Check out the new design

Bản dịch ý nghĩa nội dung Qur'an - Bản dịch tiếng Oromo - Gali Ababur * - Mục lục các bản dịch

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Ý nghĩa nội dung Chương: Fatir   Câu:
وَٱلَّذِيٓ أَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡكَ مِنَ ٱلۡكِتَٰبِ هُوَ ٱلۡحَقُّ مُصَدِّقٗا لِّمَا بَيۡنَ يَدَيۡهِۗ إِنَّ ٱللَّهَ بِعِبَادِهِۦ لَخَبِيرُۢ بَصِيرٞ
Kitaaba (Qur’aana) irraa waani Nuti gara keetti buufne isatu dhugaadha, (kitaabban) isa duraa kan dhugoomsuudha. Rabbiin gabroota isaa akkaan beekaa argaadha.
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
ثُمَّ أَوۡرَثۡنَا ٱلۡكِتَٰبَ ٱلَّذِينَ ٱصۡطَفَيۡنَا مِنۡ عِبَادِنَاۖ فَمِنۡهُمۡ ظَالِمٞ لِّنَفۡسِهِۦ وَمِنۡهُم مُّقۡتَصِدٞ وَمِنۡهُمۡ سَابِقُۢ بِٱلۡخَيۡرَٰتِ بِإِذۡنِ ٱللَّهِۚ ذَٰلِكَ هُوَ ٱلۡفَضۡلُ ٱلۡكَبِيرُ
Ergasii kitaabicha (Qur’aana kana) isaan gabroota keenya keessaa filanne dhaalchifnee jirra. Isaan irraa nama lubbuu ofii miidhutu jira; isaan irraas nama karaa giddu galeessaa filatutu jira. Isaan irraas warra hayyama Rabbiitiin hojiiwwan gaggaarii irratti dursantu jira. Sun isumatu tola guddaadha.
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
جَنَّٰتُ عَدۡنٖ يَدۡخُلُونَهَا يُحَلَّوۡنَ فِيهَا مِنۡ أَسَاوِرَ مِن ذَهَبٖ وَلُؤۡلُؤٗاۖ وَلِبَاسُهُمۡ فِيهَا حَرِيرٞ
Jannata qubannaa kan ishee seenan, ishee keessattis gumeewwan warqee irraa ta’aniifi faaya uffifamantu (isaaniif jira). Uffanni isaaniis ishee keessatti hariira
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
وَقَالُواْ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ ٱلَّذِيٓ أَذۡهَبَ عَنَّا ٱلۡحَزَنَۖ إِنَّ رَبَّنَا لَغَفُورٞ شَكُورٌ
Ni jedhu: “faaruun kan Rabbii gadda nurraa deemsiseeti. Gooftaan keenya araaramaa, galateeffataadha.
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
ٱلَّذِيٓ أَحَلَّنَا دَارَ ٱلۡمُقَامَةِ مِن فَضۡلِهِۦ لَا يَمَسُّنَا فِيهَا نَصَبٞ وَلَا يَمَسُّنَا فِيهَا لُغُوبٞ
(Inni) Isa tola Isa irraa ta’een mana jireenyaa nu qubachiiseedha. kan ishee keessatti rakkoon nu hin tuqneefi kan ishee keessattis dadhabbiin nu hin tuqne keessa.
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَهُمۡ نَارُ جَهَنَّمَ لَا يُقۡضَىٰ عَلَيۡهِمۡ فَيَمُوتُواْ وَلَا يُخَفَّفُ عَنۡهُم مِّنۡ عَذَابِهَاۚ كَذَٰلِكَ نَجۡزِي كُلَّ كَفُورٖ
Isaan kafaran ibidda jahannamtu isaaniif jira. Isaanitti murteeffamtees hin du’anu. adabbii ishee irraas homtuu isaan irraa hin salphifamu. akka kanatti haalaan kafaraa hundaa galata galchina.
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
وَهُمۡ يَصۡطَرِخُونَ فِيهَا رَبَّنَآ أَخۡرِجۡنَا نَعۡمَلۡ صَٰلِحًا غَيۡرَ ٱلَّذِي كُنَّا نَعۡمَلُۚ أَوَلَمۡ نُعَمِّرۡكُم مَّا يَتَذَكَّرُ فِيهِ مَن تَذَكَّرَ وَجَآءَكُمُ ٱلنَّذِيرُۖ فَذُوقُواْ فَمَا لِلظَّٰلِمِينَ مِن نَّصِيرٍ
Isaan ishee keessaa waywaatu “(Yaa) Gooftaa keenya! Isa duraan hojjachaa turreen ala toltuu hojjennaa nu baasi” jechuun. “Sila (umrii dheeraa) namni gorfamuu fedhe isa keessatti gorfamuu danda’u isin hin jiraachifnee? akeekkachiisaanis isinitti hin dhufnee? (Adaba kiyya) dhandhamaa; miidhaa hojjattootaaf tumsarraa homaa hin jiru.”
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
إِنَّ ٱللَّهَ عَٰلِمُ غَيۡبِ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ إِنَّهُۥ عَلِيمُۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ
Dhugumatti, Rabbiin beekaa fagoo samiifi dachiiti. Inni beekaa wantoota qoma keessa jiraniiti.
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
 
Ý nghĩa nội dung Chương: Fatir
Mục lục các chương Kinh Số trang
 
Bản dịch ý nghĩa nội dung Qur'an - Bản dịch tiếng Oromo - Gali Ababur - Mục lục các bản dịch

Người dịch Gali Ababur Abagona.

Đóng lại