የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አዝ ዙኽሩፍ   አንቀጽ:

Azzukhruf

حمٓ
Haa Miim.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلۡكِتَٰبِ ٱلۡمُبِينِ
Kitaaba addeessaa ta’eenin kakadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّا جَعَلۡنَٰهُ قُرۡءَٰنًا عَرَبِيّٗا لَّعَلَّكُمۡ تَعۡقِلُونَ
Nuti Qur’aana Arabiffaa isa taasifne Akka isin hubattaniif.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّهُۥ فِيٓ أُمِّ ٱلۡكِتَٰبِ لَدَيۡنَا لَعَلِيٌّ حَكِيمٌ
Inni haadha kitaabaa Nu bira jiru keessatti tahaadha, ol aanaa ogummaan guutameedha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَنَضۡرِبُ عَنكُمُ ٱلذِّكۡرَ صَفۡحًا أَن كُنتُمۡ قَوۡمٗا مُّسۡرِفِينَ
Sila gorsa isin irraa dabsinaa Ummata daangaa dabritoota waan taataniif?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكَمۡ أَرۡسَلۡنَا مِن نَّبِيّٖ فِي ٱلۡأَوَّلِينَ
Nabiyyoota meeqaatama erginee jirra Warra duraa keessatti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا يَأۡتِيهِم مِّن نَّبِيٍّ إِلَّا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ
Nabiyyiin tokkollee isaanitti dhufee yoo isatti qishinan (baacan) malee hin hafne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَأَهۡلَكۡنَآ أَشَدَّ مِنۡهُم بَطۡشٗا وَمَضَىٰ مَثَلُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Humnaan isaan irra cimoo warra ta’an balleessinee jirra. Fakkeenyi warra jalqabaa dabreera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَئِن سَأَلۡتَهُم مَّنۡ خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ لَيَقُولُنَّ خَلَقَهُنَّ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡعَلِيمُ
Odoo samiileefi dachii eenyutu uume jettee isaan gaafattee “Isa injifataa beekaa ta’etu isaan uume” jedhu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلۡأَرۡضَ مَهۡدٗا وَجَعَلَ لَكُمۡ فِيهَا سُبُلٗا لَّعَلَّكُمۡ تَهۡتَدُونَ
(Rabbiin) Isa dachii afaa isiniif godhee, ishee keessattis akka qajeeltaniif karaalee isiniif godhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِي نَزَّلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءَۢ بِقَدَرٖ فَأَنشَرۡنَا بِهِۦ بَلۡدَةٗ مَّيۡتٗاۚ كَذَٰلِكَ تُخۡرَجُونَ
Ammas (Rabbiin) Isa samii irraa bishaan madaalaan buusee, dachii duutuu isaan jiraachifne. Akkuma kana baafamtu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَٱلَّذِي خَلَقَ ٱلۡأَزۡوَٰجَ كُلَّهَا وَجَعَلَ لَكُم مِّنَ ٱلۡفُلۡكِ وَٱلۡأَنۡعَٰمِ مَا تَرۡكَبُونَ
Isa cimdii hunda uumee, dooniileefi beyladoota irraa waan yaabbattan isiniif godhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لِتَسۡتَوُۥاْ عَلَىٰ ظُهُورِهِۦ ثُمَّ تَذۡكُرُواْ نِعۡمَةَ رَبِّكُمۡ إِذَا ٱسۡتَوَيۡتُمۡ عَلَيۡهِ وَتَقُولُواْ سُبۡحَٰنَ ٱلَّذِي سَخَّرَ لَنَا هَٰذَا وَمَا كُنَّا لَهُۥ مُقۡرِنِينَ
Akka dugda isaanii irratti baatanii, ergasii ni’imaa Gooftaa keessanii yeroo (duuyda) isaarratti (geejjibaarratti) ol baatan yaadattanii “Inni kana nuuf laaffise qulqullaa’e; nuti isa danda’oo hin turre” jettaniif.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا لَمُنقَلِبُونَ
Nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجَعَلُواْ لَهُۥ مِنۡ عِبَادِهِۦ جُزۡءًاۚ إِنَّ ٱلۡإِنسَٰنَ لَكَفُورٞ مُّبِينٌ
Gabroota Isaa irraa qooda Isaaf taasisani. Namni dhugumatti kafraa ifa bahaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمِ ٱتَّخَذَ مِمَّا يَخۡلُقُ بَنَاتٖ وَأَصۡفَىٰكُم بِٱلۡبَنِينَ
Sila waan uumu irraa ilmaan dubaraa (ofiif) taasifatee, isin immoo ilmaan dhiiraatiin isin filee?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِذَا بُشِّرَ أَحَدُهُم بِمَا ضَرَبَ لِلرَّحۡمَٰنِ مَثَلٗا ظَلَّ وَجۡهُهُۥ مُسۡوَدّٗا وَهُوَ كَظِيمٌ
Yeroo tokkoon isaanii waan “Rahmaaniif” fakkeenya taasiseen gammachiifame, fuulli isaa gurraacha ta’a dallansuun guutamaa tahee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَوَمَن يُنَشَّؤُاْ فِي ٱلۡحِلۡيَةِ وَهُوَ فِي ٱلۡخِصَامِ غَيۡرُ مُبِينٖ
Nama faaya (miidhaginaa) keessatti guddifamu, kan falmii keessatti hinibsine (godhatee)?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجَعَلُواْ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةَ ٱلَّذِينَ هُمۡ عِبَٰدُ ٱلرَّحۡمَٰنِ إِنَٰثًاۚ أَشَهِدُواْ خَلۡقَهُمۡۚ سَتُكۡتَبُ شَهَٰدَتُهُمۡ وَيُسۡـَٔلُونَ
Maleeykota isaan gabroota Rahmaan ta’an dubara taasisan. uumama isaanii bira jiran moo? Ragaan isaanii fuuldura nibarreeffamti, nigaafataman.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالُواْ لَوۡ شَآءَ ٱلرَّحۡمَٰنُ مَا عَبَدۡنَٰهُمۗ مَّا لَهُم بِذَٰلِكَ مِنۡ عِلۡمٍۖ إِنۡ هُمۡ إِلَّا يَخۡرُصُونَ
“Odoo Rahmaan fedhee isaan hin gabbarru turre” jedhan. sana irratti beekumsa homaatuu hin qaban isaan kijiboo malee hintaane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ ءَاتَيۡنَٰهُمۡ كِتَٰبٗا مِّن قَبۡلِهِۦ فَهُم بِهِۦ مُسۡتَمۡسِكُونَ
Moo (Qur’aana) kana dura kitaaba isaaniif kennine, kan isaan isa qabatoo tahan?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
بَلۡ قَالُوٓاْ إِنَّا وَجَدۡنَآ ءَابَآءَنَا عَلَىٰٓ أُمَّةٖ وَإِنَّا عَلَىٰٓ ءَاثَٰرِهِم مُّهۡتَدُونَ
Lakkii! Isaan “nuti abboota keenya amantii wahii irratti argine, nutis faanoowwan isaanii irra qajeeloodha” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَكَذَٰلِكَ مَآ أَرۡسَلۡنَا مِن قَبۡلِكَ فِي قَرۡيَةٖ مِّن نَّذِيرٍ إِلَّا قَالَ مُتۡرَفُوهَآ إِنَّا وَجَدۡنَآ ءَابَآءَنَا عَلَىٰٓ أُمَّةٖ وَإِنَّا عَلَىٰٓ ءَاثَٰرِهِم مُّقۡتَدُونَ
Akkasumas (Yaa Muhammad!) siin dura magaalaa kam keessattuu sodaachisaa erginee, qanani’oon ishee “Nuti abbootii keenya amantii wahii irratti argine; nuti faanuma isaanii irra hordoftoota” jedhan malee hin hafne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ قَٰلَ أَوَلَوۡ جِئۡتُكُم بِأَهۡدَىٰ مِمَّا وَجَدتُّمۡ عَلَيۡهِ ءَابَآءَكُمۡۖ قَالُوٓاْ إِنَّا بِمَآ أُرۡسِلۡتُم بِهِۦ كَٰفِرُونَ
(Ergamichis) “odoo ani waan abbootii keessan irratti argitan irra qajeelaatiin isinitti dhufeelleemoo (isaanuma hordoftuu)?” jedhe. (Mushrikoonnis) “nuti waan isin ittiin ergamtanitti kafaroodha” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱنتَقَمۡنَا مِنۡهُمۡۖ فَٱنظُرۡ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلۡمُكَذِّبِينَ
Kanaafuu isaan irraa haaloo ba’anne. Booddeen sobsiiftotaa akkam akka ta’e ilaali.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِذۡ قَالَ إِبۡرَٰهِيمُ لِأَبِيهِ وَقَوۡمِهِۦٓ إِنَّنِي بَرَآءٞ مِّمَّا تَعۡبُدُونَ
Yeroo Ibraahiim abbaa isaatiifi ummata isaatiin jedhe [yaadadhu] :“Dhugumatti ani waan isin gabbartan irraa qulqulluudha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِلَّا ٱلَّذِي فَطَرَنِي فَإِنَّهُۥ سَيَهۡدِينِ
Isa na uume malee. Inni na qajeelcha.”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَجَعَلَهَا كَلِمَةَۢ بَاقِيَةٗ فِي عَقِبِهِۦ لَعَلَّهُمۡ يَرۡجِعُونَ
Jechattii isa booda haftuu ishee godhe Akka isaan deebi’aniif.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
بَلۡ مَتَّعۡتُ هَٰٓؤُلَآءِ وَءَابَآءَهُمۡ حَتَّىٰ جَآءَهُمُ ٱلۡحَقُّ وَرَسُولٞ مُّبِينٞ
Dhugumatti, isaan kanaafi abbootii isaaniis qanansiise hanga dhugaafi ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufutti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَمَّا جَآءَهُمُ ٱلۡحَقُّ قَالُواْ هَٰذَا سِحۡرٞ وَإِنَّا بِهِۦ كَٰفِرُونَ
Dhugaan isaanitti dhufnaan immoo “kuni falfala; nuti isatti kafaroodha” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالُواْ لَوۡلَا نُزِّلَ هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانُ عَلَىٰ رَجُلٖ مِّنَ ٱلۡقَرۡيَتَيۡنِ عَظِيمٍ
Ni jedhan: “Qur’aanni kun nama guddaa ganda lamaan irraa ta’etti maaliif buufamuu dhabe?”
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَهُمۡ يَقۡسِمُونَ رَحۡمَتَ رَبِّكَۚ نَحۡنُ قَسَمۡنَا بَيۡنَهُم مَّعِيشَتَهُمۡ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۚ وَرَفَعۡنَا بَعۡضَهُمۡ فَوۡقَ بَعۡضٖ دَرَجَٰتٖ لِّيَتَّخِذَ بَعۡضُهُم بَعۡضٗا سُخۡرِيّٗاۗ وَرَحۡمَتُ رَبِّكَ خَيۡرٞ مِّمَّا يَجۡمَعُونَ
Sila isaantu Rahmata Gooftaa keetii qoodaa? Nutu jiruu addunyaa keessatti waan ittiin jiraatan gidduu isaaniitti qoode.garii isaanii garii irra sadarkaaleen ol fuune Akka gariin isaanii garii tajaajilaa godhatuuf jecha. Rahmata Gooftaa keetiitu waan isaan walitti qaban irra caala.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَوۡلَآ أَن يَكُونَ ٱلنَّاسُ أُمَّةٗ وَٰحِدَةٗ لَّجَعَلۡنَا لِمَن يَكۡفُرُ بِٱلرَّحۡمَٰنِ لِبُيُوتِهِمۡ سُقُفٗا مِّن فِضَّةٖ وَمَعَارِجَ عَلَيۡهَا يَظۡهَرُونَ
Odoo namni (gara addunyaa jallachuun) ummata tokko ta’uu baatee, silaa namoota Rahmaanitti kafaraniif ijoo manneen isaanii meeta irraa taasifna turre. sadarkaawwan irrattii ol ba’anis.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلِبُيُوتِهِمۡ أَبۡوَٰبٗا وَسُرُرًا عَلَيۡهَا يَتَّكِـُٔونَ
Manneen isaaniitiifis hulaaleefi sireewwan irratti hirkatanis (meeta irraa isaaniif goona turre).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَزُخۡرُفٗاۚ وَإِن كُلُّ ذَٰلِكَ لَمَّا مَتَٰعُ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۚ وَٱلۡأٓخِرَةُ عِندَ رَبِّكَ لِلۡمُتَّقِينَ
Faayaas (ni goonaaf) Kun hunduu qananii jiruu addunyaa qofa. Aakhiraan Gooftaa kee biratti warra Rabbiin sodaataniifi.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَن يَعۡشُ عَن ذِكۡرِ ٱلرَّحۡمَٰنِ نُقَيِّضۡ لَهُۥ شَيۡطَٰنٗا فَهُوَ لَهُۥ قَرِينٞ
Nama gorsa (Qur’aana) Rahmaan irraa gara gale, sheeyxaana isaaf ramadna; inni isaaf hiriyaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّهُمۡ لَيَصُدُّونَهُمۡ عَنِ ٱلسَّبِيلِ وَيَحۡسَبُونَ أَنَّهُم مُّهۡتَدُونَ
Isaanis karaa (Rabbii) irraa isaan dhorgu; isaan immoo qajeeloo uf sehan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
حَتَّىٰٓ إِذَا جَآءَنَا قَالَ يَٰلَيۡتَ بَيۡنِي وَبَيۡنَكَ بُعۡدَ ٱلۡمَشۡرِقَيۡنِ فَبِئۡسَ ٱلۡقَرِينُ
Hanga nutti dhufee “yaa gaabbii kiyya! Odoo gidduu kiyyaafi gidduu kee fageenyi baha lamaanii (bahaafi dhihaa) jiraatee” jedha. Hiriyichi waa fokkate!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَن يَنفَعَكُمُ ٱلۡيَوۡمَ إِذ ظَّلَمۡتُمۡ أَنَّكُمۡ فِي ٱلۡعَذَابِ مُشۡتَرِكُونَ
Har’a isin hin fayyadu waan lubbuu keessan miitaniif, ibidda keessatti waliin jiraachuun keessan (homaa isin hinfayyadu).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَأَنتَ تُسۡمِعُ ٱلصُّمَّ أَوۡ تَهۡدِي ٱلۡعُمۡيَ وَمَن كَانَ فِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٖ
Sila ati duudaa dhageessiftaa yookiin jaamaa qajeelchitaa, nama jallina ifa ta’e keessa jiru(s niqajeelchitaa)?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَإِمَّا نَذۡهَبَنَّ بِكَ فَإِنَّا مِنۡهُم مُّنتَقِمُونَ
(Yaa Muhammad!) yoo si deemsifnellee, Nuti isaan irraa haaloo bahatoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَوۡ نُرِيَنَّكَ ٱلَّذِي وَعَدۡنَٰهُمۡ فَإِنَّا عَلَيۡهِم مُّقۡتَدِرُونَ
Yookiin isa waadaa isaaniif galle yoo sitti agarsiifne, Nuti isaan irratti danda’oodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱسۡتَمۡسِكۡ بِٱلَّذِيٓ أُوحِيَ إِلَيۡكَۖ إِنَّكَ عَلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ
Isa gara keetti wahyii godhame san qabadhu. Ati karaa qajeelaa irra jirta.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّهُۥ لَذِكۡرٞ لَّكَ وَلِقَوۡمِكَۖ وَسَوۡفَ تُسۡـَٔلُونَ
Inni (Qur’aanni) siifi ummata keetiifis gorsa. Fuula dura ni gaafatamtu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَسۡـَٔلۡ مَنۡ أَرۡسَلۡنَا مِن قَبۡلِكَ مِن رُّسُلِنَآ أَجَعَلۡنَا مِن دُونِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ءَالِهَةٗ يُعۡبَدُونَ
Ergamtoota keenya irraa nama si dura ergine gaafadhu “Sila Rahmaan malee gooftolii gabbaraman taasifnee jirraa?”.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا مُوسَىٰ بِـَٔايَٰتِنَآ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ وَمَلَإِيْهِۦ فَقَالَ إِنِّي رَسُولُ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Dhugumatti, Muusaa raajiiwwan keenyaan gara Fir’awniifi qoondaaltota isaatti erginee, “ani ergamaa Gooftaa aalama hundaati” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا جَآءَهُم بِـَٔايَٰتِنَآ إِذَا هُم مِّنۡهَا يَضۡحَكُونَ
Yeroo raajiiwwan keenyaan isaanitti dhufu, isaan yeroo san isheetti kolfu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا نُرِيهِم مِّنۡ ءَايَةٍ إِلَّا هِيَ أَكۡبَرُ مِنۡ أُخۡتِهَاۖ وَأَخَذۡنَٰهُم بِٱلۡعَذَابِ لَعَلَّهُمۡ يَرۡجِعُونَ
Raajii irraa ishee obboleettii ishee irra caaltu malee isaan hin agarsiifnu. Akka isaan (gara keenya) deebi’aniif adabaan isaan qabne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالُواْ يَٰٓأَيُّهَ ٱلسَّاحِرُ ٱدۡعُ لَنَا رَبَّكَ بِمَا عَهِدَ عِندَكَ إِنَّنَا لَمُهۡتَدُونَ
“Ati yaa kan sihrii hojjattu! Gooftaa kee waan waadaa siif galeen nuuf kadhu. Nuti ni qajeella” jedhan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّا كَشَفۡنَا عَنۡهُمُ ٱلۡعَذَابَ إِذَا هُمۡ يَنكُثُونَ
Yeroo adabbii isaan irraa saaqnu yoggusuma isaan waadaa diigan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَنَادَىٰ فِرۡعَوۡنُ فِي قَوۡمِهِۦ قَالَ يَٰقَوۡمِ أَلَيۡسَ لِي مُلۡكُ مِصۡرَ وَهَٰذِهِ ٱلۡأَنۡهَٰرُ تَجۡرِي مِن تَحۡتِيٓۚ أَفَلَا تُبۡصِرُونَ
Fir’awnis ummata isaa keessatti lallabee, “yaa ummata kiyya! sila mootummaan Misraa anaaf hin turree? Laggeen kunis ana jala hin yaatuu? Sila hin agartanuu?” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ أَنَا۠ خَيۡرٞ مِّنۡ هَٰذَا ٱلَّذِي هُوَ مَهِينٞ وَلَا يَكَادُ يُبِينُ
“Isa laafaa (tuffatamaa), dubbii adda baasuutti hindhihaanne kana irra anatu caala.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَوۡلَآ أُلۡقِيَ عَلَيۡهِ أَسۡوِرَةٞ مِّن ذَهَبٍ أَوۡ جَآءَ مَعَهُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ مُقۡتَرِنِينَ
(Yoo akkas ta’e) maaliif gumeewwan warqee (dahaba) irraa hojjataman isa irratti hin buufamne? Yookiin maleykonni isa wajjin qindaawanii maaliif hin dhufne?” (jedhe).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱسۡتَخَفَّ قَوۡمَهُۥ فَأَطَاعُوهُۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَوۡمٗا فَٰسِقِينَ
Ummata isaa gowwoomse ajaja isaa fudhatan. Isaan ummata fincilaa turan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَلَمَّآ ءَاسَفُونَا ٱنتَقَمۡنَا مِنۡهُمۡ فَأَغۡرَقۡنَٰهُمۡ أَجۡمَعِينَ
Yeroo isaan Nu dallansiisan, haaloo isaanitti baanee, hunda isaaniituu dhidhimsiifne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَجَعَلۡنَٰهُمۡ سَلَفٗا وَمَثَلٗا لِّلۡأٓخِرِينَ
Dhaloota boodaatiif hangafaafi fakkeenya isaan taasifne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
۞ وَلَمَّا ضُرِبَ ٱبۡنُ مَرۡيَمَ مَثَلًا إِذَا قَوۡمُكَ مِنۡهُ يَصِدُّونَ
Yeroo ilmi Maryam (Iisaan) fakkeenya godhamu ummanni kee (kaafiroonni) isarraa kolfu (gammadu).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقَالُوٓاْ ءَأَٰلِهَتُنَا خَيۡرٌ أَمۡ هُوَۚ مَا ضَرَبُوهُ لَكَ إِلَّا جَدَلَۢاۚ بَلۡ هُمۡ قَوۡمٌ خَصِمُونَ
“Gooftolee keenya moo isatu caala?” jedhan. Waan kana falmiif malee siif hin godhanu. Dhugumatti, isaan ummata mormitoota.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنۡ هُوَ إِلَّا عَبۡدٌ أَنۡعَمۡنَا عَلَيۡهِ وَجَعَلۡنَٰهُ مَثَلٗا لِّبَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ
Inni (Iisaan) gabricha Nuti isa irratti tola oollee malee waan biraa miti, Ilmaan Israa’iliif fakkeenya isa taasifne .
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَوۡ نَشَآءُ لَجَعَلۡنَا مِنكُم مَّلَٰٓئِكَةٗ فِي ٱلۡأَرۡضِ يَخۡلُفُونَ
Odoo feenee maleeykota isin irraa bakka bu’an dachii keessa goona turre.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَإِنَّهُۥ لَعِلۡمٞ لِّلسَّاعَةِ فَلَا تَمۡتَرُنَّ بِهَا وَٱتَّبِعُونِۚ هَٰذَا صِرَٰطٞ مُّسۡتَقِيمٞ
Inni Qiyaamaaf mallattoo dhaa, ishee hin shakkinaa; ana hordofaa. Kanatu karaa qajeelaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا يَصُدَّنَّكُمُ ٱلشَّيۡطَٰنُۖ إِنَّهُۥ لَكُمۡ عَدُوّٞ مُّبِينٞ
Sheyxaanni (dhugaa hordofuu irraa) akka isin hin dhorgine. Inni isiniif diina ifa ba’aadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَمَّا جَآءَ عِيسَىٰ بِٱلۡبَيِّنَٰتِ قَالَ قَدۡ جِئۡتُكُم بِٱلۡحِكۡمَةِ وَلِأُبَيِّنَ لَكُم بَعۡضَ ٱلَّذِي تَخۡتَلِفُونَ فِيهِۖ فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Iisaan yeroo ragaalee ifa ta’aniin dhufe, ni jedhe: “Dhugumatti, ani beekumsaanin isinitti dhufe; ammaas akkan garii waan isin keessatti wal dhabdanii isiniif ibsuufin (dhufe.) Rabbiin sodaa dhaa; anaafis ajajamaa.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ رَبِّي وَرَبُّكُمۡ فَٱعۡبُدُوهُۚ هَٰذَا صِرَٰطٞ مُّسۡتَقِيمٞ
Allaahn Isumatu Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessani. Isa (qofa) gabbaraa; kanatu karaa qajeelaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱخۡتَلَفَ ٱلۡأَحۡزَابُ مِنۢ بَيۡنِهِمۡۖ فَوَيۡلٞ لِّلَّذِينَ ظَلَمُواْ مِنۡ عَذَابِ يَوۡمٍ أَلِيمٍ
Gareewwan gidduu isaaniitti (dhimma kana irratti) wal dhabaniiru. Isaan miidhaa dalaganiif adabbii guyyaa laalessaa irraa halaakni isaaniif tahe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هَلۡ يَنظُرُونَ إِلَّا ٱلسَّاعَةَ أَن تَأۡتِيَهُم بَغۡتَةٗ وَهُمۡ لَا يَشۡعُرُونَ
Sila ni eeganii Qiyaamaa malee daguudhaan isaanitti dhufuu isaanii hinbeeynee?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلۡأَخِلَّآءُ يَوۡمَئِذِۭ بَعۡضُهُمۡ لِبَعۡضٍ عَدُوٌّ إِلَّا ٱلۡمُتَّقِينَ
Jaalalleewwan guyyaa san gariin isaanii gariif diina isaan Rabbiin sodaatan malee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يَٰعِبَادِ لَا خَوۡفٌ عَلَيۡكُمُ ٱلۡيَوۡمَ وَلَآ أَنتُمۡ تَحۡزَنُونَ
Yaa gabroota kiyya! Har’a sodaan isin irra hin jiru; isin hin gadditanus.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ بِـَٔايَٰتِنَا وَكَانُواْ مُسۡلِمِينَ
Isaan keeyyattoota keenyatti amananii, Muslimoota ta’an.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ٱدۡخُلُواْ ٱلۡجَنَّةَ أَنتُمۡ وَأَزۡوَٰجُكُمۡ تُحۡبَرُونَ
Isiniifi jaartiiwwan teessanis gammadaa jannata seenaa” (isaaniin jedhama).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
يُطَافُ عَلَيۡهِم بِصِحَافٖ مِّن ذَهَبٖ وَأَكۡوَابٖۖ وَفِيهَا مَا تَشۡتَهِيهِ ٱلۡأَنفُسُ وَتَلَذُّ ٱلۡأَعۡيُنُۖ وَأَنتُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ
Qoriiwwan warqee irraa ta’aniifi kubbaayyaaleen isaan irra naanna’ama. Ishee keessas waan lubbuuleen feetuufi ijoowwan itti gammaddutu jira. Isin ishee (jannata) keessatti hafoodha” (jedhamaani).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَتِلۡكَ ٱلۡجَنَّةُ ٱلَّتِيٓ أُورِثۡتُمُوهَا بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
Jannatni sun ta ishee dhalchifamtani waan hojjachaa turtaniini.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَكُمۡ فِيهَا فَٰكِهَةٞ كَثِيرَةٞ مِّنۡهَا تَأۡكُلُونَ
Isiniif ishee keessa fuduraalee baay’eetu jira. ishee irraa nyaattan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
إِنَّ ٱلۡمُجۡرِمِينَ فِي عَذَابِ جَهَنَّمَ خَٰلِدُونَ
Yakkamtoonni adabbii jahannam keessatti hafu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَا يُفَتَّرُ عَنۡهُمۡ وَهُمۡ فِيهِ مُبۡلِسُونَ
(Adabichi) Isaan irraa hin salphifamu; isaanis isa keessatti abdii muratoodha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَمَا ظَلَمۡنَٰهُمۡ وَلَٰكِن كَانُواْ هُمُ ٱلظَّٰلِمِينَ
Nuti isaan hin miine; garuu isaan (ofumaaf) miidhaa hojjattoota ta’an.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَنَادَوۡاْ يَٰمَٰلِكُ لِيَقۡضِ عَلَيۡنَا رَبُّكَۖ قَالَ إِنَّكُم مَّٰكِثُونَ
(Waardiyaa ibiddaatiin) “yaa Maalik! Gooftaan kee haa nufixu (nuuf gaafadhuu)” (jedhanii) lallabu. (Maalikis) “isin ishee keessa turoodha” jedhe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
لَقَدۡ جِئۡنَٰكُم بِٱلۡحَقِّ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَكُمۡ لِلۡحَقِّ كَٰرِهُونَ
Dhugumatti, Nuti haqaan isinitti dhufne. Garuu irra baay’een keessan haqa jibbitoota.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ أَبۡرَمُوٓاْ أَمۡرٗا فَإِنَّا مُبۡرِمُونَ
Moo Tooftaa baasanii?, nutis tooftaa itti baafne.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ يَحۡسَبُونَ أَنَّا لَا نَسۡمَعُ سِرَّهُمۡ وَنَجۡوَىٰهُمۚ بَلَىٰ وَرُسُلُنَا لَدَيۡهِمۡ يَكۡتُبُونَ
Moo Nuti iccitii isaaniitiifi maqoo isaanii hin dhageenyu sehanii? Lakkisaa! (ni dhageenya); ergamtoonni keenyas isaan biraa barreessu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ إِن كَانَ لِلرَّحۡمَٰنِ وَلَدٞ فَأَنَا۠ أَوَّلُ ٱلۡعَٰبِدِينَ
(Yaa Muhammad!) jedhi: “yoo Rahmaaniif ilmi jiraatee, silaa anatu jalqaba warra (isa)(ilma san) gabbaraniiti.” {1}
{1} garuu Rabbiin ilma hinqabu, kanarraa qulqullaawwe.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
سُبۡحَٰنَ رَبِّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ رَبِّ ٱلۡعَرۡشِ عَمَّا يَصِفُونَ
Rabbiin samiileefi dachii, Gooftaan arshii waan isaan ittiin (Isa) wassafan (ibsan) irraa qulqullaa’eera.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَذَرۡهُمۡ يَخُوضُواْ وَيَلۡعَبُواْ حَتَّىٰ يُلَٰقُواْ يَوۡمَهُمُ ٱلَّذِي يُوعَدُونَ
Isaan dhiisi (dhara keessa) seenanii haa taphatanii Hanga guyyaa isaanii, isa waadaa galaman qunnamanitti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَهُوَ ٱلَّذِي فِي ٱلسَّمَآءِ إِلَٰهٞ وَفِي ٱلۡأَرۡضِ إِلَٰهٞۚ وَهُوَ ٱلۡحَكِيمُ ٱلۡعَلِيمُ
Inni Isa samii keessatti gabbaramaa, dachii keessattis gabbaramaati. Inni ogeessa, beekaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَتَبَارَكَ ٱلَّذِي لَهُۥ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَا وَعِندَهُۥ عِلۡمُ ٱلسَّاعَةِ وَإِلَيۡهِ تُرۡجَعُونَ
Inni mootummaan samiilee, dachiifi waan isaan lamaan gidduu kan Isaa ta’e toltuun isaa baay'ate. beekumsi Qiyaamaas Isa biratti tahe, gara Isaatti deebifamtan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَا يَمۡلِكُ ٱلَّذِينَ يَدۡعُونَ مِن دُونِهِ ٱلشَّفَٰعَةَ إِلَّا مَن شَهِدَ بِٱلۡحَقِّ وَهُمۡ يَعۡلَمُونَ
Manguddummaa seenuu hin danda’anu Warri Rabbii gaditti waammatan, namoota dhugaa beekanii ragaa bahan malee.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَئِن سَأَلۡتَهُم مَّنۡ خَلَقَهُمۡ لَيَقُولُنَّ ٱللَّهُۖ فَأَنَّىٰ يُؤۡفَكُونَ
Eenyuutu isaan uumee odoo isaan gaafattee “Allaahdha” jedhu. Akkamumatti irraa garagalfamuree?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَقِيلِهِۦ يَٰرَبِّ إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ قَوۡمٞ لَّا يُؤۡمِنُونَ
Jechi inni (nabi Muhammad SAW!) “yaa Gooftaa kiyya! Dhugumatti, isaan kun ummata hin amanne” jedhe (sunis Allaah bira jira).
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
فَٱصۡفَحۡ عَنۡهُمۡ وَقُلۡ سَلَٰمٞۚ فَسَوۡفَ يَعۡلَمُونَ
(Yaa Muhammad!) isaan irraa gara galii “nagaan (isin irra haa jiraatu)” jedhiin; (waan isaan mudatu) fuula dura beekuuf jiru.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: ሱረቱ አዝ ዙኽሩፍ
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የ ኦሮሚኛ ቋንቋ ትርጉም - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ወደ ኦሮምኛ ቁንቋ የተተረጎመ የቁርዓን ትርጉም፤ የ2009 ህትመት።

መዝጋት