Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: طه   آیت:
قَالَ عِلۡمُهَا عِندَ رَبِّي فِي كِتَٰبٖۖ لَّا يَضِلُّ رَبِّي وَلَا يَنسَى
(Muusaanis) ni jedhe: “Beekumsi ishee Gooftaa kiyya bira galmee keessa jira, Gooftaan kiyya hin dogoggoru; hin irranfatus”
عربي تفسیرونه:
ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلۡأَرۡضَ مَهۡدٗا وَسَلَكَ لَكُمۡ فِيهَا سُبُلٗا وَأَنزَلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ فَأَخۡرَجۡنَا بِهِۦٓ أَزۡوَٰجٗا مِّن نَّبَاتٖ شَتَّىٰ
(Inni) Isa dachii afata isiniif godhee, ishee keessatti karaalee isiniif laaffisee, samii irraa bishaan buuse sani, Isaan (bokkaan) akaakuu biqiltuulee adda addaa irraa taate ni baafne (nimagarsine).
عربي تفسیرونه:
كُلُواْ وَٱرۡعَوۡاْ أَنۡعَٰمَكُمۡۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّأُوْلِي ٱلنُّهَىٰ
(Isa irraa) nyaadhaa; beyladoota keessanis dheechisaa, Dhugumatti, kana keessa namoota qalbiilee (sammuu) qabaniif mallattoleetu jira.
عربي تفسیرونه:
۞ مِنۡهَا خَلَقۡنَٰكُمۡ وَفِيهَا نُعِيدُكُمۡ وَمِنۡهَا نُخۡرِجُكُمۡ تَارَةً أُخۡرَىٰ
Ishee (dachii) irraa isin uumne; ishee keessatti isin deebifna; yeroo biraas ishee irraa isin baafna.
عربي تفسیرونه:
وَلَقَدۡ أَرَيۡنَٰهُ ءَايَٰتِنَا كُلَّهَا فَكَذَّبَ وَأَبَىٰ
Dhugumatti, mallattoolee keenya hunda ishee isatti (Fir’awnitti) argisiifneerra; innis ni sobsiisee; ni dides.
عربي تفسیرونه:
قَالَ أَجِئۡتَنَا لِتُخۡرِجَنَا مِنۡ أَرۡضِنَا بِسِحۡرِكَ يَٰمُوسَىٰ
(Fir’awn) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Sila ati dachii teenya irraa sihrii teetiin nu baasuuf nutti dhuftee?
عربي تفسیرونه:
فَلَنَأۡتِيَنَّكَ بِسِحۡرٖ مِّثۡلِهِۦ فَٱجۡعَلۡ بَيۡنَنَا وَبَيۡنَكَ مَوۡعِدٗا لَّا نُخۡلِفُهُۥ نَحۡنُ وَلَآ أَنتَ مَكَانٗا سُوٗى
Nutis sihrii fakkaataa isaatiin siif dhufna, gidduu keenyaafi gidduu keetti beellama godhi. kan nutiifi atis irraa hin hafne, iddoo giddu galeessa ta’etti”
عربي تفسیرونه:
قَالَ مَوۡعِدُكُمۡ يَوۡمُ ٱلزِّينَةِ وَأَن يُحۡشَرَ ٱلنَّاسُ ضُحٗى
(Muusaanis) ni jedhe: “Beellamni keessan guyyaa ayyaanaati; namoonnis waaree walitti qabamuudha”
عربي تفسیرونه:
فَتَوَلَّىٰ فِرۡعَوۡنُ فَجَمَعَ كَيۡدَهُۥ ثُمَّ أَتَىٰ
Fir’awni gara galee, deemee dhara isaa walitti qabee eegasii dhufe.
عربي تفسیرونه:
قَالَ لَهُم مُّوسَىٰ وَيۡلَكُمۡ لَا تَفۡتَرُواْ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبٗا فَيُسۡحِتَكُم بِعَذَابٖۖ وَقَدۡ خَابَ مَنِ ٱفۡتَرَىٰ
Muusaan isaaniin nijedhe “Yaa badii keessan! Rabbi irratti soba hin odeessinaa; adabbiidhaan isin balleessa, Dhugumatti, namni (Rabbi irratti) soba odeesse hoonga’ee jira”.
عربي تفسیرونه:
فَتَنَٰزَعُوٓاْ أَمۡرَهُم بَيۡنَهُمۡ وَأَسَرُّواْ ٱلنَّجۡوَىٰ
Dubbii isaanii irratti gidduu isaaniitti wal falman, maqoo isaaniis dhokfatan.
عربي تفسیرونه:
قَالُوٓاْ إِنۡ هَٰذَٰنِ لَسَٰحِرَٰنِ يُرِيدَانِ أَن يُخۡرِجَاكُم مِّنۡ أَرۡضِكُم بِسِحۡرِهِمَا وَيَذۡهَبَا بِطَرِيقَتِكُمُ ٱلۡمُثۡلَىٰ
Ni jedhan: “Jarri lamaan kun falfaltoota, falfala isaanitiin dachii keessan irraa isin baasuu fedhan, karaa keessan ishee caaltuu taate dhabamsiisuu (fedhu).
عربي تفسیرونه:
فَأَجۡمِعُواْ كَيۡدَكُمۡ ثُمَّ ٱئۡتُواْ صَفّٗاۚ وَقَدۡ أَفۡلَحَ ٱلۡيَوۡمَ مَنِ ٱسۡتَعۡلَىٰ
Tooftaa keessan walitti qabadhaa; sana booda hiriiraan koottaa, Dhugumatti, namni hardha irra aane (mo’ate) milkaa’eera.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: طه
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول