Check out the new design

Përkthimi i kuptimeve të Kuranit Fisnik - Përkthimi oromisht - Gali Ebabur * - Përmbajtja e përkthimeve

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Përkthimi i kuptimeve Surja: El Mulk   Ajeti:
وَأَسِرُّواْ قَوۡلَكُمۡ أَوِ ٱجۡهَرُواْ بِهِۦٓۖ إِنَّهُۥ عَلِيمُۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ
Haasa'a keessan gadi qabaa yookiin ol qabaa; Inni beekaa waan qoma keessaati.
Tefsiret në gjuhën arabe:
أَلَا يَعۡلَمُ مَنۡ خَلَقَ وَهُوَ ٱللَّطِيفُ ٱلۡخَبِيرُ
Sila Inni uumee (iccitii isaanii) hin beekuu! inni keessa argaafi beekaadha.
Tefsiret në gjuhën arabe:
هُوَ ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلۡأَرۡضَ ذَلُولٗا فَٱمۡشُواْ فِي مَنَاكِبِهَا وَكُلُواْ مِن رِّزۡقِهِۦۖ وَإِلَيۡهِ ٱلنُّشُورُ
Inni Isa dachii laaffifamtuu isiniif godheedha; naannoo ishee keessa deemaatii soorata Isaa irraas nyaadhaa. Deebiin garuma Isaatti.
Tefsiret në gjuhën arabe:
ءَأَمِنتُم مَّن فِي ٱلسَّمَآءِ أَن يَخۡسِفَ بِكُمُ ٱلۡأَرۡضَ فَإِذَا هِيَ تَمُورُ
Sila isa samii olii sodaa dhabdanii? dachii isiniin cichisiisuu, achumaan isheen sossooti.
Tefsiret në gjuhën arabe:
أَمۡ أَمِنتُم مَّن فِي ٱلسَّمَآءِ أَن يُرۡسِلَ عَلَيۡكُمۡ حَاصِبٗاۖ فَسَتَعۡلَمُونَ كَيۡفَ نَذِيرِ
mmoo isa samii olii sodaa dhabdanii? bubbee cirracha qabu isin irratti erguu. Akeekkachiisni Kiyya akkam akka ta'e beekuuf jirtu.
Tefsiret në gjuhën arabe:
وَلَقَدۡ كَذَّبَ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ فَكَيۡفَ كَانَ نَكِيرِ
Dhugumatti, warri isaaniin duraa sobsiisaniiru; (adabbiin) najibbuu akkam tureree!
Tefsiret në gjuhën arabe:
أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ إِلَى ٱلطَّيۡرِ فَوۡقَهُمۡ صَٰٓفَّٰتٖ وَيَقۡبِضۡنَۚ مَا يُمۡسِكُهُنَّ إِلَّا ٱلرَّحۡمَٰنُۚ إِنَّهُۥ بِكُلِّ شَيۡءِۭ بَصِيرٌ
Sila gara simbirroota gubbaa isaaniitti koola (qoochoo) isaanii babal'isanii walitti dachaasanii hin ilaalanuu? Rahmaaniin malee homtuu isaan hin qabu. Inni waan hunda argaadha.
Tefsiret në gjuhën arabe:
أَمَّنۡ هَٰذَا ٱلَّذِي هُوَ جُندٞ لَّكُمۡ يَنصُرُكُم مِّن دُونِ ٱلرَّحۡمَٰنِۚ إِنِ ٱلۡكَٰفِرُونَ إِلَّا فِي غُرُورٍ
Sila innin sun ka Rahmaaniin achitti waraanaa isiniif ta'ee isin tumsuu eenyuma? Kaafiroonni gowwummaa keessatti malee hintaane.
Tefsiret në gjuhën arabe:
أَمَّنۡ هَٰذَا ٱلَّذِي يَرۡزُقُكُمۡ إِنۡ أَمۡسَكَ رِزۡقَهُۥۚ بَل لَّجُّواْ فِي عُتُوّٖ وَنُفُورٍ
Inni isin sooru sun eenyu Odoo Inni soorata Isaa (isinirraa) qabee? Dhugumatti, isaan diddaafi (haqa) irraa baqachuu itti fufan.
Tefsiret në gjuhën arabe:
أَفَمَن يَمۡشِي مُكِبًّا عَلَىٰ وَجۡهِهِۦٓ أَهۡدَىٰٓ أَمَّن يَمۡشِي سَوِيًّا عَلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ
Sila nama fuula isaa irratti gonbifamee deemu moo isa dhaabbatee karaa qajeelaa irra deemutu irra qajeelaadha?
Tefsiret në gjuhën arabe:
قُلۡ هُوَ ٱلَّذِيٓ أَنشَأَكُمۡ وَجَعَلَ لَكُمُ ٱلسَّمۡعَ وَٱلۡأَبۡصَٰرَ وَٱلۡأَفۡـِٔدَةَۚ قَلِيلٗا مَّا تَشۡكُرُونَ
Jedhi: "Inni Isa isin uumee dhageettii, agartuuwwaniifi onneewwan isiniif godheedha; hangi isin galatoomfattan waa xiqqaate!"
Tefsiret në gjuhën arabe:
قُلۡ هُوَ ٱلَّذِي ذَرَأَكُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَإِلَيۡهِ تُحۡشَرُونَ
Jedhi: "Inni Isa dachii keessa isin facaaseedha; garuma Isaatti oofamtus."
Tefsiret në gjuhën arabe:
وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا ٱلۡوَعۡدُ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
Nijedhu "Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, beellamni kun yoomi?".
Tefsiret në gjuhën arabe:
قُلۡ إِنَّمَا ٱلۡعِلۡمُ عِندَ ٱللَّهِ وَإِنَّمَآ أَنَا۠ نَذِيرٞ مُّبِينٞ
Jedhi: "Dhugumatti, beekumsi isaa Rabbiin bira qofa jira. Ani immoo akeekkachiisaa ifa galaa qofa."
Tefsiret në gjuhën arabe:
 
Përkthimi i kuptimeve Surja: El Mulk
Përmbajtja e sureve Numri i faqes
 
Përkthimi i kuptimeve të Kuranit Fisnik - Përkthimi oromisht - Gali Ebabur - Përmbajtja e përkthimeve

Përkthyer nga Gali Ababur Abaguna.

Mbyll