّقِينَ
Faayaas (ni goonaaf) Kun hunduu qananii jiruu addunyaa qofa. Aakhiraan Gooftaa kee biratti warra Rabbiin sodaataniifi.
Tafsyrai arabų kalba:
وَمَن يَعۡشُ عَن ذِكۡرِ ٱلرَّحۡمَٰنِ نُقَيِّضۡ لَهُۥ شَيۡطَٰنٗا فَهُوَ لَهُۥ قَرِينٞ
Nama gorsa (Qur’aana) Rahmaan irraa gara gale, sheeyxaana isaaf ramadna; inni isaaf hiriyaadha.
Tafsyrai arabų kalba:
وَإِنَّهُمۡ لَيَصُدُّونَهُمۡ عَنِ ٱلسَّبِيلِ وَيَحۡسَبُونَ أَنَّهُم مُّهۡتَدُونَ
Isaanis karaa (Rabbii) irraa isaan dhorgu; isaan immoo qajeeloo uf sehan.
Tafsyrai arabų kalba:
حَتَّىٰٓ إِذَا جَآءَنَا قَالَ يَٰلَيۡتَ بَيۡنِي وَبَيۡنَكَ بُعۡدَ ٱلۡمَشۡرِقَيۡنِ فَبِئۡسَ ٱلۡقَرِينُ
Hanga nutti dhufee “yaa gaabbii kiyya! Odoo gidduu kiyyaafi gidduu kee fageenyi baha lamaanii (bahaafi dhihaa) jiraatee” jedha. Hiriyichi waa fokkate!
Tafsyrai arabų kalba:
وَلَن يَنفَعَكُمُ ٱلۡيَوۡمَ إِذ ظَّلَمۡتُمۡ أَنَّكُمۡ فِي ٱلۡعَذَابِ مُشۡتَرِكُونَ
Har’a isin hin fayyadu waan lubbuu keessan miitaniif, ibidda keessatti waliin jiraachuun keessan (homaa isin hinfayyadu).
Tafsyrai arabų kalba:
أَفَأَنتَ تُسۡمِعُ ٱلصُّمَّ أَوۡ تَهۡدِي ٱلۡعُمۡيَ وَمَن كَانَ فِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٖ
Sila ati duudaa dhageessiftaa yookiin jaamaa qajeelchitaa, nama jallina ifa ta’e keessa jiru(s niqajeelchitaa)?
Tafsyrai arabų kalba:
فَإِمَّا نَذۡهَبَنَّ بِكَ فَإِنَّا مِنۡهُم مُّنتَقِمُونَ
(Yaa Muhammad!) yoo si deemsifnellee, Nuti isaan irraa haaloo bahatoodha.
Tafsyrai arabų kalba:
أَوۡ نُرِيَنَّكَ ٱلَّذِي وَعَدۡنَٰهُمۡ فَإِنَّا عَلَيۡهِم مُّقۡتَدِرُونَ
Yookiin isa waadaa isaaniif galle yoo sitti agarsiifne, Nuti isaan irratti danda’oodha.
Tafsyrai arabų kalba:
فَٱسۡتَمۡسِكۡ بِٱلَّذِيٓ أُوحِيَ إِلَيۡكَۖ إِنَّكَ عَلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ
Isa gara keetti wahyii godhame san qabadhu. Ati karaa qajeelaa irra jirta.
Tafsyrai arabų kalba:
وَإِنَّهُۥ لَذِكۡرٞ لَّكَ وَلِقَوۡمِكَۖ وَسَوۡفَ تُسۡـَٔلُونَ
Inni (Qur’aanni) siifi ummata keetiifis gorsa. Fuula dura ni gaafatamtu.
Tafsyrai arabų kalba:
وَسۡـَٔلۡ مَنۡ أَرۡسَلۡنَا مِن قَبۡلِكَ مِن رُّسُلِنَآ أَجَعَلۡنَا مِن دُونِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ءَالِهَةٗ يُعۡبَدُونَ
Ergamtoota keenya irraa nama si dura ergine gaafadhu “Sila Rahmaan malee gooftolii gabbaraman taasifnee jirraa?”.
Tafsyrai arabų kalba:
وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا مُوسَىٰ بِـَٔايَٰتِنَآ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ وَمَلَإِيْهِۦ فَقَالَ إِنِّي رَسُولُ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Dhugumatti, Muusaa raajiiwwan keenyaan gara Fir’awniifi qoondaaltota isaatti erginee, “ani ergamaa Gooftaa aalama hundaati” jedhe.
Tafsyrai arabų kalba:
فَلَمَّا جَآءَهُم بِـَٔايَٰتِنَآ إِذَا هُم مِّنۡهَا يَضۡحَكُونَ
Yeroo raajiiwwan keenyaan isaanitti dhufu, isaan yeroo san isheetti kolfu.
Tafsyrai arabų kalba:
وَمَا نُرِيهِم مِّنۡ ءَايَةٍ إِلَّا هِيَ أَكۡبَرُ مِنۡ أُخۡتِهَاۖ وَأَخَذۡنَٰهُم بِٱلۡعَذَابِ لَعَلَّهُمۡ يَرۡجِعُونَ
Raajii irraa ishee obboleettii ishee irra caaltu malee isaan hin agarsiifnu. Akka isaan (gara keenya) deebi’aniif adabaan isaan qabne.
Tafsyrai arabų kalba:
وَقَالُواْ يَٰٓأَيُّهَ ٱلسَّاحِرُ ٱدۡعُ لَنَا رَبَّكَ بِمَا عَهِدَ عِندَكَ إِنَّنَا لَمُهۡتَدُونَ
“Ati yaa kan sihrii hojjattu! Gooftaa kee waan waadaa siif galeen nuuf kadhu. Nuti ni qajeella” jedhan.
Tafsyrai arabų kalba:
فَلَمَّا كَشَفۡنَا عَنۡهُمُ ٱلۡعَذَابَ إِذَا هُمۡ يَنكُثُونَ
Yeroo adabbii isaan irraa saaqnu yoggusuma isaan waadaa diigan.
Tafsyrai arabų kalba:
وَنَادَىٰ فِرۡعَوۡنُ فِي قَوۡمِهِۦ قَالَ يَٰقَوۡمِ أَلَيۡسَ لِي مُلۡكُ مِصۡرَ وَهَٰذِهِ ٱلۡأَنۡهَٰرُ تَجۡرِي مِن تَحۡتِيٓۚ أَفَلَا تُبۡصِرُونَ
Fir’awnis ummata isaa keessatti lallabee, “yaa ummata kiyya! sila mootummaan Misraa anaaf hin turree? Laggeen kunis ana jala hin yaatuu? Sila hin agartanuu?” jedhe.
Tafsyrai arabų kalba:
أَمۡ أَنَا۠ خَيۡرٞ مِّنۡ هَٰذَا ٱلَّذِي هُوَ مَهِينٞ وَلَا يَكَادُ يُبِينُ
“Isa laafaa (tuffatamaa), dubbii adda baasuutti hindhihaanne kana irra anatu caala.
Tafsyrai arabų kalba:
فَلَوۡلَآ أُلۡقِيَ عَلَيۡهِ أَسۡوِرَةٞ مِّن ذَهَبٍ أَوۡ جَآءَ مَعَهُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ مُقۡتَرِنِينَ
(Yoo akkas ta’e) maaliif gumeewwan warqee (dahaba) irraa hojjataman isa irratti hin buufamne? Yookiin maleykonni isa wajjin qindaawanii maaliif hin dhufne?” (jedhe).
Tafsyrai arabų kalba:
فَٱسۡتَخَفَّ قَوۡمَهُۥ فَأَطَاعُوهُۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَوۡمٗا فَٰسِقِينَ
Ummata isaa gowwoomse ajaja isaa fudhatan. Isaan ummata fincilaa turan.
Tafsyrai arabų kalba:
فَلَمَّآ ءَاسَفُونَا ٱنتَقَمۡنَا مِنۡهُمۡ فَأَغۡرَقۡنَٰهُمۡ أَجۡمَعِينَ
Yeroo isaan Nu dallansiisan, haaloo isaanitti baanee, hunda isaaniituu dhidhimsiifne.
Tafsyrai arabų kalba:
فَجَعَلۡنَٰهُمۡ سَلَفٗا وَمَثَلٗا لِّلۡأٓخِرِينَ
Dhaloota boodaatiif hangafaafi fakkeenya isaan taasifne.
Tafsyrai arabų kalba:
۞ وَلَمَّا ضُرِبَ ٱبۡنُ مَرۡيَمَ مَثَلًا إِذَا قَوۡمُكَ مِنۡهُ يَصِدُّونَ
Yeroo ilmi Maryam (Iisaan) fakkeenya godhamu ummanni kee (kaafiroonni) isarraa kolfu (gammadu).
Tafsyrai arabų kalba:
وَقَالُوٓاْ ءَأَٰلِهَتُنَا خَيۡرٌ أَمۡ هُوَۚ مَا ضَرَبُوهُ لَكَ إِلَّا جَدَلَۢاۚ بَلۡ هُمۡ قَوۡمٌ خَصِمُونَ
“Gooftolee keenya moo isatu caala?” jedhan. Waan kana falmiif malee siif hin godhanu. Dhugumatti, isaan ummata mormitoota.
Tafsyrai arabų kalba:
إِنۡ هُوَ إِلَّا عَبۡدٌ أَنۡعَمۡنَا عَلَيۡهِ وَجَعَلۡنَٰهُ مَثَلٗا لِّبَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ
Inni (Iisaan) gabricha Nuti isa irratti tola oollee malee waan biraa miti, Ilmaan Israa’iliif fakkeenya isa taasifne .
Tafsyrai arabų kalba:
وَلَوۡ نَشَآءُ لَجَعَلۡنَا مِنكُم مَّلَٰٓئِكَةٗ فِي ٱلۡأَرۡضِ يَخۡلُفُونَ
Odoo feenee maleeykota isin irraa bakka bu’an dachii keessa goona turre.
Tafsyrai arabų kalba:
وَإِنَّهُۥ لَعِلۡمٞ لِّلسَّاعَةِ فَلَا تَمۡتَرُنَّ بِهَا وَٱتَّبِعُونِۚ هَٰذَا صِرَٰطٞ مُّسۡتَقِيمٞ
Inni Qiyaamaaf mallattoo dhaa, ishee hin shakkinaa; ana hordofaa. Kanatu karaa qajeelaadha.
Tafsyrai arabų kalba:
وَلَا يَصُدَّنَّكُمُ ٱلشَّيۡطَٰنُۖ إِنَّهُۥ لَكُمۡ عَدُوّٞ مُّبِينٞ
Sheyxaanni (dhugaa hordofuu irraa) akka isin hin dhorgine. Inni isiniif diina ifa ba’aadha.
Tafsyrai arabų kalba:
وَلَمَّا جَآءَ عِيسَىٰ بِٱلۡبَيِّنَٰتِ قَالَ قَدۡ جِئۡتُكُم بِٱلۡحِكۡمَةِ وَلِأُبَيِّنَ لَكُم بَعۡضَ ٱلَّذِي تَخۡتَلِفُونَ فِيهِۖ فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Iisaan yeroo ragaalee ifa ta’aniin dhufe, ni jedhe: “Dhugumatti, ani beekumsaanin isinitti dhufe; ammaas akkan garii waan isin keessatti wal dhabdanii isiniif ibsuufin (dhufe.) Rabbiin sodaa dhaa; anaafis ajajamaa.
Tafsyrai arabų kalba:
إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ رَبِّي وَرَبُّكُمۡ فَٱعۡبُدُوهُۚ هَٰذَا صِرَٰطٞ مُّسۡتَقِيمٞ
Allaahn Isumatu Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessani. Isa (qofa) gabbaraa; kanatu karaa qajeelaadha.
Tafsyrai arabų kalba:
فَٱخۡتَلَفَ ٱلۡأَحۡزَابُ مِنۢ بَيۡنِهِمۡۖ فَوَيۡلٞ لِّلَّذِينَ ظَلَمُواْ مِنۡ عَذَابِ يَوۡمٍ أَلِيمٍ
Gareewwan gidduu isaaniitti (dhimma kana irratti) wal dhabaniiru. Isaan miidhaa dalaganiif adabbii guyyaa laalessaa irraa halaakni isaaniif tahe.
Tafsyrai arabų kalba:
هَلۡ يَنظُرُونَ إِلَّا ٱلسَّاعَةَ أَن تَأۡتِيَهُم بَغۡتَةٗ وَهُمۡ لَا يَشۡعُرُونَ
Sila ni eeganii Qiyaamaa malee daguudhaan isaanitti dhufuu isaanii hinbeeynee?
Tafsyrai arabų kalba:
ٱلۡأَخِلَّآءُ يَوۡمَئِذِۭ بَعۡضُهُمۡ لِبَعۡضٍ عَدُوٌّ إِلَّا ٱلۡمُتَّقِينَ
Jaalalleewwan guyyaa san gariin isaanii gariif diina isaan Rabbiin sodaatan malee.
Tafsyrai arabų kalba:
يَٰعِبَادِ لَا خَوۡفٌ عَلَيۡكُمُ ٱلۡيَوۡمَ وَلَآ أَنتُمۡ تَحۡزَنُونَ
Yaa gabroota kiyya! Har’a sodaan isin irra hin jiru; isin hin gadditanus.
Tafsyrai arabų kalba:
ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ بِـَٔايَٰتِنَا وَكَانُواْ مُسۡلِمِينَ
Isaan keeyyattoota keenyatti amananii, Muslimoota ta’an.
Tafsyrai arabų kalba:
ٱدۡخُلُواْ ٱلۡجَنَّةَ أَنتُمۡ وَأَزۡوَٰجُكُمۡ تُحۡبَرُونَ
Isiniifi jaartiiwwan teessanis gammadaa jannata seenaa” (isaaniin jedhama).
Tafsyrai arabų kalba:
يُطَافُ عَلَيۡهِم بِصِحَافٖ مِّن ذَهَبٖ وَأَكۡوَابٖۖ وَفِيهَا مَا تَشۡتَهِيهِ ٱلۡأَنفُسُ وَتَلَذُّ ٱلۡأَعۡيُنُۖ وَأَنتُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ
Qoriiwwan warqee irraa ta’aniifi kubbaayyaaleen isaan irra naanna’ama. Ishee keessas waan lubbuuleen feetuufi ijoowwan itti gammaddutu jira. Isin ishee (jannata) keessatti hafoodha” (jedhamaani).
Tafsyrai arabų kalba:
وَتِلۡكَ ٱلۡجَنَّةُ ٱلَّتِيٓ أُورِثۡتُمُوهَا بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
Jannatni sun ta ishee dhalchifamtani waan hojjachaa turtaniini.
Tafsyrai arabų kalba:
لَكُمۡ فِيهَا فَٰكِهَةٞ كَثِيرَةٞ مِّنۡهَا تَأۡكُلُونَ
Isiniif ishee keessa fuduraalee baay’eetu jira. ishee irraa nyaattan.
Tafsyrai arabų kalba:
إِنَّ ٱلۡمُجۡرِمِينَ فِي عَذَابِ جَهَنَّمَ خَٰلِدُونَ
Yakkamtoonni adabbii jahannam keessatti hafu.
Tafsyrai arabų kalba:
لَا يُفَتَّرُ عَنۡهُمۡ وَهُمۡ فِيهِ مُبۡلِسُونَ
(Adabichi) Isaan irraa hin salphifamu; isaanis isa keessatti abdii muratoodha.
Tafsyrai arabų kalba:
وَمَا ظَلَمۡنَٰهُمۡ وَلَٰكِن كَانُواْ هُمُ ٱلظَّٰلِمِينَ
Nuti isaan hin miine; garuu isaan (ofumaaf) miidhaa hojjattoota ta’an.
Tafsyrai arabų kalba:
وَنَادَوۡاْ يَٰمَٰلِكُ لِيَقۡضِ عَلَيۡنَا رَبُّكَۖ قَالَ إِنَّكُم مَّٰكِثُونَ
(Waardiyaa ibiddaatiin) “yaa Maalik! Gooftaan kee haa nufixu (nuuf gaafadhuu)” (jedhanii) lallabu. (Maalikis) “isin ishee keessa turoodha” jedhe.
Tafsyrai arabų kalba:
لَقَدۡ جِئۡنَٰكُم بِٱلۡحَقِّ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَكُمۡ لِلۡحَقِّ كَٰرِهُونَ
Dhugumatti, Nuti haqaan isinitti dhufne. Garuu irra baay’een keessan haqa jibbitoota.
Tafsyrai arabų kalba:
أَمۡ أَبۡرَمُوٓاْ أَمۡرٗا فَإِنَّا مُبۡرِمُونَ
Moo Tooftaa baasanii?, nutis tooftaa itti baafne.
Tafsyrai arabų kalba:
أَمۡ يَحۡسَبُونَ أَنَّا لَا نَسۡمَعُ سِرَّهُمۡ وَنَجۡوَىٰهُمۚ بَلَىٰ وَرُسُلُنَا لَدَيۡهِمۡ يَكۡتُبُونَ
Moo Nuti iccitii isaaniitiifi maqoo isaanii hin dhageenyu sehanii? Lakkisaa! (ni dhageenya); ergamtoonni keenyas isaan biraa barreessu.
Tafsyrai arabų kalba:
قُلۡ إِن كَانَ لِلرَّحۡمَٰنِ وَلَدٞ فَأَنَا۠ أَوَّلُ ٱلۡعَٰبِدِينَ
(Yaa Muhammad!) jedhi: “yoo Rahmaaniif ilmi jiraatee, silaa anatu jalqaba warra (isa)(ilma san) gabbaraniiti.” {1}
{1} garuu Rabbiin ilma hinqabu, kanarraa qulqullaawwe.
Tafsyrai arabų kalba:
سُبۡحَٰنَ رَبِّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ رَبِّ ٱلۡعَرۡشِ عَمَّا يَصِفُونَ
Rabbiin samiileefi dachii, Gooftaan arshii waan isaan ittiin (Isa) wassafan (ibsan) irraa qulqullaa’eera.
Tafsyrai arabų kalba:
فَذَرۡهُمۡ يَخُوضُواْ وَيَلۡعَبُواْ حَتَّىٰ يُلَٰقُواْ يَوۡمَهُمُ ٱلَّذِي يُوعَدُونَ
Isaan dhiisi (dhara keessa) seenanii haa taphatanii Hanga guyyaa isaanii, isa waadaa galaman qunnamanitti.
Tafsyrai arabų kalba:
وَهُوَ ٱلَّذِي فِي ٱلسَّمَآءِ إِلَٰهٞ وَفِي ٱلۡأَرۡضِ إِلَٰهٞۚ وَهُوَ ٱلۡحَكِيمُ ٱلۡعَلِيمُ
Inni Isa samii keessatti gabbaramaa, dachii keessattis gabbaramaati. Inni ogeessa, beekaadha.
Tafsyrai arabų kalba:
وَتَبَارَكَ ٱلَّذِي لَهُۥ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَا وَعِندَهُۥ عِلۡمُ ٱلسَّاعَةِ وَإِلَيۡهِ تُرۡجَعُونَ
Inni mootummaan samiilee, dachiifi waan isaan lamaan gidduu kan Isaa ta’e toltuun isaa baay'ate. beekumsi Qiyaamaas Isa biratti tahe, gara Isaatti deebifamtan.
Tafsyrai arabų kalba:
وَلَا يَمۡلِكُ ٱلَّذِينَ يَدۡعُونَ مِن دُونِهِ ٱلشَّفَٰعَةَ إِلَّا مَن شَهِدَ بِٱلۡحَقِّ وَهُمۡ يَعۡلَمُونَ
Manguddummaa seenuu hin danda’anu Warri Rabbii gaditti waammatan, namoota dhugaa beekanii ragaa bahan malee.
Tafsyrai arabų kalba:
وَلَئِن سَأَلۡتَهُم مَّنۡ خَلَقَهُمۡ لَيَقُولُنَّ ٱللَّهُۖ فَأَنَّىٰ يُؤۡفَكُونَ
Eenyuutu isaan uumee odoo isaan gaafattee “Allaahdha” jedhu. Akkamumatti irraa garagalfamuree?
Tafsyrai arabų kalba:
وَقِيلِهِۦ يَٰرَبِّ إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ قَوۡمٞ لَّا يُؤۡمِنُونَ
Jechi inni (nabi Muhammad SAW!) “yaa Gooftaa kiyya! Dhugumatti, isaan kun ummata hin amanne” jedhe (sunis Allaah bira jira).
Tafsyrai arabų kalba:
فَٱصۡفَحۡ عَنۡهُمۡ وَقُلۡ سَلَٰمٞۚ فَسَوۡفَ يَعۡلَمُونَ
(Yaa Muhammad!) isaan irraa gara galii “nagaan (isin irra haa jiraatu)” jedhiin; (waan isaan mudatu) fuula dura beekuuf jiru.
Tafsyrai arabų kalba:
 
Reikšmių vertimas Sūra: Sūra Az-Zukhruf
Sūrų turinys Puslapio numeris
 
Kilniojo Korano reikšmių vertimas - Oromų k. vertimas - Vertimų turinys

Kilniojo Korano reikšmių vertimas į oromų kalbą, išvertė Ghali Ababūr Abaghūna. 2009 m. ​​leidimas

Uždaryti