Check out the new design

Salin ng mga Kahulugan ng Marangal na Qur'an - Salin sa Wikang Oromo ni Ghaly Ababour * - Indise ng mga Salin

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Salin ng mga Kahulugan Surah: Al-A‘rāf   Ayah:
وَلَقَدۡ جِئۡنَٰهُم بِكِتَٰبٖ فَصَّلۡنَٰهُ عَلَىٰ عِلۡمٍ هُدٗى وَرَحۡمَةٗ لِّقَوۡمٖ يُؤۡمِنُونَ
Dhugumatti, Nuti kitaaba beekumsaa wajjiin isa addeessineen isaanitti dhufnee jirra, haala qajeelumaafi rahmata ummata amananiif ta'een. [1]
[1] kitaabni suni qur'aana kabajamaadha.
Ang mga Tafsir na Arabe:
هَلۡ يَنظُرُونَ إِلَّا تَأۡوِيلَهُۥۚ يَوۡمَ يَأۡتِي تَأۡوِيلُهُۥ يَقُولُ ٱلَّذِينَ نَسُوهُ مِن قَبۡلُ قَدۡ جَآءَتۡ رُسُلُ رَبِّنَا بِٱلۡحَقِّ فَهَل لَّنَا مِن شُفَعَآءَ فَيَشۡفَعُواْ لَنَآ أَوۡ نُرَدُّ فَنَعۡمَلَ غَيۡرَ ٱلَّذِي كُنَّا نَعۡمَلُۚ قَدۡ خَسِرُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ وَضَلَّ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يَفۡتَرُونَ
Sila isaan xumura isaa malee maal eegaaru? Guyyaa xumurri isaa dhufu warri san dura isa dagatan nijedhu "Dhugumatti, ergamoonni Gooftaa keenyaa dhugaan dhufteetti, Sila araarsonni nuuf araarsan nuuf jiraa? Yookiin dalagaa isa hojjataa turreen alaa hojjachuuf (gara addunyaatti) deebifamnaa?" (jedhu), Dhugumatti, lubbuulee isaanii hoongessanii jiru. Wanti isaan kijibaan uumaa turan isaan jalaa badeera.
Ang mga Tafsir na Arabe:
إِنَّ رَبَّكُمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامٖ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۖ يُغۡشِي ٱلَّيۡلَ ٱلنَّهَارَ يَطۡلُبُهُۥ حَثِيثٗا وَٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَ وَٱلنُّجُومَ مُسَخَّرَٰتِۭ بِأَمۡرِهِۦٓۗ أَلَا لَهُ ٱلۡخَلۡقُ وَٱلۡأَمۡرُۗ تَبَارَكَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee, ergasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedha. Haala ariitiidhaan isa barbaada ta'een halkaniin guyyaa haguugsisa. Aduu, ji’aafi urjiiwwan kan ajaja Isaatiin laaffifaman ta'anii (isaan uume). Dhagayaa! Uumuuniifi ajajnis kan Isaati. Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’e barakaan isaa baay’ate.
Ang mga Tafsir na Arabe:
ٱدۡعُواْ رَبَّكُمۡ تَضَرُّعٗا وَخُفۡيَةًۚ إِنَّهُۥ لَا يُحِبُّ ٱلۡمُعۡتَدِينَ
Gooftaa keessan gadi of qabuufi dhoksaadhaan kadhaa. Inni daangaa dabritoota hin jaalatu.
Ang mga Tafsir na Arabe:
وَلَا تُفۡسِدُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ بَعۡدَ إِصۡلَٰحِهَا وَٱدۡعُوهُ خَوۡفٗا وَطَمَعًاۚ إِنَّ رَحۡمَتَ ٱللَّهِ قَرِيبٞ مِّنَ ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Dachii irrattis erga isheen toltee booda hin balleessinaa. Sodaafi kajeellaadhaan Isa kadhaa. Dhugumatti, rahmanni Rabbii warra toltuu hojjatanutti dhihoodha.
Ang mga Tafsir na Arabe:
وَهُوَ ٱلَّذِي يُرۡسِلُ ٱلرِّيَٰحَ بُشۡرَۢا بَيۡنَ يَدَيۡ رَحۡمَتِهِۦۖ حَتَّىٰٓ إِذَآ أَقَلَّتۡ سَحَابٗا ثِقَالٗا سُقۡنَٰهُ لِبَلَدٖ مَّيِّتٖ فَأَنزَلۡنَا بِهِ ٱلۡمَآءَ فَأَخۡرَجۡنَا بِهِۦ مِن كُلِّ ٱلثَّمَرَٰتِۚ كَذَٰلِكَ نُخۡرِجُ ٱلۡمَوۡتَىٰ لَعَلَّكُمۡ تَذَكَّرُونَ
Inni Isa bubbeewwan gammachiisaa taasisee rahmata Isaa dura erguudha. Yeroo isheen duumessa ulfaataa baadhatte gara biyya duuteetti oofna; bishaan isatti buusuun fuduraalee hunda isaan baafne, akka kanatti du’aa (awwaala irraa) kaafna.Akka isin gorfamtaniif jecha.
Ang mga Tafsir na Arabe:
 
Salin ng mga Kahulugan Surah: Al-A‘rāf
Indise ng mga Surah Numero ng Pahina
 
Salin ng mga Kahulugan ng Marangal na Qur'an - Salin sa Wikang Oromo ni Ghaly Ababour - Indise ng mga Salin

Isinalin ito ni Ghaly Ababour Abaghuna.

Isara