Check out the new design

আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ * - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

অৰ্থানুবাদ ছুৰা: ত্বা-হা   আয়াত:
إِذۡ أَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰٓ أُمِّكَ مَا يُوحَىٰٓ
Yeroo waan beeksifamu gara haadha teetii (wahyii) beeysifne.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
أَنِ ٱقۡذِفِيهِ فِي ٱلتَّابُوتِ فَٱقۡذِفِيهِ فِي ٱلۡيَمِّ فَلۡيُلۡقِهِ ٱلۡيَمُّ بِٱلسَّاحِلِ يَأۡخُذۡهُ عَدُوّٞ لِّي وَعَدُوّٞ لَّهُۥۚ وَأَلۡقَيۡتُ عَلَيۡكَ مَحَبَّةٗ مِّنِّي وَلِتُصۡنَعَ عَلَىٰ عَيۡنِيٓ
Sanduuqa keessa isa (daa’ima) kaayi; laga keessatti isa darbi; Lagichi moggaatti isa darbeeti diinni kiyyaafi diinni isaas isa fudhata. Jaalala Ana biraa ta’e si irratti darbeera; argaa ija tiyyaa (tika kiyya) irratti akka guddattuuf.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
إِذۡ تَمۡشِيٓ أُخۡتُكَ فَتَقُولُ هَلۡ أَدُلُّكُمۡ عَلَىٰ مَن يَكۡفُلُهُۥۖ فَرَجَعۡنَٰكَ إِلَىٰٓ أُمِّكَ كَيۡ تَقَرَّ عَيۡنُهَا وَلَا تَحۡزَنَۚ وَقَتَلۡتَ نَفۡسٗا فَنَجَّيۡنَٰكَ مِنَ ٱلۡغَمِّ وَفَتَنَّٰكَ فُتُونٗاۚ فَلَبِثۡتَ سِنِينَ فِيٓ أَهۡلِ مَدۡيَنَ ثُمَّ جِئۡتَ عَلَىٰ قَدَرٖ يَٰمُوسَىٰ
(Yaa Muusaa!) Yeroo obboleettin tee deemtee ‘Nama isa guddisu irratti isin qajeelchuu?’ jetteen [yaadadhu], gara haadha keetiitti si deebifne Akka ijji ishee tasgabbooftuufi isiin hin gaddineef jecha. Lubbuu ajjeeftee turtee yaaddoo guddaa jalaa si baraarree, mokkora cimaas si mokkorree jirra. Ergasii waggoota (baay’ee) warra Madyan keessa turtee jirta. Sana booda yeroo Ani siif murteessetti (bakka kana) dhuftee jirta; yaa Muusaa!
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَٱصۡطَنَعۡتُكَ لِنَفۡسِي
lubbuu tiyyaaf si filadheera.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
ٱذۡهَبۡ أَنتَ وَأَخُوكَ بِـَٔايَٰتِي وَلَا تَنِيَا فِي ذِكۡرِي
Atiifi obboleessi keetis mallattoolee kiyyaan deemaa; zikrii kiyya keessattis isin lachanuu hin laafinaa.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
ٱذۡهَبَآ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ إِنَّهُۥ طَغَىٰ
Isin lamaanuu gara Fir’awni deemaa; dhugumatti, inni daangaa dabree jira.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
فَقُولَا لَهُۥ قَوۡلٗا لَّيِّنٗا لَّعَلَّهُۥ يَتَذَكَّرُ أَوۡ يَخۡشَىٰ
Jecha laafaa (gaarii) isaan jedhaa. akka gorfamuuf yookiin akka sodaatuuf jecha”
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قَالَا رَبَّنَآ إِنَّنَا نَخَافُ أَن يَفۡرُطَ عَلَيۡنَآ أَوۡ أَن يَطۡغَىٰ
Isaan lamaan ni jedhan: “Gooftaa keenya! nuti adabbii cimaa nu adabuu; yookiin (nurratti) daangaa darbuu sodaanna”
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قَالَ لَا تَخَافَآۖ إِنَّنِي مَعَكُمَآ أَسۡمَعُ وَأَرَىٰ
(Rabbiin) ni jedhe: “Hin sodaatinaa, Dhugumatti, Ani isin lamaan wajjinin jira; nan dhaga’a; nan argas.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
فَأۡتِيَاهُ فَقُولَآ إِنَّا رَسُولَا رَبِّكَ فَأَرۡسِلۡ مَعَنَا بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ وَلَا تُعَذِّبۡهُمۡۖ قَدۡ جِئۡنَٰكَ بِـَٔايَةٖ مِّن رَّبِّكَۖ وَٱلسَّلَٰمُ عَلَىٰ مَنِ ٱتَّبَعَ ٱلۡهُدَىٰٓ
Isin lachanuu isa bira dhaqaa isaan jedhaa ‘Dhugumatti, nuti ergamtoota Gooftaa keetiiti; ilmaan Israa’iil nu waliin ergi; isaan hin adabin; dhugumatti, nuti mallattoon Gooftaa keetirraa sitti dhufne. Nageenyi nama qajeelfama (Rabbii) hordofe irratti taha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
إِنَّا قَدۡ أُوحِيَ إِلَيۡنَآ أَنَّ ٱلۡعَذَابَ عَلَىٰ مَن كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ
“nuti gara keenyatti wahyiin godhameera, adabbiin nama sobsiisee garagale irratti tahaadha”
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قَالَ فَمَن رَّبُّكُمَا يَٰمُوسَىٰ
(Fir’awn) “Yaa Muusaa! Gooftaan keessan eenyu?” jedhe.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قَالَ رَبُّنَا ٱلَّذِيٓ أَعۡطَىٰ كُلَّ شَيۡءٍ خَلۡقَهُۥ ثُمَّ هَدَىٰ
(Muusaan) ni jedhe: “Gooftaan keenya Isa (waan hunda) akkaataa uumama isaa isaaf kennee sana, eegasii isa qajeelcheedha.”
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قَالَ فَمَا بَالُ ٱلۡقُرُونِ ٱلۡأُولَىٰ
(Fir’awn) ni jedhe: “Haalli ummatoota darbanii hoo akkam ta’a?”
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
 
অৰ্থানুবাদ ছুৰা: ত্বা-হা
ছুৰাৰ তালিকা পৃষ্ঠা নং
 
আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

অনুবাদ কৰিছে গালী আবাবুৰ আবাগুনা চাহাবে।

বন্ধ