Check out the new design

আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ * - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

অৰ্থানুবাদ ছুৰা: ত্বা-হা   আয়াত:
فَتَعَٰلَى ٱللَّهُ ٱلۡمَلِكُ ٱلۡحَقُّۗ وَلَا تَعۡجَلۡ بِٱلۡقُرۡءَانِ مِن قَبۡلِ أَن يُقۡضَىٰٓ إِلَيۡكَ وَحۡيُهُۥۖ وَقُل رَّبِّ زِدۡنِي عِلۡمٗا
Egaa Allaahn, mootiin dhugaa, ol ta’eera, Odoo wahyiin isaa gara kee bu’ee hin xumuramin dura, Qur’aana (dubbisuutti) hin jarjarin, “(Yaa) Rabbii kiyya! Beekumsa naaf dabali” jedhi.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَلَقَدۡ عَهِدۡنَآ إِلَىٰٓ ءَادَمَ مِن قَبۡلُ فَنَسِيَ وَلَمۡ نَجِدۡ لَهُۥ عَزۡمٗا
Dhugumatti, sana dura Aadamitti beeksisa goonee, dagatee ture, Nuti kutannoo isaaf hin argine.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَإِذۡ قُلۡنَا لِلۡمَلَٰٓئِكَةِ ٱسۡجُدُواْ لِأٓدَمَ فَسَجَدُوٓاْ إِلَّآ إِبۡلِيسَ أَبَىٰ
Yeroo maleykotaan “Aadamiif sujuuda bu’aa” jenne [yaadadhu]. Ibliisa malee sujuuda bu’an. Inni ni dide.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
فَقُلۡنَا يَٰٓـَٔادَمُ إِنَّ هَٰذَا عَدُوّٞ لَّكَ وَلِزَوۡجِكَ فَلَا يُخۡرِجَنَّكُمَا مِنَ ٱلۡجَنَّةِ فَتَشۡقَىٰٓ
Ni jenne: “Yaa Aadam! Dhugumatti, kun diina keetiifi (diina) niitii teetiiti, Jannata keessaa akka isin lamaanuu hin baafne; (yoo jannataa baate) ni rakkatta.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
إِنَّ لَكَ أَلَّا تَجُوعَ فِيهَا وَلَا تَعۡرَىٰ
Dhugumatti, ati ishee (jannata) keessatti beela’uu dhabuufi daaruu dhabuunis siif jira.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَأَنَّكَ لَا تَظۡمَؤُاْ فِيهَا وَلَا تَضۡحَىٰ
Ammas ati ishee keessatti dheebochuu dhabuufi aduun gubachuu dhabuunis siif jira.”
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
فَوَسۡوَسَ إِلَيۡهِ ٱلشَّيۡطَٰنُ قَالَ يَٰٓـَٔادَمُ هَلۡ أَدُلُّكَ عَلَىٰ شَجَرَةِ ٱلۡخُلۡدِ وَمُلۡكٖ لَّا يَبۡلَىٰ
Sheyxaanni gara isaatti hasaasee: nijedhe “Yaa Aadam! Gara muka (as keessa) turiinsaatiifi mootummaa hin dhabamne irratti si qajeelchuu?” [1]
[1] hiikkaan muka yoo isa nyaatte zalaalam jannata keessa teessu, mootummaa hindhumne mootuu sigarsiisuu? jedheen sheyxaanni aadamiin.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
فَأَكَلَا مِنۡهَا فَبَدَتۡ لَهُمَا سَوۡءَٰتُهُمَا وَطَفِقَا يَخۡصِفَانِ عَلَيۡهِمَا مِن وَرَقِ ٱلۡجَنَّةِۚ وَعَصَىٰٓ ءَادَمُ رَبَّهُۥ فَغَوَىٰ
Isaan lamaan ishee irraa nyaatani; qaamni saalaa isaanii isaaniif mul’atte; baala jannataa irraa of irratti maxxansuu eegalan, Aadam (ajaja) Gooftaa isaa didee dogoggore.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
ثُمَّ ٱجۡتَبَٰهُ رَبُّهُۥ فَتَابَ عَلَيۡهِ وَهَدَىٰ
Eegasii Rabbiin isaa isa filatee, isaaf tawbaa qeebalee isa qajeelche.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قَالَ ٱهۡبِطَا مِنۡهَا جَمِيعَۢاۖ بَعۡضُكُمۡ لِبَعۡضٍ عَدُوّٞۖ فَإِمَّا يَأۡتِيَنَّكُم مِّنِّي هُدٗى فَمَنِ ٱتَّبَعَ هُدَايَ فَلَا يَضِلُّ وَلَا يَشۡقَىٰ
(Rabbiin) ni jedhe: “ isin lamaanuu waliin ishee (jannata) irraa (gara dachii) gadi bu’aa, Gariin keessan gariif diina ta’aatii, Ergasii yoo Ana irraa qajeelfamni isinitti dhufe, namni qajeelfama kiyya hordofe hin jallatu; hin rakkatus.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَمَنۡ أَعۡرَضَ عَن ذِكۡرِي فَإِنَّ لَهُۥ مَعِيشَةٗ ضَنكٗا وَنَحۡشُرُهُۥ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ أَعۡمَىٰ
Namni yaadannoo (Qur’aana) kiyya irraa garagale, dhugumatti, isaaf jireenya dhiphootu jira; Guyyaa Qiyaamaas jaamaa gooneeti isa kaafna.”
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قَالَ رَبِّ لِمَ حَشَرۡتَنِيٓ أَعۡمَىٰ وَقَدۡ كُنتُ بَصِيرٗا
“Gooftaa kiyya! Odoon (addunyaa irratti) nama argu ta’ee jiruu (har’a) maaliif jaamaa gootee na kaafte?” jedha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
 
অৰ্থানুবাদ ছুৰা: ত্বা-হা
ছুৰাৰ তালিকা পৃষ্ঠা নং
 
আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

অনুবাদ কৰিছে গালী আবাবুৰ আবাগুনা চাহাবে।

বন্ধ