Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: طه   آیت:
وَأَنَا ٱخۡتَرۡتُكَ فَٱسۡتَمِعۡ لِمَا يُوحَىٰٓ
Ani si filadheeraa waan (sitti) beeysifamu dhageeffadhu.
عربي تفسیرونه:
إِنَّنِيٓ أَنَا ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّآ أَنَا۠ فَٱعۡبُدۡنِي وَأَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَ لِذِكۡرِيٓ
Ani anumaatu Allaahdha; dhugaan gabbaramaan hin jiru Ana malee! Ana gabbari. Yaadannoo kiyyaaf salaata seeraan salaati.
عربي تفسیرونه:
إِنَّ ٱلسَّاعَةَ ءَاتِيَةٌ أَكَادُ أُخۡفِيهَا لِتُجۡزَىٰ كُلُّ نَفۡسِۭ بِمَا تَسۡعَىٰ
Dhugumatti, Qiyaamaan dhuftuudha. akka lubbuun hundi waan hojjatte mindeeffamtuuf jecha. ishee dhoksuuttin dhihaadha.
عربي تفسیرونه:
فَلَا يَصُدَّنَّكَ عَنۡهَا مَن لَّا يُؤۡمِنُ بِهَا وَٱتَّبَعَ هَوَىٰهُ فَتَرۡدَىٰ
Ishee irraa gara si hin galchin Namni isheetti hin amanin, kan fedhii isaa hordofe, (Yoo isa hordofte) ni badda.”
عربي تفسیرونه:
وَمَا تِلۡكَ بِيَمِينِكَ يَٰمُوسَىٰ
Yaa Muusaa! Wanti harka mirgaa kee keessa jiru sun maali?”
عربي تفسیرونه:
قَالَ هِيَ عَصَايَ أَتَوَكَّؤُاْ عَلَيۡهَا وَأَهُشُّ بِهَا عَلَىٰ غَنَمِي وَلِيَ فِيهَا مَـَٔارِبُ أُخۡرَىٰ
(Muusaan) ni jedhe: “Isheen ulee tiyya; ishee irrattin hirkadha; Re’ee tiyyaaf isheenin (baala mukaa) harcaasa. Ishee keessa anaaf dhimmi biraas ni jira” .
عربي تفسیرونه:
قَالَ أَلۡقِهَا يَٰمُوسَىٰ
(Rabbiin) ni jedhe: “yaa Muusaa! Ishee darbi.”
عربي تفسیرونه:
فَأَلۡقَىٰهَا فَإِذَا هِيَ حَيَّةٞ تَسۡعَىٰ
Ishee ni darbeYeroma san bofa fiigdu taate.
عربي تفسیرونه:
قَالَ خُذۡهَا وَلَا تَخَفۡۖ سَنُعِيدُهَا سِيرَتَهَا ٱلۡأُولَىٰ
(Rabbiin) ni jedhe: “Ishee qabi; hin sodaatin; haala ishee kan jalqabaatti ishee deebifnaa.
عربي تفسیرونه:
وَٱضۡمُمۡ يَدَكَ إِلَىٰ جَنَاحِكَ تَخۡرُجۡ بَيۡضَآءَ مِنۡ غَيۡرِ سُوٓءٍ ءَايَةً أُخۡرَىٰ
Harka kee gara cinaacha keetiitti maxxansi, adii taatee baati dhibee (tokko) malee, Mallattoo biraati.
عربي تفسیرونه:
لِنُرِيَكَ مِنۡ ءَايَٰتِنَا ٱلۡكُبۡرَى
Mallattoolee keenya isaan gugurdoo irraa si agarsiisuufi.
عربي تفسیرونه:
ٱذۡهَبۡ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ إِنَّهُۥ طَغَىٰ
Gara Fir’awnaa deemi, inni daangaa dabree jira.
عربي تفسیرونه:
قَالَ رَبِّ ٱشۡرَحۡ لِي صَدۡرِي
(Muusaan) ni jedhe: “Yaa Gooftaa kiyya! Qoma kiyya naaf bal’isi.
عربي تفسیرونه:
وَيَسِّرۡ لِيٓ أَمۡرِي
Hojii kiyyaas naaf laaffisi.
عربي تفسیرونه:
وَٱحۡلُلۡ عُقۡدَةٗ مِّن لِّسَانِي
Hidhaa (Cabaqa) arraba kiyya irraa hiiki.
عربي تفسیرونه:
يَفۡقَهُواْ قَوۡلِي
Jecha kiyya haa hubatanii.
عربي تفسیرونه:
وَٱجۡعَل لِّي وَزِيرٗا مِّنۡ أَهۡلِي
Maatii kiyya irraa gargaaraa (qondaala) naaf godhi.
عربي تفسیرونه:
هَٰرُونَ أَخِي
Haaruun obboleessa kiyya.
عربي تفسیرونه:
ٱشۡدُدۡ بِهِۦٓ أَزۡرِي
Isaan irree kiyya cimsi.
عربي تفسیرونه:
وَأَشۡرِكۡهُ فِيٓ أَمۡرِي
Dhimma kiyya keessattis isa hirmaachisi.
عربي تفسیرونه:
كَيۡ نُسَبِّحَكَ كَثِيرٗا
Akka baay’ee si faarsinuuf.
عربي تفسیرونه:
وَنَذۡكُرَكَ كَثِيرًا
Akka baay’inaanis si yaadannuuf.
عربي تفسیرونه:
إِنَّكَ كُنتَ بِنَا بَصِيرٗا
Dhugumatti, Ati nu argaa taateetta.”
عربي تفسیرونه:
قَالَ قَدۡ أُوتِيتَ سُؤۡلَكَ يَٰمُوسَىٰ
(Rabbiin) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Dhugumatti, kadhaa kee kennamtee jirta.
عربي تفسیرونه:
وَلَقَدۡ مَنَنَّا عَلَيۡكَ مَرَّةً أُخۡرَىٰٓ
Dhugumatti, yeroo biraas si qanansiifnee turre.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: طه
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول