Firo maanaaji al-quraan tedduɗo oo - Firo ormiyeewo * - Tippudi firooji ɗii

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Firo maanaaji Simoore: Simoore Al-alq   Aaya:

Al-Alaq

ٱقۡرَأۡ بِٱسۡمِ رَبِّكَ ٱلَّذِي خَلَقَ
Maqaa Gooftaa keetii Isa (waan hunda) uumeetiin dubbisi.{1}
{1} Aayatoowwan tuni dura waan qur'aanarraa nabi muhammad s.a.w. irratti buufameeti.
Faccirooji aarabeeji:
خَلَقَ ٱلۡإِنسَٰنَ مِنۡ عَلَقٍ
(Isa) nama dhiiga ititaa irraa uume.
Faccirooji aarabeeji:
ٱقۡرَأۡ وَرَبُّكَ ٱلۡأَكۡرَمُ
Haala Gooftaan kee hunda irra arjaa ta’een qara'i.
Faccirooji aarabeeji:
ٱلَّذِي عَلَّمَ بِٱلۡقَلَمِ
Isa qalamaan (barreessuu) barsiise sani.
Faccirooji aarabeeji:
عَلَّمَ ٱلۡإِنسَٰنَ مَا لَمۡ يَعۡلَمۡ
Nama, waan inni hin beekne barsiise.
Faccirooji aarabeeji:
كَلَّآ إِنَّ ٱلۡإِنسَٰنَ لَيَطۡغَىٰٓ
Dhugumatti, namni daangaa dabra.
Faccirooji aarabeeji:
أَن رَّءَاهُ ٱسۡتَغۡنَىٰٓ
Sababa duroomuu of arguutiin.
Faccirooji aarabeeji:
إِنَّ إِلَىٰ رَبِّكَ ٱلرُّجۡعَىٰٓ
Deebiin garuma Gooftaa keetiiti.
Faccirooji aarabeeji:
أَرَءَيۡتَ ٱلَّذِي يَنۡهَىٰ
Sila isa dhorgu san argitee?
Faccirooji aarabeeji:
عَبۡدًا إِذَا صَلَّىٰٓ
Gabricha yeroo inni salaatu (kan dhorgu argitee)?
Faccirooji aarabeeji:
أَرَءَيۡتَ إِن كَانَ عَلَى ٱلۡهُدَىٰٓ
Yoo inni qajeeluma irra jiraate hoo mee naaf himi!
Faccirooji aarabeeji:
أَوۡ أَمَرَ بِٱلتَّقۡوَىٰٓ
Yookiin immoo sodaa Rabbiitti yoo ajaje hoo?
Faccirooji aarabeeji:
أَرَءَيۡتَ إِن كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰٓ
Yoo inni (Abuu Jahal) kijibsiisee irraa gara gale hoo mee naaf himi?
Faccirooji aarabeeji:
أَلَمۡ يَعۡلَم بِأَنَّ ٱللَّهَ يَرَىٰ
Sila inni Rabbiin niargaa hin beekuu?
Faccirooji aarabeeji:
كَلَّا لَئِن لَّمۡ يَنتَهِ لَنَسۡفَعَۢا بِٱلنَّاصِيَةِ
Haa dhorgamu; yoo inni (Abuu Jahal) dhorgamuu baate, sammuu qabna.
Faccirooji aarabeeji:
نَاصِيَةٖ كَٰذِبَةٍ خَاطِئَةٖ
Sammuu sobduu, dogoggortuu taate (qabna).
Faccirooji aarabeeji:
فَلۡيَدۡعُ نَادِيَهُۥ
Garee isaa haa waammatu.
Faccirooji aarabeeji:
سَنَدۡعُ ٱلزَّبَانِيَةَ
Nutis waardiyyaa keenya waammachuuf jirra.
Faccirooji aarabeeji:
كَلَّا لَا تُطِعۡهُ وَٱسۡجُدۡۤ وَٱقۡتَرِب۩
Dhorgami! Isaan hin ajajamin, Sujuudis, gara Rabbiittis dhihaadhu.{1}
{1} Asitti sujuuda qaraatii qur'aanaattu bu'ama. kun sujuuda xumuraati.
Faccirooji aarabeeji:
 
Firo maanaaji Simoore: Simoore Al-alq
Tippudi cimooje Tonngoode hello ngoo
 
Firo maanaaji al-quraan tedduɗo oo - Firo ormiyeewo - Tippudi firooji ɗii

Firooji maanaaji al-quraan tedduɗo oo fayde e ɗemngal aromiire, firi ɗum ko Gaali Ababuur Abaguna. Muulngo hitaande 2009

Uddude