Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: ത്തൗബഃ   ആയത്ത്:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ قَٰتِلُواْ ٱلَّذِينَ يَلُونَكُم مِّنَ ٱلۡكُفَّارِ وَلۡيَجِدُواْ فِيكُمۡ غِلۡظَةٗۚ وَٱعۡلَمُوٓاْ أَنَّ ٱللَّهَ مَعَ ٱلۡمُتَّقِينَ
Yaa warra amantan! Kuffaara irraa warra isinitti aananiin lolaa. Isin keessattis jabeenya haa arganu. Rabbiinis warra Isa sodaatan wajjin jiraachuu beekaa.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَإِذَا مَآ أُنزِلَتۡ سُورَةٞ فَمِنۡهُم مَّن يَقُولُ أَيُّكُمۡ زَادَتۡهُ هَٰذِهِۦٓ إِيمَٰنٗاۚ فَأَمَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ فَزَادَتۡهُمۡ إِيمَٰنٗا وَهُمۡ يَسۡتَبۡشِرُونَ
Yeroo suuraan tokka buute isaan irraa nama “eenyuu keessaniif isheen tun iimaana dabalte?” jedhutu jira. Egaa isaan amananiif kan gammadanu ta’anii iimaana isaaniif dabalte.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَأَمَّا ٱلَّذِينَ فِي قُلُوبِهِم مَّرَضٞ فَزَادَتۡهُمۡ رِجۡسًا إِلَىٰ رِجۡسِهِمۡ وَمَاتُواْ وَهُمۡ كَٰفِرُونَ
Isaan onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiru immoo najisa isaanii irratti najisa isaaniif dabalte. Isaan kaafiroota ta’anii du’an.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَوَلَا يَرَوۡنَ أَنَّهُمۡ يُفۡتَنُونَ فِي كُلِّ عَامٖ مَّرَّةً أَوۡ مَرَّتَيۡنِ ثُمَّ لَا يَتُوبُونَ وَلَا هُمۡ يَذَّكَّرُونَ
Sila isaan waggaa hunda keessa yeroo tokko yookiin yeroo lama mokkoramuu isaanii hin arganuu? Ergasii hin tawbatanii? Isaanis hin gorfamanuu?
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَإِذَا مَآ أُنزِلَتۡ سُورَةٞ نَّظَرَ بَعۡضُهُمۡ إِلَىٰ بَعۡضٍ هَلۡ يَرَىٰكُم مِّنۡ أَحَدٖ ثُمَّ ٱنصَرَفُواْۚ صَرَفَ ٱللَّهُ قُلُوبَهُم بِأَنَّهُمۡ قَوۡمٞ لَّا يَفۡقَهُونَ
Yeroo suuraan (isaan saaxiltu) takka buufamte, gariin isaanii gara garii isaanii ilaala “namni tokko sila isin argaa jiraa?” jedhaa. Sana booda garagalanii deemu. Rabbiin onneewwan isaanii garagalche Waan isaan ummata hubannoo hin qabne ta’aniif.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
لَقَدۡ جَآءَكُمۡ رَسُولٞ مِّنۡ أَنفُسِكُمۡ عَزِيزٌ عَلَيۡهِ مَا عَنِتُّمۡ حَرِيصٌ عَلَيۡكُم بِٱلۡمُؤۡمِنِينَ رَءُوفٞ رَّحِيمٞ
Dhugumatti, iisinitti dhufe ergamaan isin irraa ta’e, kan rakkinni keessan isa irratti jabaatu, kan isiniif (akka amantanuuf) bololu, mu’uminootaaf immoo mararfataa, rahmata godhaa ta’e.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَإِن تَوَلَّوۡاْ فَقُلۡ حَسۡبِيَ ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ عَلَيۡهِ تَوَكَّلۡتُۖ وَهُوَ رَبُّ ٱلۡعَرۡشِ ٱلۡعَظِيمِ
Yoo isaan (sirraa) garagalan, jedhi “Rabbiin naaf gahaadha. Isa malee haqaan Gabbaramaan hin jiru. Isa qofa irrattin irkadhe; Innis Gooftaa arshii guddaati”.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: ത്തൗബഃ
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക