Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: അഅ്റാഫ്   ആയത്ത്:
وَٱذۡكُرُوٓاْ إِذۡ جَعَلَكُمۡ خُلَفَآءَ مِنۢ بَعۡدِ عَادٖ وَبَوَّأَكُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ تَتَّخِذُونَ مِن سُهُولِهَا قُصُورٗا وَتَنۡحِتُونَ ٱلۡجِبَالَ بُيُوتٗاۖ فَٱذۡكُرُوٓاْ ءَالَآءَ ٱللَّهِ وَلَا تَعۡثَوۡاْ فِي ٱلۡأَرۡضِ مُفۡسِدِينَ
Yeroo Inni Aadiin booda bakka bu’oota isin taasiseefi dachii keessa isin jiraachise yaadadhaa. Dirree ishee irraa gamoowwan ijaarrattu; gaarreen irraas qottaniitin manneen taasiftu. qananiilee Rabbii yaadadhaa; badii raawwataa taatanii dachii keessa hin balleessinaa."
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالَ ٱلۡمَلَأُ ٱلَّذِينَ ٱسۡتَكۡبَرُواْ مِن قَوۡمِهِۦ لِلَّذِينَ ٱسۡتُضۡعِفُواْ لِمَنۡ ءَامَنَ مِنۡهُمۡ أَتَعۡلَمُونَ أَنَّ صَٰلِحٗا مُّرۡسَلٞ مِّن رَّبِّهِۦۚ قَالُوٓاْ إِنَّا بِمَآ أُرۡسِلَ بِهِۦ مُؤۡمِنُونَ
nijedhe qondaalonni warri boonan ummata isaarraa warra hacuucaman irraa warra amananiin "sila Saalih Rabbii isaa biraa ergamuu ni beektuu?". "(Eeyyeen) Nuti waan inni ittiin ergametti amanoodha" jedhan.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالَ ٱلَّذِينَ ٱسۡتَكۡبَرُوٓاْ إِنَّا بِٱلَّذِيٓ ءَامَنتُم بِهِۦ كَٰفِرُونَ
Isaannan boonan "Dhugumatti, nuti isa isin itti amantan sanatti kafarreerra" jedhan.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَعَقَرُواْ ٱلنَّاقَةَ وَعَتَوۡاْ عَنۡ أَمۡرِ رَبِّهِمۡ وَقَالُواْ يَٰصَٰلِحُ ٱئۡتِنَا بِمَا تَعِدُنَآ إِن كُنتَ مِنَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ
Yeroma san gaalattii waraanan; ajaja Gooftaa isaanii irraa bahanii "Yaa Saalih! Yoo ergamtoota irraa taateef waan ittiin nu sodaachiftu nutti fidi" jedhan.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلرَّجۡفَةُ فَأَصۡبَحُواْ فِي دَارِهِمۡ جَٰثِمِينَ
Yeroma san sochiin (kirkirri) dachii isaan qabatte; manneen isaanii keessatti jilbeenfatanii (dhumanii) bariisifatan.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
فَتَوَلَّىٰ عَنۡهُمۡ وَقَالَ يَٰقَوۡمِ لَقَدۡ أَبۡلَغۡتُكُمۡ رِسَالَةَ رَبِّي وَنَصَحۡتُ لَكُمۡ وَلَٰكِن لَّا تُحِبُّونَ ٱلنَّٰصِحِينَ
(Saalihis) isaan irraa gara galee "Yaa ummata kiyya! Dhugumatti, ani ergaa Gooftaa kiyyaa isin dhaqqabsiiseera; tolas isiniif yaadeera, Garuu isin nama toltu isiniif yaadu hin jaalattanu" jedhe.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَلُوطًا إِذۡ قَالَ لِقَوۡمِهِۦٓ أَتَأۡتُونَ ٱلۡفَٰحِشَةَ مَا سَبَقَكُم بِهَا مِنۡ أَحَدٖ مِّنَ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Luuxiinis, yeroo inni ummata isaatiin jedhe [yaadadhaa]: "Sila isin badii fokkataa aalama irraa (namni) tokkoyyuu isheedhaan isin hin dursin raawwattuu?
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنَّكُمۡ لَتَأۡتُونَ ٱلرِّجَالَ شَهۡوَةٗ مِّن دُونِ ٱلنِّسَآءِۚ بَلۡ أَنتُمۡ قَوۡمٞ مُّسۡرِفُونَ
Dhugumatti, isin fedhii saalaatiif dubartii dhiiftanii dhiiratti dhuftuu! Dhugumatti, isin ummata daangaa dabroodha."
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: അഅ്റാഫ്
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക