Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: മർയം   ആയത്ത്:
أَفَرَءَيۡتَ ٱلَّذِي كَفَرَ بِـَٔايَٰتِنَا وَقَالَ لَأُوتَيَنَّ مَالٗا وَوَلَدًا
Sila isa keeyyattoota keenyatti kafaree hinarginee ati? kan “Ani dhugumatti, qabeenyaafi ilmaan kennamuufin jira” jedhe.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَطَّلَعَ ٱلۡغَيۡبَ أَمِ ٱتَّخَذَ عِندَ ٱلرَّحۡمَٰنِ عَهۡدٗا
Sila (iccitii) fagoo irratti mul’atemoo Rahmaan biratti waadaa wahii godhate?
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
كَلَّاۚ سَنَكۡتُبُ مَا يَقُولُ وَنَمُدُّ لَهُۥ مِنَ ٱلۡعَذَابِ مَدّٗا
Lakki; (kun hin ta’u) Nuti waan inni jedhu ni barreessina; azaabarraa dabaltii (isaaf malu) isaaf daballa.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَنَرِثُهُۥ مَا يَقُولُ وَيَأۡتِينَا فَرۡدٗا
Waan inni (qaba) jedhu (hunda) irraa dhaalla; inni kophaa isaa Nutti dhufa.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَٱتَّخَذُواْ مِن دُونِ ٱللَّهِ ءَالِهَةٗ لِّيَكُونُواْ لَهُمۡ عِزّٗا
Rabbii achitti gabbaramtoota godhatan Akka humnaafi kabajaa isaaniif ta’aniif jecha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
كَلَّاۚ سَيَكۡفُرُونَ بِعِبَادَتِهِمۡ وَيَكُونُونَ عَلَيۡهِمۡ ضِدًّا
Lakkisaa; (kun waan ta’uu miti) isaan fuulduratti gabbaruu isaanii ni mormu; isaan irrattis faallaa tahu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَلَمۡ تَرَ أَنَّآ أَرۡسَلۡنَا ٱلشَّيَٰطِينَ عَلَى ٱلۡكَٰفِرِينَ تَؤُزُّهُمۡ أَزّٗا
Sila ati hinarginee akka Nuti kaafiroota irratti sheyxaanota erginee (badii irratti) kakaasiinsa isaan kakaafti.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَلَا تَعۡجَلۡ عَلَيۡهِمۡۖ إِنَّمَا نَعُدُّ لَهُمۡ عَدّٗا
Isaan (adabamuu) irratti hin jerjerin; Nuti lakkoofsa (guyyootaa) isaaniif lakkooyna.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
يَوۡمَ نَحۡشُرُ ٱلۡمُتَّقِينَ إِلَى ٱلرَّحۡمَٰنِ وَفۡدٗا
Guyyaa warra Rabbiin sodaatan gara Rahmaanitti jiila (garee kabajamoo) taasifnee isaan walitti qabnu [yaadadhu].
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَنَسُوقُ ٱلۡمُجۡرِمِينَ إِلَىٰ جَهَنَّمَ وِرۡدٗا
Badii raawwattoota immoo dheebotoo taasifnee gara Jahannam oofna.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
لَّا يَمۡلِكُونَ ٱلشَّفَٰعَةَ إِلَّا مَنِ ٱتَّخَذَ عِندَ ٱلرَّحۡمَٰنِ عَهۡدٗا
Nama Rahmaan biraa waadaa qabate malee araarsaa argachuu hin danda’anu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَقَالُواْ ٱتَّخَذَ ٱلرَّحۡمَٰنُ وَلَدٗا
“Rahmaan ilma godhate” jedhan.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
لَّقَدۡ جِئۡتُمۡ شَيۡـًٔا إِدّٗا
Dhugumatti, isin waan fokkataa fiddaniirtu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
تَكَادُ ٱلسَّمَٰوَٰتُ يَتَفَطَّرۡنَ مِنۡهُ وَتَنشَقُّ ٱلۡأَرۡضُ وَتَخِرُّ ٱلۡجِبَالُ هَدًّا
(Kana) irraa samiileen babbaqaquu, dachiin dhodhooyuufi gaarreen caccabanii kufuuf dhiaatu (fiddan).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَن دَعَوۡاْ لِلرَّحۡمَٰنِ وَلَدٗا
Rahmaaniif ilma moggaasuu irraa (babbaqaqutti dhiaatu).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَمَا يَنۢبَغِي لِلرَّحۡمَٰنِ أَن يَتَّخِذَ وَلَدًا
Rahmaan ilma godhachuun isaaf hin malu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِن كُلُّ مَن فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ إِلَّآ ءَاتِي ٱلرَّحۡمَٰنِ عَبۡدٗا
Wanti samiileefi dachii keessa jiran hundi gabra (Isaa) qofa ta’anii gara Rahmaan dhufanu malee hin hafan.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
لَّقَدۡ أَحۡصَىٰهُمۡ وَعَدَّهُمۡ عَدّٗا
Dhugumatti, Inni tokko tokkoon isaan beeka; lakkoofsa guutuu ta’es isaan lakkaa’eera.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَكُلُّهُمۡ ءَاتِيهِ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ فَرۡدًا
Hundi isaanii Guyyaa Qiyaamaa kophaa isaanii gara Isaatti (Rahmaanitti) dhufu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: മർയം
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക