Check out the new design

Salin ng mga Kahulugan ng Marangal na Qur'an - Salin sa Wikang Oromo ni Ghaly Ababour * - Indise ng mga Salin

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Salin ng mga Kahulugan Surah: Al-A‘rāf   Ayah:
قَالَا رَبَّنَا ظَلَمۡنَآ أَنفُسَنَا وَإِن لَّمۡ تَغۡفِرۡ لَنَا وَتَرۡحَمۡنَا لَنَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ
"Gooftaa keenya! lubbuu keenya miinee jirra. Yoo ati nuuf hin araaramneefi rahmata nuuf hin goone, nuti Dhugumatti, warra hoonga’an irraa taana" jedhan.
Ang mga Tafsir na Arabe:
قَالَ ٱهۡبِطُواْ بَعۡضُكُمۡ لِبَعۡضٍ عَدُوّٞۖ وَلَكُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ مُسۡتَقَرّٞ وَمَتَٰعٌ إِلَىٰ حِينٖ
(Rabbiin) ni jedhe: "Gariin keessan gariif diina haala taataniin bu’aa, Isiniif dachii irra qubsumaafi qananii hanga yeroo murtaa’ee ta'eetu jira."
Ang mga Tafsir na Arabe:
قَالَ فِيهَا تَحۡيَوۡنَ وَفِيهَا تَمُوتُونَ وَمِنۡهَا تُخۡرَجُونَ
"Isheedhuma keessa jiraattu; ishee keessattis duutu; ishee irraas baafamtu" jedheen.
Ang mga Tafsir na Arabe:
يَٰبَنِيٓ ءَادَمَ قَدۡ أَنزَلۡنَا عَلَيۡكُمۡ لِبَاسٗا يُوَٰرِي سَوۡءَٰتِكُمۡ وَرِيشٗاۖ وَلِبَاسُ ٱلتَّقۡوَىٰ ذَٰلِكَ خَيۡرٞۚ ذَٰلِكَ مِنۡ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ لَعَلَّهُمۡ يَذَّكَّرُونَ
Yaa ilmaan Aadam! Nuti uffata qaama saalaa keessan haguuguufi faaya isin irratti buufnee jirra. Uffata sodaa Rabbii, saniitu caala. Kun mallattoowwan Rabbii irraayi; akka isaan yaadataniif (isaaniif himne).
Ang mga Tafsir na Arabe:
يَٰبَنِيٓ ءَادَمَ لَا يَفۡتِنَنَّكُمُ ٱلشَّيۡطَٰنُ كَمَآ أَخۡرَجَ أَبَوَيۡكُم مِّنَ ٱلۡجَنَّةِ يَنزِعُ عَنۡهُمَا لِبَاسَهُمَا لِيُرِيَهُمَا سَوۡءَٰتِهِمَآۚ إِنَّهُۥ يَرَىٰكُمۡ هُوَ وَقَبِيلُهُۥ مِنۡ حَيۡثُ لَا تَرَوۡنَهُمۡۗ إِنَّا جَعَلۡنَا ٱلشَّيَٰطِينَ أَوۡلِيَآءَ لِلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ
Yaa ilmaan Aadam! akka shayxaanni isin hin mokkorre, Akka abbaafi haadha keessan jannata irraa baasetti, uffata isaanii isaan irraa mulqee qaama saalaa isaanii isaanitti mul’isuuf. Dhugumatti, inniifi gosti isaa iddoo isin isaan hin agarre irraa isin argu. Nuti isaan hin amanneef shayxaanota jaalallee goonee jirra.
Ang mga Tafsir na Arabe:
وَإِذَا فَعَلُواْ فَٰحِشَةٗ قَالُواْ وَجَدۡنَا عَلَيۡهَآ ءَابَآءَنَا وَٱللَّهُ أَمَرَنَا بِهَاۗ قُلۡ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَأۡمُرُ بِٱلۡفَحۡشَآءِۖ أَتَقُولُونَ عَلَى ٱللَّهِ مَا لَا تَعۡلَمُونَ
Yeroo waan fokkattuu hojjatan "abbootii keenya ishee irratti agarre; Rabbiinis isheetti nu ajaje" jedhu. "Rabbiin fokkatuuwwanitti hin ajaju, Sila isin waan hin beekne Rabbi irratti jettuu?" jedhiin.
Ang mga Tafsir na Arabe:
قُلۡ أَمَرَ رَبِّي بِٱلۡقِسۡطِۖ وَأَقِيمُواْ وُجُوهَكُمۡ عِندَ كُلِّ مَسۡجِدٖ وَٱدۡعُوهُ مُخۡلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَۚ كَمَا بَدَأَكُمۡ تَعُودُونَ
Jedhi "Gooftaan kiyya haqatti ajaje. Masjida hunda biratti fuulleen keessan (ibaadaaf gara isaa) sirreessaa. Amantii keessan isaaf qulqulleessaa haala taataniin isa gabbaraa, Akkuma isin jalqabetti deebitu"
Ang mga Tafsir na Arabe:
فَرِيقًا هَدَىٰ وَفَرِيقًا حَقَّ عَلَيۡهِمُ ٱلضَّلَٰلَةُۚ إِنَّهُمُ ٱتَّخَذُواْ ٱلشَّيَٰطِينَ أَوۡلِيَآءَ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَيَحۡسَبُونَ أَنَّهُم مُّهۡتَدُونَ
Garee tokko ni qajeelche; garee biraa immoo jallinni isaan irratti mirkanaa’e, Dhugumatti, isaan Rabbii gaditti shayxaanota jaalalleewwan taasifatan, Isaan qajeeltota uf sehan.
Ang mga Tafsir na Arabe:
 
Salin ng mga Kahulugan Surah: Al-A‘rāf
Indise ng mga Surah Numero ng Pahina
 
Salin ng mga Kahulugan ng Marangal na Qur'an - Salin sa Wikang Oromo ni Ghaly Ababour - Indise ng mga Salin

Isinalin ito ni Ghaly Ababour Abaghuna.

Isara