Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: ص   آیت:

Saad

صٓۚ وَٱلۡقُرۡءَانِ ذِي ٱلذِّكۡرِ
Saad Qur’aana abbaa yaadannoo ta’eenin (kakadha)!
عربي تفسیرونه:
بَلِ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ فِي عِزَّةٖ وَشِقَاقٖ
Dhugumatti isaan kafaran of tuulummaafi mormii keessa jiru.
عربي تفسیرونه:
كَمۡ أَهۡلَكۡنَا مِن قَبۡلِهِم مِّن قَرۡنٖ فَنَادَواْ وَّلَاتَ حِينَ مَنَاصٖ
Isaan dura (dhaloota) jaarraa meeqaatama balleessinee jirra. Yeroo baqaaf hin taane walitti lallaban.
عربي تفسیرونه:
وَعَجِبُوٓاْ أَن جَآءَهُم مُّنذِرٞ مِّنۡهُمۡۖ وَقَالَ ٱلۡكَٰفِرُونَ هَٰذَا سَٰحِرٞ كَذَّابٌ
Sodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuun isaan dinqisiisee, kaafirtoonni ni jedhan: “kun falfalaa, sobaadha.
عربي تفسیرونه:
أَجَعَلَ ٱلۡأٓلِهَةَ إِلَٰهٗا وَٰحِدًاۖ إِنَّ هَٰذَا لَشَيۡءٌ عُجَابٞ
Sila gabbaramtoota (hunda) gabbaramaa tokko qofa taasisee? Dhugumatti, kun waan dinqisiisaadha.”
عربي تفسیرونه:
وَٱنطَلَقَ ٱلۡمَلَأُ مِنۡهُمۡ أَنِ ٱمۡشُواْ وَٱصۡبِرُواْ عَلَىٰٓ ءَالِهَتِكُمۡۖ إِنَّ هَٰذَا لَشَيۡءٞ يُرَادُ
Gurguddoon isaan (mushrikoota) irraa ta’an deemaniiti “deemaa gooftolee keessan (gabbaruu) irratti obsaa; dhugumatti, inni kun wanta nurraa barbaadamuudha" (waliin jedhan).
عربي تفسیرونه:
مَا سَمِعۡنَا بِهَٰذَا فِي ٱلۡمِلَّةِ ٱلۡأٓخِرَةِ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا ٱخۡتِلَٰقٌ
Amantii gara dhumaa (kiristaanummaa) keessatti kana hin dhageenye. Kun waanuma haara’a uumame malee homaa miti."
عربي تفسیرونه:
أَءُنزِلَ عَلَيۡهِ ٱلذِّكۡرُ مِنۢ بَيۡنِنَاۚ بَلۡ هُمۡ فِي شَكّٖ مِّن ذِكۡرِيۚ بَل لَّمَّا يَذُوقُواْ عَذَابِ
Sila yaadannoon (Qur’aanni) kun nu hunda gidduu isa qofarratti buufamee?” Dhugumatti, isaan yaadannoo kiyya irraa mamii keessa jiru. Garuu hanga ammaatti adabbii (kiyya) hin dhandhamnee (kanaaf kafaran).
عربي تفسیرونه:
أَمۡ عِندَهُمۡ خَزَآئِنُ رَحۡمَةِ رَبِّكَ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡوَهَّابِ
Furtuuwwan rahmata Rabbii keetii kan injifataa, arjoomaa ta’ee isaan bira jiraa?
عربي تفسیرونه:
أَمۡ لَهُم مُّلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَاۖ فَلۡيَرۡتَقُواْ فِي ٱلۡأَسۡبَٰبِ
Moo mootummaa samii, dachiifi wantoota gidduu isaanii jirantu kan isaaniitii? Oggas, karaalee keessaan (gara samii) ol haa ba’anii.
عربي تفسیرونه:
جُندٞ مَّا هُنَالِكَ مَهۡزُومٞ مِّنَ ٱلۡأَحۡزَابِ
Isaan bakka sana (dirree badrii) keessa jiran humna waraana xiqqoo (dha). Akkuma warri gamtaa durii injifataman saniiti (injifatamuuf jiru).
عربي تفسیرونه:
كَذَّبَتۡ قَبۡلَهُمۡ قَوۡمُ نُوحٖ وَعَادٞ وَفِرۡعَوۡنُ ذُو ٱلۡأَوۡتَادِ
Isaaniin dura ummanni Nuuh, Aadiifi Fir’awni abbaa shikaalaa tae (ergamaa isaanii) sobsiisaniiru.
عربي تفسیرونه:
وَثَمُودُ وَقَوۡمُ لُوطٖ وَأَصۡحَٰبُ لۡـَٔيۡكَةِۚ أُوْلَٰٓئِكَ ٱلۡأَحۡزَابُ
Samuud, ummanni Luuxiifi warri bosonaas (sobsiisanii jiru) Isaan hunduu gareewwan (dhugaa irratti duulanii dha).
عربي تفسیرونه:
إِن كُلٌّ إِلَّا كَذَّبَ ٱلرُّسُلَ فَحَقَّ عِقَابِ
Hundi isaanii ergamtoota sobsiisan malee hin hafne. Kanaafuu adabbiin (kiyya) isaan irratti mirkanaa’e.
عربي تفسیرونه:
وَمَا يَنظُرُ هَٰٓؤُلَآءِ إِلَّا صَيۡحَةٗ وَٰحِدَةٗ مَّا لَهَا مِن فَوَاقٖ
Isaan kun iyyansa tokko kan deebi’uun isheef hin jirre malee homaa hin eegan.
عربي تفسیرونه:
وَقَالُواْ رَبَّنَا عَجِّل لَّنَا قِطَّنَا قَبۡلَ يَوۡمِ ٱلۡحِسَابِ
Ni jedhan: “Yaa Rabbii keenya! (Adaba irraa) qooda keenya guyyaa qormaataa dura nuuf arifachiisi.”
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: ص
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول