Check out the new design

《古兰经》译解 - 奥罗莫语翻译 - 哈里·艾巴布勒。 * - 译解目录

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

含义的翻译 章: 盖萨斯   段:
وَمَآ أُوتِيتُم مِّن شَيۡءٖ فَمَتَٰعُ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا وَزِينَتُهَاۚ وَمَا عِندَ ٱللَّهِ خَيۡرٞ وَأَبۡقَىٰٓۚ أَفَلَا تَعۡقِلُونَ
Wantoota irraa kan isiniif kenname hundi mi’a (meeshaa) jireenya addunyaatiifi miidhagina ishee qofa. Wanta Allaah bira jirutu akkaan caalaafi hafaadha, Sila hin xiinxaltanuu?
阿拉伯语经注:
أَفَمَن وَعَدۡنَٰهُ وَعۡدًا حَسَنٗا فَهُوَ لَٰقِيهِ كَمَن مَّتَّعۡنَٰهُ مَتَٰعَ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا ثُمَّ هُوَ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ مِنَ ٱلۡمُحۡضَرِينَ
Sila namni Nuti waadaa gaarii (jannata) waadaa isaaf gallee inni kan isa qunnamu ta’e, akka nama qananii jireenya addunyaa isa qanansiifnee sana booda inni Guyyaa Qiyaamaa warra [jahannam irra] fidamoo irraa ta’uutii?
阿拉伯语经注:
وَيَوۡمَ يُنَادِيهِمۡ فَيَقُولُ أَيۡنَ شُرَكَآءِيَ ٱلَّذِينَ كُنتُمۡ تَزۡعُمُونَ
Guyyaa [Rabbiin] “Hiriyoonni kiyya kan isin dubbataa turtan sun eessa jiru?” jechuun isaanitti lallabu san [yaadadhu].
阿拉伯语经注:
قَالَ ٱلَّذِينَ حَقَّ عَلَيۡهِمُ ٱلۡقَوۡلُ رَبَّنَا هَٰٓؤُلَآءِ ٱلَّذِينَ أَغۡوَيۡنَآ أَغۡوَيۡنَٰهُمۡ كَمَا غَوَيۡنَاۖ تَبَرَّأۡنَآ إِلَيۡكَۖ مَا كَانُوٓاْ إِيَّانَا يَعۡبُدُونَ
Warri jechi (adabbiin) isaan irratti mirkanaa’e “Yaa Rabbii keenya! Isaan kun warra nuti jallifneedha, Akkuma ofii jallannetti isaan jallifne, Nuti gara keetti quulqulloofnee, isaan kun nu gabbaraa hin turre” jedhan.
阿拉伯语经注:
وَقِيلَ ٱدۡعُواْ شُرَكَآءَكُمۡ فَدَعَوۡهُمۡ فَلَمۡ يَسۡتَجِيبُواْ لَهُمۡ وَرَأَوُاْ ٱلۡعَذَابَۚ لَوۡ أَنَّهُمۡ كَانُواْ يَهۡتَدُونَ
“Shariikota keessan waammadhaa” jedhameeni, Isaan ni waammatu; jarris isaaniif hin owwaatanu, adabbii [ibiddaas] ni argan. Odoo qajeeluun isaanii argameera ta’ee [adabbii hin argan turan].
阿拉伯语经注:
وَيَوۡمَ يُنَادِيهِمۡ فَيَقُولُ مَاذَآ أَجَبۡتُمُ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Guyyaa [Rabbiin] isaanitti lallabee “Ergamtootaaf maal deebiftan?” jedhu [yaadadhu].
阿拉伯语经注:
فَعَمِيَتۡ عَلَيۡهِمُ ٱلۡأَنۢبَآءُ يَوۡمَئِذٖ فَهُمۡ لَا يَتَسَآءَلُونَ
Guyyaa san oduuleen isaan jalaa dhokatti, Isaan walis hin gaafatanu.
阿拉伯语经注:
فَأَمَّا مَن تَابَ وَءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحٗا فَعَسَىٰٓ أَن يَكُونَ مِنَ ٱلۡمُفۡلِحِينَ
Namni tawbatee, [Rabbitti] amanee, gaarii hojjate milkaa’ota irraa ta’uun isaa mirkanaa’aadha.
阿拉伯语经注:
وَرَبُّكَ يَخۡلُقُ مَا يَشَآءُ وَيَخۡتَارُۗ مَا كَانَ لَهُمُ ٱلۡخِيَرَةُۚ سُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ وَتَعَٰلَىٰ عَمَّا يُشۡرِكُونَ
Rabbiin kee waan fedhe uuma; ni filatas, Isaaniif garuu filannoon hin jiru. Allaahn waan isaan itti dabalan irraa qulqullaa’ee ol ta’eera.
阿拉伯语经注:
وَرَبُّكَ يَعۡلَمُ مَا تُكِنُّ صُدُورُهُمۡ وَمَا يُعۡلِنُونَ
Rabbiin kee waan qomoowwan isaanii dhoksituufi waan isaan mul’isanis ni beeka.
阿拉伯语经注:
وَهُوَ ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ لَهُ ٱلۡحَمۡدُ فِي ٱلۡأُولَىٰ وَٱلۡأٓخِرَةِۖ وَلَهُ ٱلۡحُكۡمُ وَإِلَيۡهِ تُرۡجَعُونَ
Inni Allaahdha, Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Faaruun hundi duraafii (addunyaafi) booda (Aakhiraa) keessatti kan Isaati. Murtiinis kan Isaati, Garuma Isaa qofa deebifamtu.
阿拉伯语经注:
 
含义的翻译 章: 盖萨斯
章节目录 页码
 
《古兰经》译解 - 奥罗莫语翻译 - 哈里·艾巴布勒。 - 译解目录

哈里·艾巴布勒·艾巴胡纳翻译。

关闭