Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: ത്തൗബഃ   ആയത്ത്:
قَٰتِلُوهُمۡ يُعَذِّبۡهُمُ ٱللَّهُ بِأَيۡدِيكُمۡ وَيُخۡزِهِمۡ وَيَنصُرۡكُمۡ عَلَيۡهِمۡ وَيَشۡفِ صُدُورَ قَوۡمٖ مُّؤۡمِنِينَ
Isaaniin lolaa, Rabbiin harkoowwan keessaniin isaan adaba; isaan salphisa; isaan irratti isinii tumsa; qalbii warra mu’uminootaa ni fayyisa.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَيُذۡهِبۡ غَيۡظَ قُلُوبِهِمۡۗ وَيَتُوبُ ٱللَّهُ عَلَىٰ مَن يَشَآءُۗ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Dallansuu onneewwan isaaniis ni deemsisa; Rabbiin nama fedhe irra toowbaa qeebala, Rabbiin beekaa, ogeessa.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَمۡ حَسِبۡتُمۡ أَن تُتۡرَكُواْ وَلَمَّا يَعۡلَمِ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ جَٰهَدُواْ مِنكُمۡ وَلَمۡ يَتَّخِذُواْ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَلَا رَسُولِهِۦ وَلَا ٱلۡمُؤۡمِنِينَ وَلِيجَةٗۚ وَٱللَّهُ خَبِيرُۢ بِمَا تَعۡمَلُونَ
Sila odoo Rabbiin isin irraa namoota qabsaa’aniifi kan -Rabbiin, ergamaa isaatiifi mu’uminootaan- ala jaalalloo hin godhatin adda hin baafne dhiifamtu seetuu? Rabbiin waan isin dalagdan keessa beekaadha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
مَا كَانَ لِلۡمُشۡرِكِينَ أَن يَعۡمُرُواْ مَسَٰجِدَ ٱللَّهِ شَٰهِدِينَ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِم بِٱلۡكُفۡرِۚ أُوْلَٰٓئِكَ حَبِطَتۡ أَعۡمَٰلُهُمۡ وَفِي ٱلنَّارِ هُمۡ خَٰلِدُونَ
mushrikootaaf hin malu masjiidota Rabbii jiraachisuun, Odoo lubbuu isaanii irratti kufrii ragaa ba’anii. Isaan dalagaaleen isaanii badde. Isaan ibidda keessa yeroo hunda jiraatu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنَّمَا يَعۡمُرُ مَسَٰجِدَ ٱللَّهِ مَنۡ ءَامَنَ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِ وَأَقَامَ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتَى ٱلزَّكَوٰةَ وَلَمۡ يَخۡشَ إِلَّا ٱللَّهَۖ فَعَسَىٰٓ أُوْلَٰٓئِكَ أَن يَكُونُواْ مِنَ ٱلۡمُهۡتَدِينَ
Masjiidota Rabbii kan jiraachisu nama Rabbiifi Guyyaa Qiyaamaatti amane, kan salaata gadi dhaabe, zakaa kenneefi Rabbiin malee homaa hin sodaanne qofa, Warri kun isaan karaa sirrii qabatan irraa ta’uun mirkana’eera.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
۞ أَجَعَلۡتُمۡ سِقَايَةَ ٱلۡحَآجِّ وَعِمَارَةَ ٱلۡمَسۡجِدِ ٱلۡحَرَامِ كَمَنۡ ءَامَنَ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِ وَجَٰهَدَ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِۚ لَا يَسۡتَوُۥنَ عِندَ ٱللَّهِۗ وَٱللَّهُ لَا يَهۡدِي ٱلۡقَوۡمَ ٱلظَّٰلِمِينَ
Sila warra hajja’u obaasuufi masjiida kabajamaa jiraachisuu akka (imaana) nama Rabbiifi Guyyaa Qiyaamaatti amanee, karaa Rabbii keessatti qabsaa’ee gootuu? Rabbiin biratti wal hin qixxaa’an. Rabbiin ummata midhaa hojjatoota hin qajeelchu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَهَاجَرُواْ وَجَٰهَدُواْ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ بِأَمۡوَٰلِهِمۡ وَأَنفُسِهِمۡ أَعۡظَمُ دَرَجَةً عِندَ ٱللَّهِۚ وَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡفَآئِزُونَ
Isaan amananii, godaananiifi karaa Rabbii keessatti qabeenyaaleefi lubbuulee isaaniitiin qabsaa’an; Rabbiin biratti sadarkaadhaan irra guddatoodha. Isaan sun isaanumatu milkaa’oodha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: ത്തൗബഃ
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക