Check out the new design

Bản dịch ý nghĩa nội dung Qur'an - Bản dịch tiếng Oromo - Gali Ababur * - Mục lục các bản dịch

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Ý nghĩa nội dung Chương: Yasin   Câu:
إِنَّ أَصۡحَٰبَ ٱلۡجَنَّةِ ٱلۡيَوۡمَ فِي شُغُلٖ فَٰكِهُونَ
Warri jannataa har’a dalagaan qabamanii gammachuun guutamoodha.
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
هُمۡ وَأَزۡوَٰجُهُمۡ فِي ظِلَٰلٍ عَلَى ٱلۡأَرَآئِكِ مُتَّكِـُٔونَ
Isaaniifi niitiiwwan isaaniis gaaddisoowwaa keessatti, sireewwan irratti hirkatoodha.
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
لَهُمۡ فِيهَا فَٰكِهَةٞ وَلَهُم مَّا يَدَّعُونَ
Isaaniif ishee keessatti fuduraaleetu jira. Wanti isaan yaammatan hunduu isaaniif jira.
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
سَلَٰمٞ قَوۡلٗا مِّن رَّبّٖ رَّحِيمٖ
Salaamtaan Rabbii abbaa rahmataa irraa isaaniin jedhama.
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
وَٱمۡتَٰزُواْ ٱلۡيَوۡمَ أَيُّهَا ٱلۡمُجۡرِمُونَ
“Isin yaa yakkamtootaa! Har’a (Mu’uminootaan) adda ba’aa” (isaaniin jedhama).
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
۞ أَلَمۡ أَعۡهَدۡ إِلَيۡكُمۡ يَٰبَنِيٓ ءَادَمَ أَن لَّا تَعۡبُدُواْ ٱلشَّيۡطَٰنَۖ إِنَّهُۥ لَكُمۡ عَدُوّٞ مُّبِينٞ
“Yaa ilmaan Aadam! Sheyxaana hin gabbarinaa; inni isiniif diina ifa ba’aadha” jechuun waadaa gara keessanitti hin dabarsinee?
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
وَأَنِ ٱعۡبُدُونِيۚ هَٰذَا صِرَٰطٞ مُّسۡتَقِيمٞ
“Ana gabbaraa; kanatu karaa qajeelaadha” (isiniin hin jennee)?
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
وَلَقَدۡ أَضَلَّ مِنكُمۡ جِبِلّٗا كَثِيرًاۖ أَفَلَمۡ تَكُونُواْ تَعۡقِلُونَ
Dhugumatti (sheyxaanni) isin irraa uumama baay’ee jalliseera. Sila isin sammuu hin qabdanuu?
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
هَٰذِهِۦ جَهَنَّمُ ٱلَّتِي كُنتُمۡ تُوعَدُونَ
“Isheen tun jahannama ishee waadaa isiniif galamaa turteedha.
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
ٱصۡلَوۡهَا ٱلۡيَوۡمَ بِمَا كُنتُمۡ تَكۡفُرُونَ
Waan kafaraa turtaniif har’a ishee seenaa” (jedhamaani).
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
ٱلۡيَوۡمَ نَخۡتِمُ عَلَىٰٓ أَفۡوَٰهِهِمۡ وَتُكَلِّمُنَآ أَيۡدِيهِمۡ وَتَشۡهَدُ أَرۡجُلُهُم بِمَا كَانُواْ يَكۡسِبُونَ
Har’a afaanoowwan isaanii ni cufna; harkoowwan isaanii Nutti dubbatti; miilloowwan isaaniis waan isaan hojjataa turan ragaa baati.
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
وَلَوۡ نَشَآءُ لَطَمَسۡنَا عَلَىٰٓ أَعۡيُنِهِمۡ فَٱسۡتَبَقُواْ ٱلصِّرَٰطَ فَأَنَّىٰ يُبۡصِرُونَ
Odoo feenee ijaalee isaanii haqna turre. Gama karaatti wal dorgomu; akkamitti argu!
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
وَلَوۡ نَشَآءُ لَمَسَخۡنَٰهُمۡ عَلَىٰ مَكَانَتِهِمۡ فَمَا ٱسۡتَطَٰعُواْ مُضِيّٗا وَلَا يَرۡجِعُونَ
Odoo feenee iddoowwan isaanii irratti gara uumama biraatti isaan jijjiirras turre. Isaan duratti deemuus ta’ee duubatti deebi’uu hin danda’anu.
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
وَمَن نُّعَمِّرۡهُ نُنَكِّسۡهُ فِي ٱلۡخَلۡقِۚ أَفَلَا يَعۡقِلُونَ
Nama umrii dheeressine uumaa kessatti isa gadi dabsina Sila qalbiin hin yaadanuu?
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
وَمَا عَلَّمۡنَٰهُ ٱلشِّعۡرَ وَمَا يَنۢبَغِي لَهُۥٓۚ إِنۡ هُوَ إِلَّا ذِكۡرٞ وَقُرۡءَانٞ مُّبِينٞ
Nuti isa (Nabiyyii) walaloo hin barsiifne; isaafis hin malu. Inni yaadannoofi Qur’aana ifa galaa malee waan biraa miti.
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
لِّيُنذِرَ مَن كَانَ حَيّٗا وَيَحِقَّ ٱلۡقَوۡلُ عَلَى ٱلۡكَٰفِرِينَ
Akka inni nama jiraa ta’e akeekkachiisuufi kaafiroota irratti jechi (adabbii) mirkanaa’uuf (isa buufne).[1]
[1] ka qalbiin isaa iimaanaan jiratte jechuutu itti fedhame.
Các Tafsir tiếng Ả-rập:
 
Ý nghĩa nội dung Chương: Yasin
Mục lục các chương Kinh Số trang
 
Bản dịch ý nghĩa nội dung Qur'an - Bản dịch tiếng Oromo - Gali Ababur - Mục lục các bản dịch

Người dịch Gali Ababur Abagona.

Đóng lại