Check out the new design

《古兰经》译解 - 奥罗莫语翻译 - 哈里·艾巴布勒。 * - 译解目录

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

含义的翻译 章: 塔哈   段:
وَلَقَدۡ أَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنۡ أَسۡرِ بِعِبَادِي فَٱضۡرِبۡ لَهُمۡ طَرِيقٗا فِي ٱلۡبَحۡرِ يَبَسٗا لَّا تَخَٰفُ دَرَكٗا وَلَا تَخۡشَىٰ
Dhugumatti, gara Muusaa beeysifne “Gabroota kiyyaan halkaniin deemi! Isaaniif galaana keessatti karaa gogaa taasisi; (Fir’awn) si dhaqqabuufi (bishaaniin nyaatamuu) hin sodaattu” jechuudhaan.
阿拉伯语经注:
فَأَتۡبَعَهُمۡ فِرۡعَوۡنُ بِجُنُودِهِۦ فَغَشِيَهُم مِّنَ ٱلۡيَمِّ مَا غَشِيَهُمۡ
Fir’awni waraana isaa waliin isaan hordofe; galaanicha irraa wanti isaan haguuge isaan haguuge.
阿拉伯语经注:
وَأَضَلَّ فِرۡعَوۡنُ قَوۡمَهُۥ وَمَا هَدَىٰ
Fir’awni ummata isaa ni jallise (isaan) hin qajeelchine.
阿拉伯语经注:
يَٰبَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ قَدۡ أَنجَيۡنَٰكُم مِّنۡ عَدُوِّكُمۡ وَوَٰعَدۡنَٰكُمۡ جَانِبَ ٱلطُّورِ ٱلۡأَيۡمَنَ وَنَزَّلۡنَا عَلَيۡكُمُ ٱلۡمَنَّ وَٱلسَّلۡوَىٰ
Yaa ilmaan Israa’iil! Dhugumatti Nuti diinota keessan jalaa isin baraarsinee, moggaa mirga gaara Xuur irratti waadaa isinii goonee, waan mi’aawaa damma fakkaatuufi foon allaattii isin irratti buufnee jirra.
阿拉伯语经注:
كُلُواْ مِن طَيِّبَٰتِ مَا رَزَقۡنَٰكُمۡ وَلَا تَطۡغَوۡاْ فِيهِ فَيَحِلَّ عَلَيۡكُمۡ غَضَبِيۖ وَمَن يَحۡلِلۡ عَلَيۡهِ غَضَبِي فَقَدۡ هَوَىٰ
Wantoota gaggaarii Nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa, isa keessattis daangaa hin dabrinaa (hinjallatinaa); (yoo jallattan) dallansuu kiyyatu isin irratti bu’a, Namni dallansuun kiyya isa irratti bu’e, dhugumatti, bade.
阿拉伯语经注:
وَإِنِّي لَغَفَّارٞ لِّمَن تَابَ وَءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحٗا ثُمَّ ٱهۡتَدَىٰ
Ani akkaan araaramaadha nama tawbatee, amanee, gaggaarii hojjatee, sana booda (hanga du’utti) karaa qajeelaa qabateef
阿拉伯语经注:
۞ وَمَآ أَعۡجَلَكَ عَن قَوۡمِكَ يَٰمُوسَىٰ
“Ummata kee biraa maaltu si jarjarse? Yaa Muusaa!” (jedheen).
阿拉伯语经注:
قَالَ هُمۡ أُوْلَآءِ عَلَىٰٓ أَثَرِي وَعَجِلۡتُ إِلَيۡكَ رَبِّ لِتَرۡضَىٰ
(Muusaan) ni jedhe: “Kuunnoo isaan faana kiyya irra jiru, Yaa Gooftaa kiyya! Akka Ati (na irraa) jaallattuufiin gara kee jarjare.”
阿拉伯语经注:
قَالَ فَإِنَّا قَدۡ فَتَنَّا قَوۡمَكَ مِنۢ بَعۡدِكَ وَأَضَلَّهُمُ ٱلسَّامِرِيُّ
(Rabbiin) ni jedhe: “Nuti dhugumatti, ummata kee siboodaa (bakka ati hin jirretti) mokkorree jirra; Saamiriyyichis isaan jallise.”
阿拉伯语经注:
فَرَجَعَ مُوسَىٰٓ إِلَىٰ قَوۡمِهِۦ غَضۡبَٰنَ أَسِفٗاۚ قَالَ يَٰقَوۡمِ أَلَمۡ يَعِدۡكُمۡ رَبُّكُمۡ وَعۡدًا حَسَنًاۚ أَفَطَالَ عَلَيۡكُمُ ٱلۡعَهۡدُ أَمۡ أَرَدتُّمۡ أَن يَحِلَّ عَلَيۡكُمۡ غَضَبٞ مِّن رَّبِّكُمۡ فَأَخۡلَفۡتُم مَّوۡعِدِي
Muusaan gara ummata isaa, dallanaa, gaddaa deebi’ee nijedhe “Yaa ummata kiyya! Sila Rabbiin keessan waadaa gaarii isiniif hin seennee? (Yeroo) beellamichaatu isinitti dheeratemoo? Dallansuun gooftaa keessan irraa isinitti bu’uu feetaniiti waadaa kiyya diigdanii?”
阿拉伯语经注:
قَالُواْ مَآ أَخۡلَفۡنَا مَوۡعِدَكَ بِمَلۡكِنَا وَلَٰكِنَّا حُمِّلۡنَآ أَوۡزَارٗا مِّن زِينَةِ ٱلۡقَوۡمِ فَقَذَفۡنَٰهَا فَكَذَٰلِكَ أَلۡقَى ٱلسَّامِرِيُّ
[Isaan] ni jedhan: “Waadaa siif seenne fedha keenyaan hin diigne, Garuu nuti ba’aa (faaya) bareedumaa kan warra (Fir’awn) baachifamneeti, (ibidda keessatti) ishee darbine, Akkuma nuti darbinetti, Saamiriyyichis darbe.”
阿拉伯语经注:
 
含义的翻译 章: 塔哈
章节目录 页码
 
《古兰经》译解 - 奥罗莫语翻译 - 哈里·艾巴布勒。 - 译解目录

哈里·艾巴布勒·艾巴胡纳翻译。

关闭