Check out the new design

அல்குர்ஆன் மொழிபெயர்ப்பு - ஓரோமோ மொழிபெயர்ப்பு - காலி அபாபூர் * - மொழிபெயர்ப்பு அட்டவணை

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

மொழிபெயர்ப்பு அத்தியாயம்: அல்அன்பியா   வசனம்:
لَا يَسۡمَعُونَ حَسِيسَهَاۖ وَهُمۡ فِي مَا ٱشۡتَهَتۡ أَنفُسُهُمۡ خَٰلِدُونَ
Sagalee (didichaa) ishee hin dhaga’anu, Isaan waan lubbuun isaanii jaallattu keessatti hafoodha.
அரபு விரிவுரைகள்:
لَا يَحۡزُنُهُمُ ٱلۡفَزَعُ ٱلۡأَكۡبَرُ وَتَتَلَقَّىٰهُمُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ هَٰذَا يَوۡمُكُمُ ٱلَّذِي كُنتُمۡ تُوعَدُونَ
(Guyyaa Qiyaamaa) naasuun guddaan isaan hin gaddisiisu, Maleykonni isaan simatu. “Kun guyyaa keessan kan baallamamoo taataniidha.” (jedhaniin)
அரபு விரிவுரைகள்:
يَوۡمَ نَطۡوِي ٱلسَّمَآءَ كَطَيِّ ٱلسِّجِلِّ لِلۡكُتُبِۚ كَمَا بَدَأۡنَآ أَوَّلَ خَلۡقٖ نُّعِيدُهُۥۚ وَعۡدًا عَلَيۡنَآۚ إِنَّا كُنَّا فَٰعِلِينَ
Guyyaa samii marru akka mariinsa barreessan xalayaalee (galmeewwan) marutti [yaadadhu]. Akkuma uumaa duraa jalqabnetti isa deebifna. (Kun) waadaa Nu irra jiruudha. Dhugumatti, Nuti raawwattoota taanee jirra.
அரபு விரிவுரைகள்:
وَلَقَدۡ كَتَبۡنَا فِي ٱلزَّبُورِ مِنۢ بَعۡدِ ٱلذِّكۡرِ أَنَّ ٱلۡأَرۡضَ يَرِثُهَا عِبَادِيَ ٱلصَّٰلِحُونَ
Dhugumatti, Nuti kitaabota keessatti barreessine, erga ‘Lawhal Mahfuuz’ (keessatti barreessinee) booda. “dachii gabroota kiyya gaggaariitu dhaalaa” (jechuu).
அரபு விரிவுரைகள்:
إِنَّ فِي هَٰذَا لَبَلَٰغٗا لِّقَوۡمٍ عَٰبِدِينَ
Dhugumatti, (Qur’aana) kana keessa ergaa ga'aa ta’etu orma (Rabbiin) gabbaraniif jira.
அரபு விரிவுரைகள்:
وَمَآ أَرۡسَلۡنَٰكَ إِلَّا رَحۡمَةٗ لِّلۡعَٰلَمِينَ
Aalama (hundaaf) rahmata taasifnee malee (waan) si hin ergine.
அரபு விரிவுரைகள்:
قُلۡ إِنَّمَا يُوحَىٰٓ إِلَيَّ أَنَّمَآ إِلَٰهُكُمۡ إِلَٰهٞ وَٰحِدٞۖ فَهَلۡ أَنتُم مُّسۡلِمُونَ
(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Ani wanti gara kiyyatti wahyii godhamu ‘dhugaan gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha’ (kan jedhuu dha)Sila isin Muslimoota hin taatanuu ree?”
அரபு விரிவுரைகள்:
فَإِن تَوَلَّوۡاْ فَقُلۡ ءَاذَنتُكُمۡ عَلَىٰ سَوَآءٖۖ وَإِنۡ أَدۡرِيٓ أَقَرِيبٌ أَم بَعِيدٞ مَّا تُوعَدُونَ
Yoo gara galan “Ani ifaan ifatti isin beeksise, Ani wanti waadaa isiniif galame dhihoo moo, fagoo ta’aa isaa hin beeku” jedhi.
அரபு விரிவுரைகள்:
إِنَّهُۥ يَعۡلَمُ ٱلۡجَهۡرَ مِنَ ٱلۡقَوۡلِ وَيَعۡلَمُ مَا تَكۡتُمُونَ
Dhugumatti, Inni jecha ol fuudhamaa ni beeka, Waan isin dhoksitanis ni beeka.
அரபு விரிவுரைகள்:
وَإِنۡ أَدۡرِي لَعَلَّهُۥ فِتۡنَةٞ لَّكُمۡ وَمَتَٰعٌ إِلَىٰ حِينٖ
Ani inni (an isinitti himu kun) mokkoroo isiniif ta’uufi qananii yeroo gabaabaa (isiniif) ta’aa hin beeku.
அரபு விரிவுரைகள்:
قَٰلَ رَبِّ ٱحۡكُم بِٱلۡحَقِّۗ وَرَبُّنَا ٱلرَّحۡمَٰنُ ٱلۡمُسۡتَعَانُ عَلَىٰ مَا تَصِفُونَ
(Muhammad) ni jedhe: “(Yaa) Rabbi! (Anaafi warra ana sobsiisan giddutti) dhugaan murtii godhi, Gooftaan keenya Rahmaani, waan isin jettan irratti gargaarsifatamaadha.
அரபு விரிவுரைகள்:
 
மொழிபெயர்ப்பு அத்தியாயம்: அல்அன்பியா
அத்தியாயங்களின் அட்டவணை பக்க எண்
 
அல்குர்ஆன் மொழிபெயர்ப்பு - ஓரோமோ மொழிபெயர்ப்பு - காலி அபாபூர் - மொழிபெயர்ப்பு அட்டவணை

காலி அபாபூர் அபாகூனா மொழிபெயர்த்தார்.

மூடுக