Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: مؤمنون   آیت:

Almu’uminuun

قَدۡ أَفۡلَحَ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ
Dhugumatti, mu’uminoonni milkaa’an.
عربي تفسیرونه:
ٱلَّذِينَ هُمۡ فِي صَلَاتِهِمۡ خَٰشِعُونَ
Isaan warra salaata isaanii keessatti khushuu’a qabaniidha.
عربي تفسیرونه:
وَٱلَّذِينَ هُمۡ عَنِ ٱللَّغۡوِ مُعۡرِضُونَ
Isaan warra wanta bu’aa hin qabne irraa garagalaniidha.
عربي تفسیرونه:
وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِلزَّكَوٰةِ فَٰعِلُونَ
Isaan warra zakaas raawwataniidha.
عربي تفسیرونه:
وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِفُرُوجِهِمۡ حَٰفِظُونَ
Isaan warra qaama saalaa isaanii tikfatoo ta’aniidha.
عربي تفسیرونه:
إِلَّا عَلَىٰٓ أَزۡوَٰجِهِمۡ أَوۡ مَا مَلَكَتۡ أَيۡمَٰنُهُمۡ فَإِنَّهُمۡ غَيۡرُ مَلُومِينَ
Jaartiiwwan isaanii yookiin waan mirgi isaanii dhuunfatte irratti malee, isaan (kanarratti) komatamoo miti.
عربي تفسیرونه:
فَمَنِ ٱبۡتَغَىٰ وَرَآءَ ذَٰلِكَ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡعَادُونَ
Namni sanaan ala (waan biraa) barbaade, isaan sun daangaa dabroodha. [1]
[1] kuni karaa jaartii ufiitiifii gabrittii ufii malee karaa biroo kamiiyyu fedhee bahuuf itti fayyadamuun haraam dhoowwaa tahuu ibsa. kanneen akka harkaan fedhii ufirraa baasuu fii beyladaan wajji qunnamtii godhuu fii wanni kana fakkaatu hundinuu haraam kana jala seena. dhoowwaadha badii guddoodha.
عربي تفسیرونه:
وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِأَمَٰنَٰتِهِمۡ وَعَهۡدِهِمۡ رَٰعُونَ
Isaan warra amaanaa isaaniitiifi waadaa isaaniis tikfatoo ta’aniidha.
عربي تفسیرونه:
وَٱلَّذِينَ هُمۡ عَلَىٰ صَلَوَٰتِهِمۡ يُحَافِظُونَ
Isaan warra salaatoowwan isaanii irratti tikfatoo tahaniidha.
عربي تفسیرونه:
أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡوَٰرِثُونَ
Isaan sun isaanuma qofatu dhaaltota (jannataati).
عربي تفسیرونه:
ٱلَّذِينَ يَرِثُونَ ٱلۡفِرۡدَوۡسَ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ
Isaan warra Firdawsiin dhaalanu. isaan ishee keessatti hafoodha.
عربي تفسیرونه:
وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ مِن سُلَٰلَةٖ مِّن طِينٖ
Dhugumatti, Nuti ilma namaa qulqulluu (cunfaa) dhoqqee irraa ta'e irraa uumne.
عربي تفسیرونه:
ثُمَّ جَعَلۡنَٰهُ نُطۡفَةٗ فِي قَرَارٖ مَّكِينٖ
Sana booda coba bishaan saalaa kan iddoo tasgabbaa’aa, mijaa'aa (gadaamessa) keessatti isa taasifne.
عربي تفسیرونه:
ثُمَّ خَلَقۡنَا ٱلنُّطۡفَةَ عَلَقَةٗ فَخَلَقۡنَا ٱلۡعَلَقَةَ مُضۡغَةٗ فَخَلَقۡنَا ٱلۡمُضۡغَةَ عِظَٰمٗا فَكَسَوۡنَا ٱلۡعِظَٰمَ لَحۡمٗا ثُمَّ أَنشَأۡنَٰهُ خَلۡقًا ءَاخَرَۚ فَتَبَارَكَ ٱللَّهُ أَحۡسَنُ ٱلۡخَٰلِقِينَ
Sana booda bishaan saalaa dhiiga ititaa taasifne; ergasii dhiiga ititaa muraa foonii taasifne; ergasii foonittii (sana) lafee taasifne; ergasii lafees foon itti uffifne; sana booda uumama biraa (daa’ima) isa goone, Rabbiin irra tolchaa uumtotaa ta’e qulqullaa’e!
عربي تفسیرونه:
ثُمَّ إِنَّكُم بَعۡدَ ذَٰلِكَ لَمَيِّتُونَ
Eegasii Isin sana booda du’oodha.
عربي تفسیرونه:
ثُمَّ إِنَّكُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ تُبۡعَثُونَ
Eegasii isin Guyyaa Qiyaamaa ni kaafamtu.
عربي تفسیرونه:
وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا فَوۡقَكُمۡ سَبۡعَ طَرَآئِقَ وَمَا كُنَّا عَنِ ٱلۡخَلۡقِ غَٰفِلِينَ
dhugumatti, Nuti gubbaa keessanitti samii torba uumnee jirra, Nuti uumamtoota irraa kan dagannu hin taane
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: مؤمنون
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول