Check out the new design

Salin ng mga Kahulugan ng Marangal na Qur'an - Salin sa Wikang Oromo ni Ghaly Ababour * - Indise ng mga Salin

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Salin ng mga Kahulugan Surah: Yūsuf   Ayah:
وَٱتَّبَعۡتُ مِلَّةَ ءَابَآءِيٓ إِبۡرَٰهِيمَ وَإِسۡحَٰقَ وَيَعۡقُوبَۚ مَا كَانَ لَنَآ أَن نُّشۡرِكَ بِٱللَّهِ مِن شَيۡءٖۚ ذَٰلِكَ مِن فَضۡلِ ٱللَّهِ عَلَيۡنَا وَعَلَى ٱلنَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَشۡكُرُونَ
Amantii abboota kiyya Ibraahiim, Isihaaqiifi Ya’aquubis hordofeera. Waan tokkos Rabbitti qindeessuun nuuf hin taane. Kuni tola Rabbii kan nuufi namoota (hunda) irratti tahe. Garuu irra hedduun namootaa (Rabbiin) hin galateeffatanu.
Ang mga Tafsir na Arabe:
يَٰصَٰحِبَيِ ٱلسِّجۡنِ ءَأَرۡبَابٞ مُّتَفَرِّقُونَ خَيۡرٌ أَمِ ٱللَّهُ ٱلۡوَٰحِدُ ٱلۡقَهَّارُ
Yaa hiriyoota kiyya lamaan kan mana hidhaa! Sila gooftota adda addaa (baay’ee) moo Rabbii tokkicha hunda mo’ataa ta’etu caala?
Ang mga Tafsir na Arabe:
مَا تَعۡبُدُونَ مِن دُونِهِۦٓ إِلَّآ أَسۡمَآءٗ سَمَّيۡتُمُوهَآ أَنتُمۡ وَءَابَآؤُكُم مَّآ أَنزَلَ ٱللَّهُ بِهَا مِن سُلۡطَٰنٍۚ إِنِ ٱلۡحُكۡمُ إِلَّا لِلَّهِ أَمَرَ أَلَّا تَعۡبُدُوٓاْ إِلَّآ إِيَّاهُۚ ذَٰلِكَ ٱلدِّينُ ٱلۡقَيِّمُ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ
Maqoota isiniifi abbootiin keessan moggaaftan malee Rabbii gaditti waan biraa gabbaraa hin jirtanu. Rabbiin ishee (gabbaruu) tti ragaa tokkos hin buufne; murtiin Rabbiif malee eenyuufuu hintaane. Isa malee akka hin gabbarre ajajeera. Kun amantii gadi dhaabbataadha. Garuu irra hedduun namaa hin beekanu.
Ang mga Tafsir na Arabe:
يَٰصَٰحِبَيِ ٱلسِّجۡنِ أَمَّآ أَحَدُكُمَا فَيَسۡقِي رَبَّهُۥ خَمۡرٗاۖ وَأَمَّا ٱلۡأٓخَرُ فَيُصۡلَبُ فَتَأۡكُلُ ٱلطَّيۡرُ مِن رَّأۡسِهِۦۚ قُضِيَ ٱلۡأَمۡرُ ٱلَّذِي فِيهِ تَسۡتَفۡتِيَانِ
Yaa hiriyoota kiyya kan mana hidhaa! Egaa isin lamaan keessaa tokko gooftaa (mootii) isaa farshoo obaasa, Inni biraa immoo fannifameeti allaattiin mataa isaa irraa nyaatti, Dhimmi inni isin isa keessatti hiika gaafattan murtaa’ee jira.”
Ang mga Tafsir na Arabe:
وَقَالَ لِلَّذِي ظَنَّ أَنَّهُۥ نَاجٖ مِّنۡهُمَا ٱذۡكُرۡنِي عِندَ رَبِّكَ فَأَنسَىٰهُ ٱلشَّيۡطَٰنُ ذِكۡرَ رَبِّهِۦ فَلَبِثَ فِي ٱلسِّجۡنِ بِضۡعَ سِنِينَ
Issaan lamaan keessaa isa (nagaa) baha jedhee yaadeen “Gooftaa kee biratti na dubbadhu” jedheen, Gooftaa isaatti dubbachuu sheyxaanni isa dagachiise, Waggaa muraasa mana hidhaa keessa ture.[1]
[1] yuusuf namticha hidhaa bahutti dhaammate, badii malee hidhamuu kiyya mootichatti naahimi akka nahiiku jedheen, garuu namticha sheyxaanni dagachiise, hinhimneef, saniin yuusuf hidhaa keessa ture.
Ang mga Tafsir na Arabe:
وَقَالَ ٱلۡمَلِكُ إِنِّيٓ أَرَىٰ سَبۡعَ بَقَرَٰتٖ سِمَانٖ يَأۡكُلُهُنَّ سَبۡعٌ عِجَافٞ وَسَبۡعَ سُنۢبُلَٰتٍ خُضۡرٖ وَأُخَرَ يَابِسَٰتٖۖ يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡمَلَأُ أَفۡتُونِي فِي رُءۡيَٰيَ إِن كُنتُمۡ لِلرُّءۡيَا تَعۡبُرُونَ
Mootichis ni jedhe: “Dhugumatti, ani sa’oota gabbataa ta’an torba kan (sa’oonni) huqqatoo ta’an torba nyaatan, akkasumas sootalloo (mataa midhaanii) magariisa torbaafi kan biraas gogaa (torba) abjuu keessatti argeera. Yaa qondaaltota (kiyya)! yoo kan manaama hiiktanu taataniif manaama kiyya kana naaf hiikaa”.
Ang mga Tafsir na Arabe:
 
Salin ng mga Kahulugan Surah: Yūsuf
Indise ng mga Surah Numero ng Pahina
 
Salin ng mga Kahulugan ng Marangal na Qur'an - Salin sa Wikang Oromo ni Ghaly Ababour - Indise ng mga Salin

Isinalin ito ni Ghaly Ababour Abaghuna.

Isara