വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: സൂറത്തുദ്ദുഖാൻ   ആയത്ത്:

Addukhaan

حمٓ
Haa Miim.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَٱلۡكِتَٰبِ ٱلۡمُبِينِ
Kitaaba addeessaa ta’eenin (kakadha).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنَّآ أَنزَلۡنَٰهُ فِي لَيۡلَةٖ مُّبَٰرَكَةٍۚ إِنَّا كُنَّا مُنذِرِينَ
Nuti halkan barakeeffamtuu keessa isa buufne. Nuti dinniinoo taaneerra.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فِيهَا يُفۡرَقُ كُلُّ أَمۡرٍ حَكِيمٍ
Ishee (halkanittii) keessa dhimmi murteeffame hundi adda baafama.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَمۡرٗا مِّنۡ عِندِنَآۚ إِنَّا كُنَّا مُرۡسِلِينَ
Ajaja nu biraa ta’e (ibsina) Nuti ergitoota taaneerra.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
رَحۡمَةٗ مِّن رَّبِّكَۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ
Rahmata Gooftaa kee irraa ta’eef (buufne). Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
رَبِّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَآۖ إِن كُنتُم مُّوقِنِينَ
(Rahmata) Gooftaa samiilee, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii irraa ta’eeti. Yoo kan dhugoomsitan taataniif (kana hubadhaa).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ يُحۡيِۦ وَيُمِيتُۖ رَبُّكُمۡ وَرَبُّ ءَابَآئِكُمُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Ni jiraachisa; ni ajjeessas. (Inni) Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kanneen duraati.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
بَلۡ هُمۡ فِي شَكّٖ يَلۡعَبُونَ
Dhugumatti isaan shakkii keessa taphatu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَٱرۡتَقِبۡ يَوۡمَ تَأۡتِي ٱلسَّمَآءُ بِدُخَانٖ مُّبِينٖ
Guyyaa samiin aara ifa ba’aan dhuftu (waan isaan mudatu) eegi.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
يَغۡشَى ٱلنَّاسَۖ هَٰذَا عَذَابٌ أَلِيمٞ
(Aarri kun) namoota haguuga. Kun adabbii laalessaadha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
رَّبَّنَا ٱكۡشِفۡ عَنَّا ٱلۡعَذَابَ إِنَّا مُؤۡمِنُونَ
(Kaafiroonni yeroo adabicha argan) “Gooftaa keenya! Adabicha nurraa kaasi nuti ni amannaa” (jedhu).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَنَّىٰ لَهُمُ ٱلذِّكۡرَىٰ وَقَدۡ جَآءَهُمۡ رَسُولٞ مُّبِينٞ
(erga adabaatii) gorfamuun akkamitti isaaniif jiraata, Odoo ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufee jiruu?
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
ثُمَّ تَوَلَّوۡاْ عَنۡهُ وَقَالُواْ مُعَلَّمٞ مَّجۡنُونٌ
Ergasii isa irraa gara galanii “(Inni) barsiifamaa maraataadha” jedhan.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنَّا كَاشِفُواْ ٱلۡعَذَابِ قَلِيلًاۚ إِنَّكُمۡ عَآئِدُونَ
Nuti yeroo gabaabaaf adabbii saaqoodha; Isin (kufriitti) deebi’oodha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
يَوۡمَ نَبۡطِشُ ٱلۡبَطۡشَةَ ٱلۡكُبۡرَىٰٓ إِنَّا مُنتَقِمُونَ
Guyyaa qabaa guddaa qabnu Nuti haaloo bahatoodha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
۞ وَلَقَدۡ فَتَنَّا قَبۡلَهُمۡ قَوۡمَ فِرۡعَوۡنَ وَجَآءَهُمۡ رَسُولٞ كَرِيمٌ
Dhugumatti, Nuti isaan dura ummata Fir’awni mokkorree jirra. Ergamaan kabajamaanis isaanitti dhufe.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَنۡ أَدُّوٓاْ إِلَيَّ عِبَادَ ٱللَّهِۖ إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٞ
“gabroota Rabbii gara kiyya kennaa! Ani isiniif ergamaa amanamaadhaa,” jechuun (isaanitti dhufe).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَأَن لَّا تَعۡلُواْ عَلَى ٱللَّهِۖ إِنِّيٓ ءَاتِيكُم بِسُلۡطَٰنٖ مُّبِينٖ
“Rabbi irratti hin booninaa; ani ragaa ifa ta’een isinitti dhufaadha” jedheen.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَإِنِّي عُذۡتُ بِرَبِّي وَرَبِّكُمۡ أَن تَرۡجُمُونِ
“Ani Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessanittin maganfadhe akka (dhagaan tumtanii nan) ajjeefne
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَإِن لَّمۡ تُؤۡمِنُواْ لِي فَٱعۡتَزِلُونِ
Yoo naaf hin amanne narraa fagaadhaa.”
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَدَعَا رَبَّهُۥٓ أَنَّ هَٰٓؤُلَآءِ قَوۡمٞ مُّجۡرِمُونَ
Gooftaa isaa ni kadhate: “Isaan kun ummata yakkamtoota” (jedhe).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَأَسۡرِ بِعِبَادِي لَيۡلًا إِنَّكُم مُّتَّبَعُونَ
(Rabbiin ni jedhe): “Gabroota kiyyaan halkaniin deemi. isin hordofamtoota.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَٱتۡرُكِ ٱلۡبَحۡرَ رَهۡوًاۖ إِنَّهُمۡ جُندٞ مُّغۡرَقُونَ
Galaana akkuma banametti dhiisi. isaan waraana bishaaniin dhidhimfamoodha.”
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
كَمۡ تَرَكُواْ مِن جَنَّٰتٖ وَعُيُونٖ
Ashaakiltiifi burqituuwwan meeqaatama dhiisan.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَزُرُوعٖ وَمَقَامٖ كَرِيمٖ
Oyruufi iddoo jireenyaa gaggaariis.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَنَعۡمَةٖ كَانُواْ فِيهَا فَٰكِهِينَ
Qananii ishee keessatti gammadaa turanis.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
كَذَٰلِكَۖ وَأَوۡرَثۡنَٰهَا قَوۡمًا ءَاخَرِينَ
Akka kanatti ummata biraa ishee dhaalchifne.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَمَا بَكَتۡ عَلَيۡهِمُ ٱلسَّمَآءُ وَٱلۡأَرۡضُ وَمَا كَانُواْ مُنظَرِينَ
Samiifi dachiin isaan irratti hin boonye; kan tursiifanis hin turre.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَلَقَدۡ نَجَّيۡنَا بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ مِنَ ٱلۡعَذَابِ ٱلۡمُهِينِ
Dhugumatti, Ilmaan Israa’iil adabbii salphisaa irraa nagaya baafne.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
مِن فِرۡعَوۡنَۚ إِنَّهُۥ كَانَ عَالِيٗا مِّنَ ٱلۡمُسۡرِفِينَ
Fir’awni irraa (ni baraarsine). Inni boonaa, daangaa dabritoota irraa ta’eera.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَلَقَدِ ٱخۡتَرۡنَٰهُمۡ عَلَىٰ عِلۡمٍ عَلَى ٱلۡعَٰلَمِينَ
Nuti beekumsaan aalama hunda irra isaan filanne.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَءَاتَيۡنَٰهُم مِّنَ ٱلۡأٓيَٰتِ مَا فِيهِ بَلَٰٓؤٞاْ مُّبِينٌ
Raajiiwwan irraas waan mokkorriin ifa ta’e isa keessa jiru isaaniif kennine.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ لَيَقُولُونَ
Dhugumatti, isaan kun (Qureeyshonni) ni jedhu:
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنۡ هِيَ إِلَّا مَوۡتَتُنَا ٱلۡأُولَىٰ وَمَا نَحۡنُ بِمُنشَرِينَ
“isheen tun hintaane Du’a teenya kan jalqabaa malee. Nuti (kana booda) kaafamoo miti.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَأۡتُواْ بِـَٔابَآئِنَآ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
Yoo warra dhugaa dubbatu taataniif, abbootii keenya fidaa.”
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَهُمۡ خَيۡرٌ أَمۡ قَوۡمُ تُبَّعٖ وَٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ أَهۡلَكۡنَٰهُمۡۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ مُجۡرِمِينَ
Sila isaantu caala moo ummata Tubba’iifi warra isaan duraati? isaan balleessine, Isaan yakkamtoota turan.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَمَا خَلَقۡنَا ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَا لَٰعِبِينَ
Samiilee, dachiifi waan isaan lamaan gidduu jirus taphatoo taanee hin uumne.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
مَا خَلَقۡنَٰهُمَآ إِلَّا بِٱلۡحَقِّ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ
Dhugaan malee isaan lachan hin uumne. Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنَّ يَوۡمَ ٱلۡفَصۡلِ مِيقَٰتُهُمۡ أَجۡمَعِينَ
Guyyaan murtii beellama isaan hundaati.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
يَوۡمَ لَا يُغۡنِي مَوۡلًى عَن مَّوۡلٗى شَيۡـٔٗا وَلَا هُمۡ يُنصَرُونَ
Guyyaa jaalalleen jaalallee irraa homaa hin deebifne, kan isaanis (kaafiroonnis) hin tumsamneedha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِلَّا مَن رَّحِمَ ٱللَّهُۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Nama Rabbiin rahmata godheef malee. Inni Isumatu injifataa, rahmata godhaadha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنَّ شَجَرَتَ ٱلزَّقُّومِ
Mukni ‘Zaqquum’
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
طَعَامُ ٱلۡأَثِيمِ
Nyaata dilaawaati.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
كَٱلۡمُهۡلِ يَغۡلِي فِي ٱلۡبُطُونِ
Akka cumaa (siicoo) zaytiitti garaa keessatti danfa.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
كَغَلۡيِ ٱلۡحَمِيمِ
Akka danfuu bishaan ho’aatti.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
خُذُوهُ فَٱعۡتِلُوهُ إِلَىٰ سَوَآءِ ٱلۡجَحِيمِ
(Ni jedhama): “Isa qabaatii gara walakkaa ibidda boba’aa harkisaa.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
ثُمَّ صُبُّواْ فَوۡقَ رَأۡسِهِۦ مِنۡ عَذَابِ ٱلۡحَمِيمِ
Ergasii mataa isaa gubbaatti adabbii bishaan danfaa irraa ta’e dhangalaasaa.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
ذُقۡ إِنَّكَ أَنتَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡكَرِيمُ
Dhandhami; ati simatu cimaa, arjaa (of fakkeessuu) turtee!
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنَّ هَٰذَا مَا كُنتُم بِهِۦ تَمۡتَرُونَ
Inni kun waan isa mamaa turtan sani” (isaaniin jedhama).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي مَقَامٍ أَمِينٖ
Warri Rabbiin sodaatan iddoo nagayaa keessatti tahu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فِي جَنَّٰتٖ وَعُيُونٖ
Ashaakiltiifi burqituuwwan keessa.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
يَلۡبَسُونَ مِن سُندُسٖ وَإِسۡتَبۡرَقٖ مُّتَقَٰبِلِينَ
Walitti gara galoo ta’anii (uffata) hariira haphiifi hariira furdaa irraa ta’e uffatu .
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
كَذَٰلِكَ وَزَوَّجۡنَٰهُم بِحُورٍ عِينٖ
Akkuma kana dubra babbareedoo ija babala’aa isaan fuusifne.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
يَدۡعُونَ فِيهَا بِكُلِّ فَٰكِهَةٍ ءَامِنِينَ
Isii keessattis fuduraalee hunda waammatu nagaa tahoodha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
لَا يَذُوقُونَ فِيهَا ٱلۡمَوۡتَ إِلَّا ٱلۡمَوۡتَةَ ٱلۡأُولَىٰۖ وَوَقَىٰهُمۡ عَذَابَ ٱلۡجَحِيمِ
Ishee keessatti du’a jalqabaa malee du’a hin dhandhaman. Rabbiin azaaba ibidda boba’aa irraa isaan tikse.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَضۡلٗا مِّن رَّبِّكَۚ ذَٰلِكَ هُوَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡعَظِيمُ
Tola Gooftaa kee irraa ta’eef, Sun isumatu milkii guddaadha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَإِنَّمَا يَسَّرۡنَٰهُ بِلِسَانِكَ لَعَلَّهُمۡ يَتَذَكَّرُونَ
isa (Qur’aana) afaan keetiin laaffifne Akka gorfamaniif jacha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَٱرۡتَقِبۡ إِنَّهُم مُّرۡتَقِبُونَ
(Waan isaan mudatu) eegi; isaanis eegoodha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: സൂറത്തുദ്ദുഖാൻ
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ ആശയവിവർത്തനം (ഓരോമോ ഭാഷയിൽ). ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം. 2009 ലെ പതിപ്പ്.

അടക്കുക