Check out the new design

แปล​ความหมาย​อัลกุรอาน​ - คำแปลภาษาโอโรโม - ฆอลีย์ อะบาบูร * - สารบัญ​คำแปล

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

แปลความหมาย​ สูเราะฮ์: Al-‘Ankabūt   อายะฮ์:
وَلَمَّا جَآءَتۡ رُسُلُنَآ إِبۡرَٰهِيمَ بِٱلۡبُشۡرَىٰ قَالُوٓاْ إِنَّا مُهۡلِكُوٓاْ أَهۡلِ هَٰذِهِ ٱلۡقَرۡيَةِۖ إِنَّ أَهۡلَهَا كَانُواْ ظَٰلِمِينَ
Yeroma ergamtoonni keenya oduu gammachiisaan Ibraahiimitti dhufan “nuti dhugumatti, jiraattota magaalaa tanaa balleessoodha. waan warri ishee miidhaa hojjattoota ta’aniif” jedhan.
ตัฟสีรต่างๆ​ ภาษาอาหรับ:
قَالَ إِنَّ فِيهَا لُوطٗاۚ قَالُواْ نَحۡنُ أَعۡلَمُ بِمَن فِيهَاۖ لَنُنَجِّيَنَّهُۥ وَأَهۡلَهُۥٓ إِلَّا ٱمۡرَأَتَهُۥ كَانَتۡ مِنَ ٱلۡغَٰبِرِينَ
(Ibraahiimis) “Luux ishee keessa jira” jedhe. (Maleykonnis) “nuti nama ishee keessa jiru akkaan beekna; dhugumatti, isaafi maatii isaa ni baraarsina haadha manaa isaa tan warra hafan keessatti taatu malee ” jedhan.
ตัฟสีรต่างๆ​ ภาษาอาหรับ:
وَلَمَّآ أَن جَآءَتۡ رُسُلُنَا لُوطٗا سِيٓءَ بِهِمۡ وَضَاقَ بِهِمۡ ذَرۡعٗاۖ وَقَالُواْ لَا تَخَفۡ وَلَا تَحۡزَنۡ إِنَّا مُنَجُّوكَ وَأَهۡلَكَ إِلَّا ٱمۡرَأَتَكَ كَانَتۡ مِنَ ٱلۡغَٰبِرِينَ
Yeroma ergamtoonni keenya Luuxitti dhufan isaaniif yaadda’ee qomti isaas isaaniif dhiphatte. Isaanis “hin sodaatin; hin yaadda’inis. nuti siifi maatii kee nagaa baasoodha. niitiin tee malee isheen warra (adaba keessatti) hafan irraa taate” jedhan.
ตัฟสีรต่างๆ​ ภาษาอาหรับ:
إِنَّا مُنزِلُونَ عَلَىٰٓ أَهۡلِ هَٰذِهِ ٱلۡقَرۡيَةِ رِجۡزٗا مِّنَ ٱلسَّمَآءِ بِمَا كَانُواْ يَفۡسُقُونَ
“Nuti jiraattota magaalaa tanaa irratti samii irraa adabbii cimaa buusoodha waan isaan finciltoota ta’aniif” jedhan
ตัฟสีรต่างๆ​ ภาษาอาหรับ:
وَلَقَد تَّرَكۡنَا مِنۡهَآ ءَايَةَۢ بَيِّنَةٗ لِّقَوۡمٖ يَعۡقِلُونَ
Dhugumatti, Nuti ishee irraa namoota sammuu qabaniif mallattoo ifa taate hanbifnee jirra.
ตัฟสีรต่างๆ​ ภาษาอาหรับ:
وَإِلَىٰ مَدۡيَنَ أَخَاهُمۡ شُعَيۡبٗا فَقَالَ يَٰقَوۡمِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ وَٱرۡجُواْ ٱلۡيَوۡمَ ٱلۡأٓخِرَ وَلَا تَعۡثَوۡاْ فِي ٱلۡأَرۡضِ مُفۡسِدِينَ
Gara (ummata) Madyanis obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee jirra) Innis “Yaa ummata kiyya! Allaah qofa gabbaraa. Guyyaa Aakhiraas kajelaa. Balleessitoota taataniis badii dachii keessa hin tamsaasinaa” jedheen.
ตัฟสีรต่างๆ​ ภาษาอาหรับ:
فَكَذَّبُوهُ فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلرَّجۡفَةُ فَأَصۡبَحُواْ فِي دَارِهِمۡ جَٰثِمِينَ
Isa kijibsiisan. Kirkirri (sochiin) lafaas isaan qabatte, Yoosuu ganda isaanii keessatti jilbeenfatanii dhumanii bulan.
ตัฟสีรต่างๆ​ ภาษาอาหรับ:
وَعَادٗا وَثَمُودَاْ وَقَد تَّبَيَّنَ لَكُم مِّن مَّسَٰكِنِهِمۡۖ وَزَيَّنَ لَهُمُ ٱلشَّيۡطَٰنُ أَعۡمَٰلَهُمۡ فَصَدَّهُمۡ عَنِ ٱلسَّبِيلِ وَكَانُواْ مُسۡتَبۡصِرِينَ
Aadiifi Samuudiinis ni balleessine; (Isaan balleessuun keenyas) gandoota isaanii irraa ifa isiniif ta’ee jira. shayxaanni hojiilee isaanii isaaniif miidhagsee, karaa haqaa irraa isaan deebse, Odoo kan argan ta’anii jiranuu.
ตัฟสีรต่างๆ​ ภาษาอาหรับ:
 
แปลความหมาย​ สูเราะฮ์: Al-‘Ankabūt
สารบัญสูเราะฮ์ หมายเลข​หน้า​
 
แปล​ความหมาย​อัลกุรอาน​ - คำแปลภาษาโอโรโม - ฆอลีย์ อะบาบูร - สารบัญ​คำแปล

ฉบับบแปลโดย ฆอลีย์ อะบาบูร อะบาโฆนา

ปิด