Check out the new design

क़ुरआन के अर्थों का अनुवाद - ओरोमो अनुवाद - गाली अबाबोर * - अनुवादों की सूची

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

अर्थों का अनुवाद सूरा: अल्-मुमिनून   आयत:

Almu’uminuun

قَدۡ أَفۡلَحَ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ
Dhugumatti, mu’uminoonni milkaa’an.
अरबी तफ़सीरें:
ٱلَّذِينَ هُمۡ فِي صَلَاتِهِمۡ خَٰشِعُونَ
Isaan warra salaata isaanii keessatti khushuu’a qabaniidha.
अरबी तफ़सीरें:
وَٱلَّذِينَ هُمۡ عَنِ ٱللَّغۡوِ مُعۡرِضُونَ
Isaan warra wanta bu’aa hin qabne irraa garagalaniidha.
अरबी तफ़सीरें:
وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِلزَّكَوٰةِ فَٰعِلُونَ
Isaan warra zakaas raawwataniidha.
अरबी तफ़सीरें:
وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِفُرُوجِهِمۡ حَٰفِظُونَ
Isaan warra qaama saalaa isaanii tikfatoo ta’aniidha.
अरबी तफ़सीरें:
إِلَّا عَلَىٰٓ أَزۡوَٰجِهِمۡ أَوۡ مَا مَلَكَتۡ أَيۡمَٰنُهُمۡ فَإِنَّهُمۡ غَيۡرُ مَلُومِينَ
Jaartiiwwan isaanii yookiin waan mirgi isaanii dhuunfatte irratti malee, isaan (kanarratti) komatamoo miti.
अरबी तफ़सीरें:
فَمَنِ ٱبۡتَغَىٰ وَرَآءَ ذَٰلِكَ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡعَادُونَ
Namni sanaan ala (waan biraa) barbaade, isaan sun daangaa dabroodha. {1}
{1} kuni karaa jaartii ufiitiifii gabrittii ufii malee karaa biroo kamiiyyu fedhee bahuuf itti fayyadamuun haraam dhoowwaa tahuu ibsa. kanneen akka harkaan fedhii ufirraa baasuu fii beyladaan wajji qunnamtii godhuu fii wanni kana fakkaatu hundinuu haraam kana jala seena. dhoowwaadha badii guddoodha.
अरबी तफ़सीरें:
وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِأَمَٰنَٰتِهِمۡ وَعَهۡدِهِمۡ رَٰعُونَ
Isaan warra amaanaa isaaniitiifi waadaa isaaniis tikfatoo ta’aniidha.
अरबी तफ़सीरें:
وَٱلَّذِينَ هُمۡ عَلَىٰ صَلَوَٰتِهِمۡ يُحَافِظُونَ
Isaan warra salaatoowwan isaanii irratti tikfatoo tahaniidha.
अरबी तफ़सीरें:
أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡوَٰرِثُونَ
Isaan sun isaanuma qofatu dhaaltota (jannataati).
अरबी तफ़सीरें:
ٱلَّذِينَ يَرِثُونَ ٱلۡفِرۡدَوۡسَ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ
Isaan warra Firdawsiin dhaalanu. isaan ishee keessatti hafoodha.
अरबी तफ़सीरें:
وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ مِن سُلَٰلَةٖ مِّن طِينٖ
Dhugumatti, Nuti ilma namaa qulqulluu (cunfaa) dhoqqee irraa ta'e irraa uumne.
अरबी तफ़सीरें:
ثُمَّ جَعَلۡنَٰهُ نُطۡفَةٗ فِي قَرَارٖ مَّكِينٖ
Sana booda coba bishaan saalaa kan iddoo tasgabbaa’aa, mijaa'aa (gadaamessa) keessatti isa taasifne.
अरबी तफ़सीरें:
ثُمَّ خَلَقۡنَا ٱلنُّطۡفَةَ عَلَقَةٗ فَخَلَقۡنَا ٱلۡعَلَقَةَ مُضۡغَةٗ فَخَلَقۡنَا ٱلۡمُضۡغَةَ عِظَٰمٗا فَكَسَوۡنَا ٱلۡعِظَٰمَ لَحۡمٗا ثُمَّ أَنشَأۡنَٰهُ خَلۡقًا ءَاخَرَۚ فَتَبَارَكَ ٱللَّهُ أَحۡسَنُ ٱلۡخَٰلِقِينَ
Sana booda bishaan saalaa dhiiga ititaa taasifne; ergasii dhiiga ititaa muraa foonii taasifne; ergasii foonittii (sana) lafee taasifne; ergasii lafees foon itti uffifne; sana booda uumama biraa (daa’ima) isa goone, Rabbiin irra tolchaa uumtotaa ta’e qulqullaa’e!
अरबी तफ़सीरें:
ثُمَّ إِنَّكُم بَعۡدَ ذَٰلِكَ لَمَيِّتُونَ
Eegasii Isin sana booda du’oodha.
अरबी तफ़सीरें:
ثُمَّ إِنَّكُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ تُبۡعَثُونَ
Eegasii isin Guyyaa Qiyaamaa ni kaafamtu.
अरबी तफ़सीरें:
وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا فَوۡقَكُمۡ سَبۡعَ طَرَآئِقَ وَمَا كُنَّا عَنِ ٱلۡخَلۡقِ غَٰفِلِينَ
dhugumatti, Nuti gubbaa keessanitti samii torba uumnee jirra, Nuti uumamtoota irraa kan dagannu hin taane
अरबी तफ़सीरें:
 
अर्थों का अनुवाद सूरा: अल्-मुमिनून
सूरों की सूची पृष्ठ संख्या
 
क़ुरआन के अर्थों का अनुवाद - ओरोमो अनुवाद - गाली अबाबोर - अनुवादों की सूची

अनुवाद गाली अबाबोर अबागोना ने किया है।

बंद करें