Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: അഅ്റാഫ്   ആയത്ത്:
قَالَ يَٰمُوسَىٰٓ إِنِّي ٱصۡطَفَيۡتُكَ عَلَى ٱلنَّاسِ بِرِسَٰلَٰتِي وَبِكَلَٰمِي فَخُذۡ مَآ ءَاتَيۡتُكَ وَكُن مِّنَ ٱلشَّٰكِرِينَ
(Rabbiin) ni jedhe: "Yaa Muusaa! Ani ergaa kiyyaafi haasa’a kiyyaan namoota irra si filadheera, Waan Ani siif kenne qabadhu, Galateeffattoota irraa ta’i."
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَكَتَبۡنَا لَهُۥ فِي ٱلۡأَلۡوَاحِ مِن كُلِّ شَيۡءٖ مَّوۡعِظَةٗ وَتَفۡصِيلٗا لِّكُلِّ شَيۡءٖ فَخُذۡهَا بِقُوَّةٖ وَأۡمُرۡ قَوۡمَكَ يَأۡخُذُواْ بِأَحۡسَنِهَاۚ سَأُوْرِيكُمۡ دَارَ ٱلۡفَٰسِقِينَ
Loohiwwan keessatti waan hunda irraa gorsaafi ibsa waan hundaa isaaf barreessine. "Ishee ciminaan qabadhu, ummata keetis akka toltuu ishee qabatan ajaji. Ani biyya finciltootaa fuuldurattin isinitti agarsiisa" (jedheen).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
سَأَصۡرِفُ عَنۡ ءَايَٰتِيَ ٱلَّذِينَ يَتَكَبَّرُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ بِغَيۡرِ ٱلۡحَقِّ وَإِن يَرَوۡاْ كُلَّ ءَايَةٖ لَّا يُؤۡمِنُواْ بِهَا وَإِن يَرَوۡاْ سَبِيلَ ٱلرُّشۡدِ لَا يَتَّخِذُوهُ سَبِيلٗا وَإِن يَرَوۡاْ سَبِيلَ ٱلۡغَيِّ يَتَّخِذُوهُ سَبِيلٗاۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا وَكَانُواْ عَنۡهَا غَٰفِلِينَ
Ani warra haqaan ala dachii keessatti boonan keeyyattoota kiyya irraa garan galcha, Yoo mallattoolee hunda arganis isatti hin amananu, Yoo karaa qajeelaa argan isa karaa hin godhatanu, Yoo karaa jallinaa argan isa karaa godhatu, Kun waan isaan keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi ishee irraas dagatoo turaniifi.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا وَلِقَآءِ ٱلۡأٓخِرَةِ حَبِطَتۡ أَعۡمَٰلُهُمۡۚ هَلۡ يُجۡزَوۡنَ إِلَّا مَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Warri keeyyattoota keenyaafi qunnamtii Aakhiraa kijibsiisan, dalagaaleen isaanii badde, Sila waan hojjataa turan malee mindeeffamuu?
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَٱتَّخَذَ قَوۡمُ مُوسَىٰ مِنۢ بَعۡدِهِۦ مِنۡ حُلِيِّهِمۡ عِجۡلٗا جَسَدٗا لَّهُۥ خُوَارٌۚ أَلَمۡ يَرَوۡاْ أَنَّهُۥ لَا يُكَلِّمُهُمۡ وَلَا يَهۡدِيهِمۡ سَبِيلًاۘ ٱتَّخَذُوهُ وَكَانُواْ ظَٰلِمِينَ
Ummanni Muusaa (deemsa) isaa booda faaya isaanii irraa jibicha qaama sagaleen (akka koqiinsaa) isaaf taate tolfatan, Sila akka inni isaanitti hin dubbanneefi gara karaa (sirriis) isaan hin qajeelchine hin arganuu? (Gabbaramaa) isa godhatan; miidhaa hojjattootas ta’an.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَلَمَّا سُقِطَ فِيٓ أَيۡدِيهِمۡ وَرَأَوۡاْ أَنَّهُمۡ قَدۡ ضَلُّواْ قَالُواْ لَئِن لَّمۡ يَرۡحَمۡنَا رَبُّنَا وَيَغۡفِرۡ لَنَا لَنَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ
Yeroo gaabbanii jallachuu isaaniis argan, (tawbataniitin) jedhan: "odoo Gooftaan keenya rahmata nuuf godhuu baateefi nuuf hin araaramnee, dhugumatti silaa nuti hoonga’oo irraa taana ture."
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: അഅ്റാഫ്
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക