Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: മർയം   ആയത്ത്:
يَٰيَحۡيَىٰ خُذِ ٱلۡكِتَٰبَ بِقُوَّةٖۖ وَءَاتَيۡنَٰهُ ٱلۡحُكۡمَ صَبِيّٗا
“Yaa Yahyaa! Kitaabicha ciminaan qabadhu” (jenneen). Beekumsa (ogummaa) ijoollummaan isaaf kennine.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَحَنَانٗا مِّن لَّدُنَّا وَزَكَوٰةٗۖ وَكَانَ تَقِيّٗا
Mararfannaa Nu biraa ta’eefi qulqullinas (isaaf kenninee jirra). Inni (Rabbiin) sodaataa ta’eera.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَبَرَّۢا بِوَٰلِدَيۡهِ وَلَمۡ يَكُن جَبَّارًا عَصِيّٗا
Haadhaafi abbaa isaatiifis tola oolaa ta’eera, Of tuulaa, dilaawaa hin taane.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَسَلَٰمٌ عَلَيۡهِ يَوۡمَ وُلِدَ وَيَوۡمَ يَمُوتُ وَيَوۡمَ يُبۡعَثُ حَيّٗا
Nageenyi isarratti haajiraatu, guyyaa inni dhalate, guyyaa inni du’uufi guyyaa inni jiraataa tahee kaafamus.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَٱذۡكُرۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ مَرۡيَمَ إِذِ ٱنتَبَذَتۡ مِنۡ أَهۡلِهَا مَكَانٗا شَرۡقِيّٗا
Kitaabicha (Qur’aana) keessatti Maryamiin yeroo maatii ishee irraa iddoo gara bahaatti achi baate dubbadhu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَٱتَّخَذَتۡ مِن دُونِهِمۡ حِجَابٗا فَأَرۡسَلۡنَآ إِلَيۡهَا رُوحَنَا فَتَمَثَّلَ لَهَا بَشَرٗا سَوِيّٗا
Isaan irraa haguuggaa godhattee, ergamaa keenya (Jibriiliin) gara isiitti eregine, Inni nama (uumaan isaa) guutuu isiitti fakkaate.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالَتۡ إِنِّيٓ أَعُوذُ بِٱلرَّحۡمَٰنِ مِنكَ إِن كُنتَ تَقِيّٗا
Ni jette: “Ani sirraa Rahmaanitti maganfadha. Yoo kan (Rabbiin) sodaattu taateef (naa tuqin)”
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالَ إِنَّمَآ أَنَا۠ رَسُولُ رَبِّكِ لِأَهَبَ لَكِ غُلَٰمٗا زَكِيّٗا
(Jibriil) nijedhe “Ani ergamaa Rabbii keetiiti; ilma qulqulluu siif kennuuf (Rabbiin na erge)”.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالَتۡ أَنَّىٰ يَكُونُ لِي غُلَٰمٞ وَلَمۡ يَمۡسَسۡنِي بَشَرٞ وَلَمۡ أَكُ بَغِيّٗا
Ni jette: “akkamitti ilmi naaf ta’a Odoo namni tokko nan tuqin; sagaagaltuus odoon hin ta’in?”
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالَ كَذَٰلِكِ قَالَ رَبُّكِ هُوَ عَلَيَّ هَيِّنٞۖ وَلِنَجۡعَلَهُۥٓ ءَايَةٗ لِّلنَّاسِ وَرَحۡمَةٗ مِّنَّاۚ وَكَانَ أَمۡرٗا مَّقۡضِيّٗا
Innis ni jedhe: “Dhimmichi akkuma kana, Gooftaan kee ‘kuni narratti laafaadha; Namootaaf raajiifi rahmata Nu irraa ta’es isa godhuufi” jedhe. (Kun) dhimma murtaa’e ta’eera.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
۞ فَحَمَلَتۡهُ فَٱنتَبَذَتۡ بِهِۦ مَكَانٗا قَصِيّٗا
Isa ulfoofte; kophaa ishee gara bakka fagoo isaan deemte.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَأَجَآءَهَا ٱلۡمَخَاضُ إِلَىٰ جِذۡعِ ٱلنَّخۡلَةِ قَالَتۡ يَٰلَيۡتَنِي مِتُّ قَبۡلَ هَٰذَا وَكُنتُ نَسۡيٗا مَّنسِيّٗا
Ciniinsuun gara gufuu timiraa ishee maqse, Ni jette: “Yaa gaabbii kiyya! Odoo kana dura du’ee, wan dagatamee hafe ta’ee maal qaba!”
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَنَادَىٰهَا مِن تَحۡتِهَآ أَلَّا تَحۡزَنِي قَدۡ جَعَلَ رَبُّكِ تَحۡتَكِ سَرِيّٗا
Ishee jalaa “Hin gaddin; dhugumatti, Gooftaan kee jala keetti laga xiqqoo taasiseera” jechuun isheetti lallabe.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَهُزِّيٓ إِلَيۡكِ بِجِذۡعِ ٱلنَّخۡلَةِ تُسَٰقِطۡ عَلَيۡكِ رُطَبٗا جَنِيّٗا
“Muka timiraa gara keetti hurgufi; asheeta timira bilchaataa ta’e sirratti harcaafti.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: മർയം
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക