Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: അഅ്റാഫ്   ആയത്ത്:
۞ وَإِذۡ نَتَقۡنَا ٱلۡجَبَلَ فَوۡقَهُمۡ كَأَنَّهُۥ ظُلَّةٞ وَظَنُّوٓاْ أَنَّهُۥ وَاقِعُۢ بِهِمۡ خُذُواْ مَآ ءَاتَيۡنَٰكُم بِقُوَّةٖ وَٱذۡكُرُواْ مَا فِيهِ لَعَلَّكُمۡ تَتَّقُونَ
Yeroo Nuti gaara xuur gubbaa isaanii irratti akka gaaddisaa ta’ee ol fuunee, isaan isaanirratti kufa jechuu dhugoomsanii "Waan nuti isiniif kennine ciminaan qabadhaa, Akka (Rabbiin) sodaattaniif jecha waan isa keessa jiru qhubadhaa" (jenne yaadadhu)
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَإِذۡ أَخَذَ رَبُّكَ مِنۢ بَنِيٓ ءَادَمَ مِن ظُهُورِهِمۡ ذُرِّيَّتَهُمۡ وَأَشۡهَدَهُمۡ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِمۡ أَلَسۡتُ بِرَبِّكُمۡۖ قَالُواْ بَلَىٰ شَهِدۡنَآۚ أَن تَقُولُواْ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ إِنَّا كُنَّا عَنۡ هَٰذَا غَٰفِلِينَ
Yeroo Gooftaan kee ilmaan Aadam irraa, dugdaalee isaanii irraa sanyiilee isaanii baase, lubbuulee isaanii irratti ragaa isaan godhe [yaadadhu] "Ani Gooftaa keessanii mitii?" jecheen, Isaanis "Eeyyeen; ragaa baanee jirra" jedhan, Kunis akka isin Guyyaa Qiyaamaa "Dhugumatti, nuti kana irraa daguu keessa turre" hin jenneefi.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَوۡ تَقُولُوٓاْ إِنَّمَآ أَشۡرَكَ ءَابَآؤُنَا مِن قَبۡلُ وَكُنَّا ذُرِّيَّةٗ مِّنۢ بَعۡدِهِمۡۖ أَفَتُهۡلِكُنَا بِمَا فَعَلَ ٱلۡمُبۡطِلُونَ
“Yookiin abbootii keenyatu duraan (Rabbitti) qindeessani; nutis sanyii isaaniin boodaa turre, Sila waan balleessitoonni hojjataniin nu balleessitaa?” akka isin hin jenneef (ragaa isin goone).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَكَذَٰلِكَ نُفَصِّلُ ٱلۡأٓيَٰتِ وَلَعَلَّهُمۡ يَرۡجِعُونَ
Akka isaan (yaadanii)fi deebi’aniif jecha akka kanatti keeyyattoota keenya addeessina.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَٱتۡلُ عَلَيۡهِمۡ نَبَأَ ٱلَّذِيٓ ءَاتَيۡنَٰهُ ءَايَٰتِنَا فَٱنسَلَخَ مِنۡهَا فَأَتۡبَعَهُ ٱلشَّيۡطَٰنُ فَكَانَ مِنَ ٱلۡغَاوِينَ
isaan irratti dubbisi oduu isa keeyyattoota keenya isaaf kenninee, ishee irraa luqqa'e, sheyxaana isa hordofsiise, jallattoota irraa ta’e.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَلَوۡ شِئۡنَا لَرَفَعۡنَٰهُ بِهَا وَلَٰكِنَّهُۥٓ أَخۡلَدَ إِلَى ٱلۡأَرۡضِ وَٱتَّبَعَ هَوَىٰهُۚ فَمَثَلُهُۥ كَمَثَلِ ٱلۡكَلۡبِ إِن تَحۡمِلۡ عَلَيۡهِ يَلۡهَثۡ أَوۡ تَتۡرُكۡهُ يَلۡهَثۚ ذَّٰلِكَ مَثَلُ ٱلۡقَوۡمِ ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَاۚ فَٱقۡصُصِ ٱلۡقَصَصَ لَعَلَّهُمۡ يَتَفَكَّرُونَ
Odoo feenee, isheedhaan (keeyyattoota keenyaan) ol isa fuuna ture, Garuu inni gara dachiitti gadi dide; fedhii lubbuu isaa hordofe, Fakkeenyi isaa akka fakkii sareeti yoo ariite arraba baasee harganu, yoo dhiiftes arraba baasee harganuuti, Kuni fakkeenya ummata keeyyattoota keenya kijibsiisaniiti, seenaalee odeessi akka isaan xiinxalaniif jecha .
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
سَآءَ مَثَلًا ٱلۡقَوۡمُ ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا وَأَنفُسَهُمۡ كَانُواْ يَظۡلِمُونَ
Fakkeenyi ummata keeyyattoota keenya kijibsiisanii waa fokkate! lubbuulee isaanii kan miidhan ta’anii.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
مَن يَهۡدِ ٱللَّهُ فَهُوَ ٱلۡمُهۡتَدِيۖ وَمَن يُضۡلِلۡ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡخَٰسِرُونَ
Namni Rabbiin qajeelche, isatu qajeelaadha, Namni Inni jallise immoo, isaan warra hoonga’oodha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: അഅ്റാഫ്
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക