Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: ത്തൗബഃ   ആയത്ത്:
ٱنفِرُواْ خِفَافٗا وَثِقَالٗا وَجَٰهِدُواْ بِأَمۡوَٰلِكُمۡ وَأَنفُسِكُمۡ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِۚ ذَٰلِكُمۡ خَيۡرٞ لَّكُمۡ إِن كُنتُمۡ تَعۡلَمُونَ
Salphoo taatanii yookiin ulfaatoo[] taataniis duulaaf bahaa; Qabeenyaaleefi lubbuulee keessaniin karaa Rabbii keessatti lolaa. kanatu isiniif caalaadha, Yoo kan beektan taatan.[1]
[1] Salphoofi ulfaatoo jechuun: Haala hunda keessattuu dargaggeessas taatanii jaarsa, qabaataas taatanii dhabaa, dadhabaas taatanii danda’aa, dhukkubsataas taatanii fayyaa jechuudha. Kuni yeroo jalqabaatiif ture; booda garuu keeyyata “warra hin dandeenye irra badiin hin jiru” jedhuun shaarameera.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
لَوۡ كَانَ عَرَضٗا قَرِيبٗا وَسَفَرٗا قَاصِدٗا لَّٱتَّبَعُوكَ وَلَٰكِنۢ بَعُدَتۡ عَلَيۡهِمُ ٱلشُّقَّةُۚ وَسَيَحۡلِفُونَ بِٱللَّهِ لَوِ ٱسۡتَطَعۡنَا لَخَرَجۡنَا مَعَكُمۡ يُهۡلِكُونَ أَنفُسَهُمۡ وَٱللَّهُ يَعۡلَمُ إِنَّهُمۡ لَكَٰذِبُونَ
(Wanti ati itti isaan waamtu) odoo bu’aa dhihoofi imala giddu galeessa ta’ee silaa si hordofu turan. Garuu imalatu isaanitti fagaate, “Odoo dandeenyee silaa isin wajjiin baana turre” (jedhanii) Rabbiin kakatu. Lubbuulee isaanii balleessu. Rabbiin nibeeka kijibdoota ta’uu isaanii.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
عَفَا ٱللَّهُ عَنكَ لِمَ أَذِنتَ لَهُمۡ حَتَّىٰ يَتَبَيَّنَ لَكَ ٱلَّذِينَ صَدَقُواْ وَتَعۡلَمَ ٱلۡكَٰذِبِينَ
(Yaa Muhammad!) Rabbiin dhiifama siif godhee,(lola irraa hafuu) maalif isaaniif hayyamte? hanga isaan dhugaa dubbatan ifa siif ta’anii warra soban beektutti.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
لَا يَسۡتَـٔۡذِنُكَ ٱلَّذِينَ يُؤۡمِنُونَ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِ أَن يُجَٰهِدُواْ بِأَمۡوَٰلِهِمۡ وَأَنفُسِهِمۡۗ وَٱللَّهُ عَلِيمُۢ بِٱلۡمُتَّقِينَ
Isaan Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanan qabeenyaaleefi lubbuulee isaaniitiin qabsaa’uu irraa (hafuuf) hayyama si hin gaafatanu. Rabbiin warra Isa sodaatu beekaadha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنَّمَا يَسۡتَـٔۡذِنُكَ ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِ وَٱرۡتَابَتۡ قُلُوبُهُمۡ فَهُمۡ فِي رَيۡبِهِمۡ يَتَرَدَّدُونَ
(Lola irraa hafuuf) hayyama kan si gaafatu isaan Rabbiifi guyyaa aakhiraatti hin amanin kan onneewwan isaanii shakkiteedha; Isaanis shakkii isaanii keessa deddeebi’u.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
۞ وَلَوۡ أَرَادُواْ ٱلۡخُرُوجَ لَأَعَدُّواْ لَهُۥ عُدَّةٗ وَلَٰكِن كَرِهَ ٱللَّهُ ٱنۢبِعَاثَهُمۡ فَثَبَّطَهُمۡ وَقِيلَ ٱقۡعُدُواْ مَعَ ٱلۡقَٰعِدِينَ
Odoo (lolaaf) bahuu fedhanii silaa qophii isaaf qophaa’u turan, Garuu Rabbiin bahuu isaanii jibbee duubatti isaan hanbise; “warra taa’uu[1] wajjiin taa’aa” jedhame.
[1] Warra taa’u jechuun ijoollee, dubartootaafi dhukkubsataa wajjiin jechuu dha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
لَوۡ خَرَجُواْ فِيكُم مَّا زَادُوكُمۡ إِلَّا خَبَالٗا وَلَأَوۡضَعُواْ خِلَٰلَكُمۡ يَبۡغُونَكُمُ ٱلۡفِتۡنَةَ وَفِيكُمۡ سَمَّٰعُونَ لَهُمۡۗ وَٱللَّهُ عَلِيمُۢ بِٱلظَّٰلِمِينَ
Odoma isinii waliin ba’aniiyyuu badii malee homaa isiniif hin dabalanu. Rakkoo kan isinitti barbaadan ta’anii, jeequmsaan gidduu keessan fiigu turan, Isin keessas namoota isaaniif dhaggeeffatantu jiru. Rabbiin miidhaa hojjattoota ni beeka.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: ത്തൗബഃ
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക