Check out the new design

የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር * - የትርጉሞች ማዉጫ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: አል ሙልክ   አንቀጽ:
وَأَسِرُّواْ قَوۡلَكُمۡ أَوِ ٱجۡهَرُواْ بِهِۦٓۖ إِنَّهُۥ عَلِيمُۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ
Haasa'a keessan gadi qabaa yookiin ol qabaa; Inni beekaa waan qoma keessaati.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَلَا يَعۡلَمُ مَنۡ خَلَقَ وَهُوَ ٱللَّطِيفُ ٱلۡخَبِيرُ
Sila Inni uumee (iccitii isaanii) hin beekuu! inni keessa argaafi beekaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
هُوَ ٱلَّذِي جَعَلَ لَكُمُ ٱلۡأَرۡضَ ذَلُولٗا فَٱمۡشُواْ فِي مَنَاكِبِهَا وَكُلُواْ مِن رِّزۡقِهِۦۖ وَإِلَيۡهِ ٱلنُّشُورُ
Inni Isa dachii laaffifamtuu isiniif godheedha; naannoo ishee keessa deemaatii soorata Isaa irraas nyaadhaa. Deebiin garuma Isaatti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
ءَأَمِنتُم مَّن فِي ٱلسَّمَآءِ أَن يَخۡسِفَ بِكُمُ ٱلۡأَرۡضَ فَإِذَا هِيَ تَمُورُ
Sila isa samii olii sodaa dhabdanii? dachii isiniin cichisiisuu, achumaan isheen sossooti.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمۡ أَمِنتُم مَّن فِي ٱلسَّمَآءِ أَن يُرۡسِلَ عَلَيۡكُمۡ حَاصِبٗاۖ فَسَتَعۡلَمُونَ كَيۡفَ نَذِيرِ
mmoo isa samii olii sodaa dhabdanii? bubbee cirracha qabu isin irratti erguu. Akeekkachiisni Kiyya akkam akka ta'e beekuuf jirtu.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَلَقَدۡ كَذَّبَ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ فَكَيۡفَ كَانَ نَكِيرِ
Dhugumatti, warri isaaniin duraa sobsiisaniiru; (adabbiin) najibbuu akkam tureree!
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ إِلَى ٱلطَّيۡرِ فَوۡقَهُمۡ صَٰٓفَّٰتٖ وَيَقۡبِضۡنَۚ مَا يُمۡسِكُهُنَّ إِلَّا ٱلرَّحۡمَٰنُۚ إِنَّهُۥ بِكُلِّ شَيۡءِۭ بَصِيرٌ
Sila gara simbirroota gubbaa isaaniitti koola (qoochoo) isaanii babal'isanii walitti dachaasanii hin ilaalanuu? Rahmaaniin malee homtuu isaan hin qabu. Inni waan hunda argaadha.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمَّنۡ هَٰذَا ٱلَّذِي هُوَ جُندٞ لَّكُمۡ يَنصُرُكُم مِّن دُونِ ٱلرَّحۡمَٰنِۚ إِنِ ٱلۡكَٰفِرُونَ إِلَّا فِي غُرُورٍ
Sila innin sun ka Rahmaaniin achitti waraanaa isiniif ta'ee isin tumsuu eenyuma? Kaafiroonni gowwummaa keessatti malee hintaane.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَمَّنۡ هَٰذَا ٱلَّذِي يَرۡزُقُكُمۡ إِنۡ أَمۡسَكَ رِزۡقَهُۥۚ بَل لَّجُّواْ فِي عُتُوّٖ وَنُفُورٍ
Inni isin sooru sun eenyu Odoo Inni soorata Isaa (isinirraa) qabee? Dhugumatti, isaan diddaafi (haqa) irraa baqachuu itti fufan.
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
أَفَمَن يَمۡشِي مُكِبًّا عَلَىٰ وَجۡهِهِۦٓ أَهۡدَىٰٓ أَمَّن يَمۡشِي سَوِيًّا عَلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ
Sila nama fuula isaa irratti gonbifamee deemu moo isa dhaabbatee karaa qajeelaa irra deemutu irra qajeelaadha?
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ هُوَ ٱلَّذِيٓ أَنشَأَكُمۡ وَجَعَلَ لَكُمُ ٱلسَّمۡعَ وَٱلۡأَبۡصَٰرَ وَٱلۡأَفۡـِٔدَةَۚ قَلِيلٗا مَّا تَشۡكُرُونَ
Jedhi: "Inni Isa isin uumee dhageettii, agartuuwwaniifi onneewwan isiniif godheedha; hangi isin galatoomfattan waa xiqqaate!"
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ هُوَ ٱلَّذِي ذَرَأَكُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَإِلَيۡهِ تُحۡشَرُونَ
Jedhi: "Inni Isa dachii keessa isin facaaseedha; garuma Isaatti oofamtus."
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا ٱلۡوَعۡدُ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ
Nijedhu "Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, beellamni kun yoomi?".
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
قُلۡ إِنَّمَا ٱلۡعِلۡمُ عِندَ ٱللَّهِ وَإِنَّمَآ أَنَا۠ نَذِيرٞ مُّبِينٞ
Jedhi: "Dhugumatti, beekumsi isaa Rabbiin bira qofa jira. Ani immoo akeekkachiisaa ifa galaa qofa."
የአረብኛ ቁርኣን ማብራሪያ:
 
የይዘት ትርጉም ምዕራፍ: አል ሙልክ
የምዕራፎች ማውጫ የገፅ ቁጥር
 
የቅዱስ ቁርዓን ይዘት ትርጉም - የኦሮሚኛ ትርጉም - ጋሊ አባቡር - የትርጉሞች ማዉጫ

በጋሊ አባቡር አባጉና ተተረጎመ

መዝጋት