Check out the new design

আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ * - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

অৰ্থানুবাদ ছুৰা: ত্বা-হা   আয়াত:
فَأَخۡرَجَ لَهُمۡ عِجۡلٗا جَسَدٗا لَّهُۥ خُوَارٞ فَقَالُواْ هَٰذَآ إِلَٰهُكُمۡ وَإِلَٰهُ مُوسَىٰ فَنَسِيَ
Qaama, Jibicha (mirgoo), sagaleen barooduun isaaf jiru isaaniif baasee “Kanatu gabbaramaa keessaniifi gabbaramaa Muusaati; (Muusaan isa) irraanfateeti (barbaaduuf deeme)” jedhan.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
أَفَلَا يَرَوۡنَ أَلَّا يَرۡجِعُ إِلَيۡهِمۡ قَوۡلٗا وَلَا يَمۡلِكُ لَهُمۡ ضَرّٗا وَلَا نَفۡعٗا
Sila kan inni jecha tokkos isaaniif deebisuu dhabuufi isaan miidhuus ta’ee fayyaduu hin dandeenye ta’uu hin arganii?
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَلَقَدۡ قَالَ لَهُمۡ هَٰرُونُ مِن قَبۡلُ يَٰقَوۡمِ إِنَّمَا فُتِنتُم بِهِۦۖ وَإِنَّ رَبَّكُمُ ٱلرَّحۡمَٰنُ فَٱتَّبِعُونِي وَأَطِيعُوٓاْ أَمۡرِي
Dhugumatti, sana dura Haaruun isaaniin jedhee ture.“Yaa ummata kiyya! Inni (kun) waan isin ittiin mokkoramtaniidha, Gooftaan keessan immoo Rahmaani; na hordofaa; ajaja kiyyas tole jedhaa”
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قَالُواْ لَن نَّبۡرَحَ عَلَيۡهِ عَٰكِفِينَ حَتَّىٰ يَرۡجِعَ إِلَيۡنَا مُوسَىٰ
[Isaan] “ Nuti isa (Jibicha) gabbaruu irraa hin deemnu Hanga Muusaan gara keenya deebi’utti” jedhan.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قَالَ يَٰهَٰرُونُ مَا مَنَعَكَ إِذۡ رَأَيۡتَهُمۡ ضَلُّوٓاْ
(Muusaan) ni jedhe: “Yaa Haaruun! Yeroo jallachuu isaanii argite maaltu si dhorge?
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
أَلَّا تَتَّبِعَنِۖ أَفَعَصَيۡتَ أَمۡرِي
Ana hordofuu (maaltu si dhorge?) Moo ajaja kiyya fudhachuu didde?”
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قَالَ يَبۡنَؤُمَّ لَا تَأۡخُذۡ بِلِحۡيَتِي وَلَا بِرَأۡسِيٓۖ إِنِّي خَشِيتُ أَن تَقُولَ فَرَّقۡتَ بَيۡنَ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ وَلَمۡ تَرۡقُبۡ قَوۡلِي
(Haaruunis) nijedhe “Yaa ilma harmee tiyyaa! Areeda kiyyas ta’ee mataa kiyya na hin qabin, ‘Ati gidduu ilmaan Israa’iil addaan baafte; jecha kiyyas hin eegdu (naan) jettaan sodaadhe”.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قَالَ فَمَا خَطۡبُكَ يَٰسَٰمِرِيُّ
(Muusaan) ni jedhe: “Ati hoo yaa Saamiriyyii! Maal taate?”
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قَالَ بَصُرۡتُ بِمَا لَمۡ يَبۡصُرُواْ بِهِۦ فَقَبَضۡتُ قَبۡضَةٗ مِّنۡ أَثَرِ ٱلرَّسُولِ فَنَبَذۡتُهَا وَكَذَٰلِكَ سَوَّلَتۡ لِي نَفۡسِي
(Saamiriyyiin) nijedhe “Ani waan isaan hin beekin beekeetin, faana kottee (farda) ergamaa (Jibriil) irraa (biyyee) hammaarrii tokko fudheen ishee darbe akka kana Lubbuun tiyya naaf miidhagsite”.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قَالَ فَٱذۡهَبۡ فَإِنَّ لَكَ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ أَن تَقُولَ لَا مِسَاسَۖ وَإِنَّ لَكَ مَوۡعِدٗا لَّن تُخۡلَفَهُۥۖ وَٱنظُرۡ إِلَىٰٓ إِلَٰهِكَ ٱلَّذِي ظَلۡتَ عَلَيۡهِ عَاكِفٗاۖ لَّنُحَرِّقَنَّهُۥ ثُمَّ لَنَنسِفَنَّهُۥ فِي ٱلۡيَمِّ نَسۡفًا
(Muusaanis) ni jedhe: “Deemi jireenya keessatti ‘Nan tuqinaa jechaa jiraachuun siif tahaadha.’ ammas siif beellama ati hin hanbifamnetu siif jira. Gara gabbaramaa kee isa gabbaraa turtee ilaali, Nuti dhugumatti, isa gubna; eegasii (caccabaa isaa) galaana keessatti facaasinsa facaafna.”
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
إِنَّمَآ إِلَٰهُكُمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِي لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۚ وَسِعَ كُلَّ شَيۡءٍ عِلۡمٗا
Rabbiin keessan Allaah kan Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa hin jirre qofa. Inni waan hunda beekumsaan bal'ateera.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
 
অৰ্থানুবাদ ছুৰা: ত্বা-হা
ছুৰাৰ তালিকা পৃষ্ঠা নং
 
আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

অনুবাদ কৰিছে গালী আবাবুৰ আবাগুনা চাহাবে।

বন্ধ